Namoonni walgaʼii Kuuk Aaylaandis irratti akka argaman afeeruu
Ittiin Lixa
MASARAA EEGUMSAA
Gaaffii: Dhuguma maleekonni jiruu?
Caqasa: Far 103:20
Barreeffamicha Kennuuf: Masaraan Eegumsaa kun Kitaabni Qulqulluun maleekota ilaalchisee maal akka jedhuu fi yeroo ammaatti akkamitti jireenya keenya irratti jijjiirama akka fidan ibsa.
DHUGAA BARSIISAA
Gaaffii: Saayinsiin Kitaaba Qulqulluu wajjin waan wal faallessu sitti fakkaataa?
Caqasa: Isa 40:22
Dhugaa: Wanti Kitaabni Qulqulluun saayinsii ilaalchisee dubbatu sirrii dha.
WARAQAA AFEERRII WALGAʼIIWWAN GUMII (inv)
Barreeffamicha Kennuuf: Haasaa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼee dhihaatu tokko irratti akka argamtu si afeeruufan dhufe. Haasichi Galma Walgaʼii keenya keessatti dhihaata. [Waraqaa afeerrii walgaʼichaa kenniif, dhuma torbaniitti bakkaa fi saʼaatii walgaʼichi itti godhamu waraqaa afeerrichaa irraa itti argisiisi, mata duree haasaa sabaas itti himi.]
Gaaffii: Gara Galma Walgaʼii Dhugaa Baatota Yihowaa dhaqxee beektaa? [Kan mijatu taanaan, viidiyoo Galma Mootummaa Keenya Keessatti Maaltu Raawwatama? jedhu itti argisiisi.]
ITTIIN LIXA MATAA KEE QOPHEEFFADHU
Ittiin lixa mataa kee qopheeffachuuf haala fakkeenyonni armaan olii ittiin qophaaʼan hordofi