Of Hin Daangessinaa—Miira Gaʼumsa Hin Qabu Jedhu Moʼuu Dandeessu
1. Babalʼistoonni tokko tokko namoonni Macaafa Qulqulluu akka qayyabatan afeeruurraa duubatti kan jedhan maaliifi?
1 Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu geggeessuuf dandeettii akka hin qabne waan isinitti dhagaʼameef qofa, namoonni Macaafa Qulqulluu akka qayyabatan afeeruurraa duubatti jettuu? Tajaajiltoonni Yihowaa amanamoon bara durii, kan akka Museefi Ermiyaasillee hojii isaaniif kenname raawwachuuf gaʼumsa akka hin qabne yeroon isaanitti dhagaʼame jira ture. (Bau. 3:10, 11; 4:10; Er. 1:4-6) Kanaaf, miirri akkasii namatti dhagaʼamuunsaa haaraa miti. Maarree miira akkasii moʼuun kan dandaʼamu akkamitti?
2. Manaa gara manaatti lallabuu qofarratti xiyyeeffannee, qayyabannaa Macaafa Qulqulluu geggeessuummoo babalʼistoota kaaniif dhiisuu kan hin qabne maaliifi?
2 Yihowaan wanta humna keenyaa ol taʼe akka hojjennu nurraa akka hin eegne yaadachuu qabna. (Far. 103:14) Kanaaf, hojiin ‘isaan barsiisuudhaan’ “bartoota” akka goonu nuu kenname hojii humna keenyaa ol taʼe miti. (Mat. 28:19, 20) Yihowaan mirga kana kan kenne, nu keessaa warra muuxannoo ykn dandeettii guddaa qabaniif qofa miti. (1 Qor. 1:26, 27) Kanaaf, manaa gara manaatti lallabuu qofarratti xiyyeeffannee, qayyabannaa Macaafa Qulqulluu geggeessuummoo babalʼistoota kaaniif dhiisuu hin qabnu.
3. Yihowaan hojii qayyabannaa Macaafa Qulqulluu geggeessuutiif gaʼumsa akka qabaannu kan nu godhe akkamitti?
3 Gaʼumsa Akka Qabaannu Kan Godhu Yihowaadha: Hojii bartoota gochuutiif gaʼumsa akka qabaannu kan nu godhe Yihowaadha. (2 Qor. 3:5) Yihowaan, karaa jaarmiyaasaa dhugaa Macaafa Qulqulluu namoonni biyya lafaa beekumsa guddaa qabanillee hin beekne nu barsiiseera. (1 Qor. 2:7, 8) Kana malees, tooftaan Yesus inni Barsiisaa Guddicha taʼe barsiisuuf itti fayyadame hordofuu akka dandeenyutti galmeeffamee akka nuuf taaʼu godheera; karaa gumiis leenjii walirraa hin cinne nuu kennaa jira. Kana malees, barreeffamoota qayyabannaa Macaafa Qulqulluu ittiin geggeessinu nuu qopheesseera. Kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu jedhamu dabalatee, barreeffamoota dhugaa Macaafa Qulqulluu karaa sirriifi salphaatti hubatamuu dandaʼuun barsiisuuf gargaaran nuu qopheesseera. Kanaaf qayyabannaa Macaafa Qulqulluu geggeessuun, hamma nuti yaannu ulfaataa taʼuu dhiisuu dandaʼa.
4. Yihowaan akka nu gargaaru mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliifi?
4 Museefi Ermiyaas gargaarsa Yihowaatiin hojii isaaniif kenname raawwachuu dandaʼaniiru. (Bau. 4:11, 12; Er. 1:7, 8) Yihowaan nuunis akka nu gargaaru isa kadhachuu dandeenya. Kana malees, qayyabannaa Macaafa Qulqulluu tokko yeroo geggeessinu, nama sana waaʼee Yihowaa dhugaasaa barsiisaa jirra jechuudha; kunimmoo hojii Waaqayyoon gammachiisudha. (1 Yoh. 3:22) Kanaaf, hojii qayyabannaa Macaafa Qulqulluu geggeessuu, isa nama gammachiisuufi nama kiisurratti hirmaachuuf galma baafadhaa.