LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb20 Hagayya ful. 3
  • Yeroo Dhumni Dhihaatee Jiru Kanatti Jabaadhaa Dhaabbadhaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yeroo Dhumni Dhihaatee Jiru Kanatti Jabaadhaa Dhaabbadhaa
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2020
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Amalawwan Waaqayyoon Gammachiisan Horadhaa—Ija Jabina
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2017
  • Ija Jabeeyyii Taʼuu ni Dandeenya
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2021
  • ‘Ija Jabaadhaa, Hojjedhaas!’
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2017
  • Ija Jabina Naa Kenni
    Yihowaa ‘Gammachuudhaan Faarfadhaa’
Dabalataan Ilaaluuf
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2020
mwb20 Hagayya ful. 3

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Yeroo Dhumni Isaa Dhihaatee Jiru Kanatti Jabaadhaa Dhaabbadhaa

BARBAACHISAA KAN TAʼE MAALIIFI? Taʼeewwan addaa dhiheenyatti raawwataman haala kanaan dura taʼee hin beekneen ija jabina keenyaa fi amanannaa Yihowaa irratti qabnu ni qoru. Rakkinni guddaan badiisa amantii sobaatiin jalqaba. (Mat 24:21; Mul 17:16, 17) Yeroo taʼeewwan kun raawwatamanitti ergaa murtii ulfaataa taʼe labsina. (Mul 16:21) Haleellaan Goog isa biyya Maagoogis nu mudata. (His 38:10-12, 14-16) Yeroo kanatti Yihowaan saba isaa oolchuuf “waraana guyyaa guddaa isa kan Waaqayyo Hundumaa Dandaʼuu” sana fida. (Mul 16:14, 16) Taʼeewwan gara fuulduraatti nu mudatan keessatti ija jabina akka qabaannuuf, qorumsa amantii yeroo ammaatti nu mudatu keessatti jabaannee dhaabbachuu qabna.

KANA GOCHUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?

  • Ulaagaawwan naamusaa Yihowaa warra ol aanoo taʼan ija jabinaan deggeruu.—Isa 5:20

  • Obboloota keenyaa wajjin waaqeffachuu keenya itti fufuu.—Ibr 10:24, 25

  • Qajeelfama jaarmiyaan Yihowaa nuu kennuuf ajajamuuf qophaaʼoo taʼuu.—Ibr 13:17

  • Yihowaan kanaan dura saba isaa akkamitti akka oolche irratti xiinxaluu.—2Ph 2:9

  • Yihowaa kadhachuu, akkasumas isatti amanamuu.—Far 112:7, 8

VIIDIYOO WANTOOTA GARA FUULDURAATTI RAAWWATAMANII FI IJA JABINA GAAFATAN—GABAABFAMEE KAN FUDHATAME JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Suuraa viidiyoo ‘Wantoota Gara Fuulduraatti Raawwatamanii Fi Ija Jabina Gaafatan’ jedhamu irraa fudhatame. Galma Walgaʼii keessa obboleettiin tokko beeksisa gumiin isaanii gumiiwwan kan biroo wajjin walitti makamuu isaa ibsu erga dubbistee booda yaaddoftee jirti.

    Gumiin tokko gumiiwwan kan biroo wajjin yeroo walitti makametti babalʼistoonni gumichaa ajajamuu wajjin haala wal qabateen qorumsa akkamiitu isaan mudate?

  • Suuraa viidiyoo ‘Wantoota Gara Fuulduraatti Raawwatamanii Fi Ija Jabina Gaafatan’ jedhamu irraa fudhatame. Obboleettiin tun obboleettota kan biroo lamaa wajjin gumichi gumiiwwan kan biroo wajjin walitti makamuu isaa ilaalchisee haasaʼaa jirti.

    Ija jabinnii fi ajajamuun kan wal qabatan akkamitti?

  • Suuraa viidiyoo ‘Wantoota Gara Fuulduraatti Raawwatamanii Fi Ija Jabina Gaafatan’ jedhamu irraa fudhatame. Mucaan tokko kitaaba ‘Mootummaan Waaqayyoo Bulchaa Jira!’ jedhamu irraa fakkii waraana Armaagedoon argisiisu irratti erga xiinxalee booda yaaddaʼee jira.

    Yeroo Armaagedoonitti ija jabina qabaachuun kan nu barbaachisu maaliifi?

  • Suuraa viidiyoo ‘Wantoota Gara Fuulduraatti Raawwatamanii Fi Ija Jabina Gaafatan’ jedhamu irraa fudhatame. Yoshaafaaxii fi namoonni Yihudaa kan biroon gara dirree waraanaa deemanii diinonni isaanii hundi dhumanii argaa jiru.

    Taʼeewwan gara fuulduraatti raawwatamanii fi ija jabina gaafataniif ammuma qophaaʼi

    Seenaan Kitaaba Qulqulluu humna Yihowaan nu oolchuuf qabu irratti amantii qabnu cimsachuuf nu gargaaru isa kami?—2Se 20:1-24

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi