LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 6/15 ful. 2
  • Babalʼistoota Muuxannoo Qaban Irraa Barachuu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Babalʼistoota Muuxannoo Qaban Irraa Barachuu
  • Tajaajila Mootummaa—2015
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Afeeruu Ni Dandeessaa?
    Tajaajila Mootummaa—2013
  • Warri Haaraan Akka Lallaban Leenjisuu Kan Dandeenyu Akkamitti?
    Tajaajila Mootummaa—2010
  • Dandeettii Tajaajila Irratti Qabnu Fooyyeffachuu—Babalʼistoota Haaraa Leenjisuu
    Tajaajila Mootummaa—2015
  • Hinaaffaa Tajaajilaaf Qabdu Eegi
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2015
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2015
km 6/15 ful. 2

Babalʼistoota Muuxannoo Qaban Irraa Barachuu

Babalʼistoota gumii keenyaa muuxannoo qabaniif iddoo guddaa kennina. Isaan keessaa tokko tokko, waggoota hedduudhaaf amanamummaadhaan Yihowaa tajaajilaniiru. Warri kaan immoo Yihowaa kan tajaajilan yeroo dheeraadhaaf taʼuu dhiisuu dandaʼa. Babalʼistoonni kun, akkaataa Yesus bara dhumaa kana keessatti hojii lallabuu fi bartoota gochuu babalʼisuudhaan gumii Kiristiyaanaa itti geggeessaa jiru arganiiru. (Mat. 28:19, 20) Yeroo rakkinni dhuunfaa fi qorumsi isaan irra gaʼu, tajaajila kana irratti hirmaachuudhaan ‘humna humna gararraa’ argataniiru. (2 Qor. 4:7) Babalʼistoota muuxannoo qaban kana irraa wanta barannu hedduu qabna. Yeroo carraa argatan hundatti, wanta baratan warraa kaan barsiisuun isaan gammachiisa. (Far. 71:18) Kanaafuu, isaan irraa barachuuf haala mijeessuu qabna. Kana gochuun kan dandaʼamu akkamitti?

Tajaajila Irratti. Babalʼistoonni haaraan ykn warri muuxannoo gaʼaa hin qabne tajaajila irratti buʼa qabeeyyii taʼuuf leenjii argachuu qabu. Babalʼistoonni muuxannoo qaban tajaajila isaanii akkamitti akka raawwatan ilaaluudhaan barumsa guddaa argachuun ni dandaʼama. (Mata duree Masaraa Eegumsaa Guraandhala 15, 2015 irratti baʼee fi “Hinaaffaa Tajaajilaaf Qabdu Eegi,” jedhu jalaa, keeyyata sadaffaa mata duree xiqqaa “Warra Muuxannoo Hin Qabne Gargaari” jedhu jala jiru ilaali.) Namoota akkasii wajjin tajaajila irratti hirmaachuu keetti buʼaa maalii argatte?

Babalʼisaan muuxannoo qabu tokko sii wajjin akka tajaajilu afeeruu ni dandeessaa laata? Babalʼisaan sun dhibee fayyaa kan qabu yoo taʼe, tarii darbee darbee qayyabannaa Macaafa Qulqulluu yeroo geggeessitu isa afeeruu dandeessa taʼa. Qayyabannicha booda, babalʼisaan sun yaadaa fi gorsa akka sii kennu gaafadhu.

Isaanii Wajjin Dhuunfaatti Yeroo Dabarsuu: Babalʼistoota muuxannoo qaban wajjin yeroo dabarsuudhaan sirriitti isaan beeki. Isaan keessaa tokko waaqeffannaa maatii keessan irratti afeeriitii gaafannoo godhiif. Babalʼisichi dhibee fayyaa kan qabu yoo taʼe, mana isaatti waaqeffannaa maatii gochuuf haala mijeessuu ni dandeessaa? Akkamitti dhugaa akka dhagaʼe isa gaafadhu. Eebbawwan akkamii argate? Naannoo jirutti guddina akkamii arge? Yihowaa tajaajiluudhaan gammachuu akkamii argate?

Haala isaanii kan hubattan taʼaa; garmalees isaan irraa hin eeginaa. Akkuma hunda keenyaa, babalʼistoonni yeroo dheeraadhaaf tajaajilan tajaajila irratti kennaa adda addaa qabu. (Rom. 12:6-8) Obboloonni tokko tokko umurii dheeraa kan jiraatan waan taʼaniif, wanti isaan tajaajila irrattii fi jireenya hawaasummaa keessatti raawwachuu dandaʼan daangeffamaa taʼuu dandaʼa. Taʼus, amanamummaadhaan Yihowaa tajaajiluudhaan muuxannoo waan qabaniif, isaan irraa waan baayʼee barachuu dandeenya.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi