AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
Dubbii Waaqayyootiif Hangam Bakka Guddaa Kennitu?
Kitaabni Qulqulluun yaadaa fi dubbii Yihowaa isa abbaa kitaaba qulqulluu taʼe kanaa kan qabate dha. (2Ph 1:20, 21) Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo Mootummaa isaatti fayyadamee ol aantummaa isaa akka mirkaneessu ibsuudhaan dhiheenyatti yeroo gaariin akka dhufu ilmaan namootaa hundaaf abdii kenna. Kitaabni Qulqulluun amala Yihowaa isa Abbaa keenya jaalala qabeessa taʼees ni ibsa.—Far 86:15.
Hundi keenya sababii Dubbii Yihowaatiif bakka guddaa itti kenninu adda addaa qabna. Haa taʼu malee, guyyaa guyyaadhaan dubbisuu fi jireenya keenya keessatti hojii irra oolchuudhaan kennaa gatii guddaa qabu kanaaf bakka guddaa akka kenninu ni argisiisnaa? Gochi keenya akkuma miira faarfatichaa isa, “Ani seera kee attam nan jaalladha!” jedhe sanaa kan argisiisu haa taʼu.—Far 119:97.
VIIDIYOO KITAABA QULQULLUUDHAAF BAKKA GUDDAA KENNANIIRU—GABAABFAMEE KAN FUDHATAME (WIILIYAAM TIINDAL) JEDHU ILAALAA, ACHIIS GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:
Wiiliyaam Tiindal kutaawwan Kitaaba Qulqulluu kan hiike maaliifi?
Carraaqqiin inni Kitaaba Qulqulluu hiikuuf godhe baayʼee dinqisiisaa dha kan jennu maaliifi?
Kitaabni Qulqulluun Tiindal gara Ingilaandi dhoksaadhaan kan gale akkamitti?
Tokkoon tokkoon keenya Dubbii Waaqayyootiif bakka guddaa akka kenninu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?