Fakkeenya Raajotaa Hordofaa—Sefaaniyaa
1. Sefaaniyaan raajii taʼee kan tajaajile haala akkamii keessatti? Yeroo harʼaa nuuf fakkeenya gaarii kan taʼu akkamitti?
1 Yeroonsaa Dh.K.D. walakkaa jaarraa torbaffaatti siʼa taʼu, waaqeffannaan Baʼaal Yihudaa keessatti ifatti raawwatamaa ture. Amoon Mootichi hamaan dhiheenyatti ajjeefamee, Yosiyaas Mootichi dargaggeessa taʼe bulchaa jira ture. (2 Sen. 33:21–34:1) Yeroo sanatti, Yihowaan Sefaaniyaan ergaa firdiisaa akka labsu godhe. Sefaaniyaan miseensa mana mootummaa Yihudaa kan ture taʼus, ergaa balaaleffannaa Yihowaan bulchiinsa Yihudaarratti dabarse hin tuffanne. (Sef. 1:1; 3:1-4) Haaluma wal fakkaatuun, nuyis akkuma Sefaaniyaa ija jabeeyyii taʼuuf kan yaallu taʼuusaarrayyuu, walitti dhufeenyi maatii keenyaa wajjin qabnu waaqeffannaa Yihowaadhaaf dhiheessinurratti dhiibbaa gadhee akka geessisu hin heyyamnu. (Mat. 10:34-37) Sefaaniyaan ergaa akkamii labse? Buʼaansaahoo maal ture?
2. Guyyaa dheekkamsa Yihowaatti badiisarraa ooluuf tarkaanfii akkamii fudhachuu qabna?
2 Yihowaa Barbaaddachuu: Guyyaa dheekkamsasaatti namoota oolchuu kan dandaʼu Yihowaa qofadha. Kanaafuu, Sefaaniyaan namoonni Yihudaa Yihowaa, qajeelinaafi garraamummaa akka barbaaddatan isaan gorseera. (Sef. 2:2, 3) Bara keenyattis haallisaa wal fakkaata. Akkuma Sefaaniyaa warri kaan Yihowaa akka barbaaddatan isaan jajjabeessina. Haataʼu malee, nuyis ‘Waaqayyo duukaa buʼuu dhiisnee akka hin garagalle’ murteessuu qabna. (Sef. 1:6) Kanaa mannaa, Dubbiisaa of eeggannoodhaan qayyabachuufi qajeelfamasaa argachuuf kadhachuudhaan Yihowaa ni barbaaddanna. Amala gaarii qabaannee jiraachuudhaan qajeelina ni barbaaddanna. Akkasumas, bitamuuf fedhii qabaachuufi qajeelfama jaarmiyaan Yihowaa nuu kennu dafnee hojiirra oolchuudhaan garraamummaa ni barbaaddanna.
3. Tajaajilarratti ilaalcha gaarii qabaachuu kan qabnu maaliifi?
3 Buʼaa Gaarii: Ergaan firdii Sefaaniyaan dubbate, yoo xinnaate namoonni Yihudaa keessa jiran muraasni tarkaanfii akka fudhatan isaan kakaaseera; tarii garuu hamma Yosiyaas isa ijoollummaasaatti Yihowaa barbaaddachuu jalqabee, namni ergaa kanaan tuqame jiraachuu dhiisuu dandaʼa. Yeroo booda Yosiyaas waaqeffannaa waaqolii tolfamoo biyyattii keessaa balleessuuf tarkaanfii guddaa fudhateera. (2 Sen. 34:2-5) Yeroo harʼaa, sanyiin Mootummichaa tokko tokko karaarra, lafa dhagaarra ykn qoraattii keessa kan buʼu taʼullee, sanyiin tokko tokko lafa gaariirra buʼee firii godhachuu dandaʼa. (Mat. 13:18-23) Sanyii Mootummichaa dhimminee yoo facaasne, Yihowaan carraaqqii keenya nuu eebbisuusaa akka itti fufu homaa hin shakkinu.—Far. 126:6.
4. Yihowaa ‘eeggachuu’ kan qabnu maaliifi?
4 Namoonni Yihudaa tokko tokko Yihowaan tarkaanfii akka hin fudhanne isaanitti dhagaʼamee ture. Yihowaan garuu guyyaansaa inni guddaan akka dhihaate isaaniif mirkaneesseera. (Sef. 1:12, 14) Badiisarraa kan oolan, namoota isa amanatan qofadha. (Sef. 3:12, 17) Yeroo Yihowaa ‘eeggachaa’ jirru kanatti, waaqeffattoota Waaqa keenya isa guddaa kaanii wajjin tokkummaadhaan tajaajiluutti kan gammadnu haa taanu!—Sef. 3:8, 9.