AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
Yeroo Dhumni Isaa Dhihaatee Jiru Kanatti Jabaadhaa Dhaabbadhaa
BARBAACHISAA KAN TAʼE MAALIIFI? Taʼeewwan addaa dhiheenyatti raawwataman haala kanaan dura taʼee hin beekneen ija jabina keenyaa fi amanannaa Yihowaa irratti qabnu ni qoru. Rakkinni guddaan badiisa amantii sobaatiin jalqaba. (Mat 24:21; Mul 17:16, 17) Yeroo taʼeewwan kun raawwatamanitti ergaa murtii ulfaataa taʼe labsina. (Mul 16:21) Haleellaan Goog isa biyya Maagoogis nu mudata. (His 38:10-12, 14-16) Yeroo kanatti Yihowaan saba isaa oolchuuf “waraana guyyaa guddaa isa kan Waaqayyo Hundumaa Dandaʼuu” sana fida. (Mul 16:14, 16) Taʼeewwan gara fuulduraatti nu mudatan keessatti ija jabina akka qabaannuuf, qorumsa amantii yeroo ammaatti nu mudatu keessatti jabaannee dhaabbachuu qabna.
KANA GOCHUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?
Ulaagaawwan naamusaa Yihowaa warra ol aanoo taʼan ija jabinaan deggeruu.—Isa 5:20
Obboloota keenyaa wajjin waaqeffachuu keenya itti fufuu.—Ibr 10:24, 25
Qajeelfama jaarmiyaan Yihowaa nuu kennuuf ajajamuuf qophaaʼoo taʼuu.—Ibr 13:17
Yihowaan kanaan dura saba isaa akkamitti akka oolche irratti xiinxaluu.—2Ph 2:9
Yihowaa kadhachuu, akkasumas isatti amanamuu.—Far 112:7, 8
VIIDIYOO WANTOOTA GARA FUULDURAATTI RAAWWATAMANII FI IJA JABINA GAAFATAN—GABAABFAMEE KAN FUDHATAME JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:
Gumiin tokko gumiiwwan kan biroo wajjin yeroo walitti makametti babalʼistoonni gumichaa ajajamuu wajjin haala wal qabateen qorumsa akkamiitu isaan mudate?
Ija jabinnii fi ajajamuun kan wal qabatan akkamitti?
Yeroo Armaagedoonitti ija jabina qabaachuun kan nu barbaachisu maaliifi?
Taʼeewwan gara fuulduraatti raawwatamanii fi ija jabina gaafataniif ammuma qophaaʼi
Seenaan Kitaaba Qulqulluu humna Yihowaan nu oolchuuf qabu irratti amantii qabnu cimsachuuf nu gargaaru isa kami?—2Se 20:1-24