BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | ISAAYAAS 47-51
Yihowaadhaaf Ajajamuun Eebba Argamsiisa
Yihowaan gammadoo akka taanu waan barbaaduuf, jaalalaan kakaʼee ‘karaan irra deemuu’ qabnu nutti argisiisa. Isaaf kan ajajamnu yoo taʼe ni fayyadamna.
“Nagaan kee akka laga bishaanii in yaaʼa”
Yihowaan nagaa akka laga bishaan yeroo hunda yaaʼu akka argannu waadaa nuuf galeera
“Qajeelummaan kees akka guuboo galaanaa ol in kaʼa”
Hojiin keenya inni qajeelummaa irratti hundaaʼe akka dhaʼaa galaanaa ol kaʼuu kan hin lakkaaʼamne taʼa