Akkaataa Dhiheenyaa
Jiʼa Jiʼaan, Sanbadduraa Isa Jalqabaatti Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Jalqabsiisuuf Gargaaru
“Olloota keenyaa wajjin dhimma tokkorratti mariʼachaa jirra. Namoonni rakkoowwan ciccimoo kanneen akka gooliifi jalʼinaa balleessuuf dandeettii waan qaban sitti fakkaataa?” Hanga deebii kennutti eegi. Kadhannaa Gooftaa keessatti, Yesus duuka buutonnisaa bulchiinsi akkasii, jechuunis Mootummaan Waaqayyoo akka dhufu akka kadhatan barsiisuusaa itti himi. Duuba Masaraa Eegumsaa Onkoloolessa-Muddee itti argisiisuudhaan, yaada mataduree jalqabaa jala jiruufi yoo xinnaate caqasa tokkorratti waliin mariʼadhu. Barrucha isaaf kenniitii gaaffii itti aanurratti yeroo kan biraa mariʼachuuf beellama qabadhu.
Masaraa Eegumsaa Onkoloolessa-Muddee
“Waaʼee kadhannaa beekamaa taʼeefi Yesus duuka buutotasaa barsiise tokkoo olloota keenyaa wajjin mariʼachaa jirra. [Maatewos 6:9, 10 dubbisi.] Mootummaan Waaqayyoo maal akka taʼeefi Yesus barumsasaa keessatti waaʼee Mootummaa kanaa baayʼinaan kan caqase maalif akka taʼe ibsa balʼaa argattee beektaa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Barruun kun Macaafni Qulqulluun Mootummaa Waaqayyoo ilaalchisee maal akka jedhuufi faayidaa Mootummaan kun lafaaf argamsiisu caqasa.”
Dammaqaa! Onkoloolessa-Muddee
“Akkuma beektu, addunyaa keenya keessa wantoonni nagaa ollaawwaniifi michoota keenyaa wajjin qabnu booressan baayʼeedha. Haataʼu malee hedduun keenya namoota kanaa wajjin nagaadhaan walii gallee jiraachuu barbaanna. Garuu darbee darbee walitti buʼiinsi yoo uumamellee, walii galanii nagaadhaan jiraachuun ni dandaʼama jettee yaaddaa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Gama kanaan Macaafni Qulqulluun nu fayyaduu dandaʼa. [Efesoon 4:32 dubbisiitii barrucha isaaf kenni.] Barruun kun seerawwan buʼuuraa Macaafa Qulqulluu nagaa uumuuf nu gargaaraniifi akkaataa seerawwan buʼuuraa kana hojiirra oolchuu itti dandeenyu qabateera.”