BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU
“Jiraattota Biyyattii Hundumaa Of Duraa Ariʼaa”
Yihowaan Biyyattii Abdachiifamte keessaa wanta isaan gufachiisuu dandaʼu kam iyyuu akka balleessan saba isaa ajajee ture (Lak 33:52; w10 10/1 29)
Yihowaan carraaqqii biyyattii guutummaatti toʼachuuf godhan isaaniif eebbiseera (Lak 33:53)
Israaʼelonni diinoota isaanii guutummaatti yoo injifachuu baatan rakkinni uumamuu dandaʼa (Lak 33:55, 56; w08 2/15 27 key. 5-6; it-1-E 404 key. 2)
Yihowaa gammachiisuuf, jireenya keenya keessaa wantoota karaa naamusaas taʼe karaa hafuuraa nu faaluu dandaʼan guutummaatti balleessuu qabna. (Yaq 1:21) Yihowaan fedhii cubbuu raawwachuus taʼe dhiibbaa addunyaa isa nama faalu dandamachuuf jabina nu barbaachisu nuuf kenna.