LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 3/14 ful. 2
  • Carraa Argattanitti Ni Fayyadamtuu?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Carraa Argattanitti Ni Fayyadamtuu?
  • Tajaajila Mootummaa—2014
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Dinqisiifannaa Keenya Haa Argisiisnu Ayyaanni Yaadannoo Ebla 17 Kabajama
    Tajaajila Mootummaa—2011
  • “Kanas Seenaa Kootiif Godhadhaa!” Ayyaana Yaadannoo Ebla 5 Kabajamu
    Tajaajila Mootummaa—2012
  • “Jaalalli Kiristoos Nu Dirqisiisa”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2023
  • “Waan Hundumaatiif Galateeffadhaa”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2019
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2014
km 3/14 ful. 2

Carraa Argattanitti Ni Fayyadamtuu?

Ayyaanni Yaadannoo Dhiheenyatti Kabajnu Galateeffannaa Argisiisuuf Nu Gargaara

1. Ayyaanni Yaadannoo carraa akkamii nuuf bana?

Ayyaanni Yaadannoo Ebla 14 kabajamu, galateeffannaa gaarummaa Yihowaan nuu godheef qabnu guddifachuufi argisiisuuf carraa gaarii nuu bana. Seenaan Luqaas 17:11-18⁠rra jiru, Yihowaafi Yesus galateeffannaadhaaf ilaalcha akkamii akka qaban argisiisa. Kan nama gaddisiisu, namoota kurnan dhukkuba lamxiirraa fayyan keessaa galateeffannaasaa ibsuuf carraa qabutti kan fayyadame isa tokko qofa. Gara fuulduraatti, furiin guutummaatti dhukkuba hundarraa nu fayyisuudhaan jireenyi barabaraa akka nuuf dhugoomu godha! Yeroo sanatti, eebbawwan akkasiitiif guyyaa guyyaadhaan Yihowaa akka galateeffannu beekamaadha. Haataʼu malee, tibba Ayyaana Yaadannootti galateeffannaa qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

2. Galateeffannaa furichaaf qabnu guddifachuu kan dandeenyu akkamitti?

2 Galateeffannaa Qabdan Guddifadhaa: Miira galateeffannaa qabachuu kan dandeenyu yoo itti yaannedha. Sagantaa dubbisa Macaafa Qulqulluu torban Ayyaana Yaadannoo galateeffannaa furichaaf qabnu argisiisuuf nu gargaaru bakka hedduudhaa argachuun ni dandaʼama. Isaan keessaa kanneen akka Macaafa Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa isa haareffamerraa appeendeksii B12, kaalaandariifi buukleetii Caaffata Qulqullaaʼoo Guyyaa Guyyaan Qoruu jedhamurratti argama. Dubbisa kana maatii keessanii wajjin dubbisuu dandeessu. Akkas gochuun keenya, dinqisiifannaan furichaaf qabnu akka dabalu godha. Kunimmoo ilaalcha keenyarratti jijjiirama gaarii fida.—2 Qor. 5:14, 15; 1 Yoh. 4:11.

3. Tibba Ayyaana Yaadannootti galateeffannaa qabnu argisiisuu kan dandeenyu karaawwan kamiini?

3 Galateeffannaa Qabdan Argisiisaa: Galateeffannaan gochaan argisiifama. (Qol. 3:15) Namichi lamxiirraa fayye, Yesusiin argatee galateeffachuuf carraaqqii godheera. Akkasumas haala dinqii taʼeen fayyifamuusaa miira hoʼaadhaan namoota kaanitti akka hime hin shakkisiisu. (Luq. 6:45) Galateeffannaan furichaaf qabnu, duula Ayyaana Yaadannoo beeksisuuf godhamurratti hinaaffaadhaan hirmaachuuf nu kakaasaa? Karaan kan biraan galateeffannaa qabnu argisiisuuf nu gargaaru, tibba Ayyaana Yaadannootti qajeelchaa gargaaraa taʼuu ykn hirmaannaa tajaajilarratti goonu guddifachuudha. Galgala Ayyaanni yaadannoo kabajamutti, dinqisiifannaan qabnu, namoota haaraa ayyaanicharratti argamuuf dhufan simachuufi gaaffiisaanii deebisuuf qophee taʼuuf nu kakaasa.

4. Ayyaanni Yaadannoo kun erga darbee booda akka hin gaabbineef maal gochuu dandeenya?

4 Ayyaana Yaadannoo kana kan kabajnu yeroo dhumaatiif taʼaa laata? (1 Qor. 11:26) Wanta beeknu hin qabnu. Wanti beeknu garuu, erga darbee booda carraa dinqisiifannaa qabnu itti argisiisnu kan hin qabne taʼuu keenyadha. Kanaaf carraa argattanitti ni fayyadamtuu? Wanti dinqisiifannaadhaan dubbannuufi wanti irratti yaadnu, Yihowaa isa kennaa furii nuuf qopheesse duratti fudhatama kan qabu haa taʼu.—Far. 19:14.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi