AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
Barumsa Kitaaba Yoonaas Irraa Argannu
Yihowaan, barumsa guddaa nu barsiisuuf jecha seenaawwan dhiirotaa fi dubartoota amanamoo taʼanii Kitaaba Qulqulluu keessatti akka galmeeffaman godheera. (Rom 15:4) Kitaaba Yoonaas irraa maal barattu? Viidiyoo Waaqeffannaa Maatii: Yoonaas—Gara Laafina Yihowaa Irraa Barachuu jedhu ilaalaa, achiis gaaffiiwwan armaan gadii deebisuuf yaalaa:
Rakkinni babalʼistoota viidiyicha keessatti ibsaman sadii mudatee ture maali dha?
Adabni yoo nuu kenname ykn mirga tajaajilaa keenya yoo dhabne, Kitaabni Yoonaas kan nu gargaaruu akkamitti? (1Sam 16:7; Yon 3:1, 2)
Seenaan Yoonaas naannoo tajaajilaa keenyaaf ilaalcha sirrii akka qabaannu kan nu gargaaru akkamitti? (Yon 4:11; Mat 5:7)
Dhibee fayyaa cimaa yoo qabaanne, muuxannoon Yoonaas nu jajjabeessuu kan dandaʼu akkamitti? (Yon 2:1, 2, 7, 9)
Viidiyoo kana irraa faayidaa Kitaaba Qulqulluu dubbisuu fi irratti xiinxaluun qabu ilaalchisee maal baranna?