LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb23 Caamsaa ful. 3
  • Yihowaan Akka Si Ilaalutti Of Ilaali

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yihowaan Akka Si Ilaalutti Of Ilaali
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2023
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Murtoowwan Yihowaatti Akka Amanamnu Argisiisan
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2023
  • Wanti Ati hin Beekne Akka Jiru Gad Of Qabuudhaan Amanii Fudhadhu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
  • Yihowaan Akka Si Jaallatu Amani
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
  • Yihowaan “Warra Garaan Isaanii Cabe ni Fayyisa”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2024
Dabalataan Ilaaluuf
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2023
mwb23 Caamsaa ful. 3

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Yihowaan Akka Si Ilaalutti Of Ilaali

“Yihowaan saba isaatti ni gammada.” (Fr 149:4) Mudaa kan qabnu yoo taʼeyyuu Yihowaan amaloota gaggaarii qabnuu fi wanta gara fuulduraatti gochuu dandeenyu ni ilaala. Haa taʼu malee, yeroo tokko tokko nuti haala madaalawaa taʼeen akkasitti of ilaaluun nutti ulfaachuu dandaʼa. Akkaataa warri kaan itti nu qabaniin kan kaʼe miira akka gatii hin qabne nutti dhagaʼamuu wajjin walʼaansoo gochaa jirra taʼa. Yookiin dogoggora kanaan dura raawwanne irratti yoo xiyyeeffanne Yihowaan dhugumaan akka nu jaallatu shakkuu dandeenya taʼa. Miirri akkasii yommuu nutti dhagaʼamu maaltu nu gargaaruu dandaʼa?

Yihowaan wanta namoonni arguu hin dandeenye akka argu yaadadhu. (1Sa 16:7) Kana jechuun wanta nutti of keessatti hin arginellee ni argaa jechuudha. Kan namatti tolu, Kitaabni Qulqulluun Yihowaan akkamitti akka nu ilaalu akka hubannu nu gargaara. Caqasootaa fi seenaawwan Kitaaba Qulqulluu Yihowaan tajaajiltoota isaa hammam akka jaallatu ibsan qoruudhaan kana hubachuu dandeenya.

VIIDIYOO YIHOWAA DURATTI GARAA KEESSAN AMANSIISAA JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Fakkeenyi waaʼee namicha fiigicha fiiguu fi abbaa isaa dubbatuu akkaataa Yihowaan itti nu ilaalu ilaalchisee maal nu barsiisa?

  • Namni cubbuu cimaa hojjete tokko hariiroo Yihowaa wajjin qabu deebifachuuf tarkaanfiiwwan barbaachisoo yoo fudhate, Yihowaa duratti garaa isaa amansiisuu kan dandaʼu akkamitti?—1Yo 3:19, 20

  • Obboleessi kun seenaa Daawitii fi Yoshaafaax dubbisuu fi xiinxaluudhaan kan fayyadame akkamitti?

Seenaawwan Kitaaba Qulqulluu wantoota armaan gadii nu amansiisan.

Namoonni akkamittiyyuu yoo nu ilaalan Yihowaan akka nu jaallatu

  • Heenok (Uma 5:24; Ibr 11:5; Yih 14, 15)

  • Haannaa (1Sa 1:1–2:11, 18-21, 26)

Yihowaan cubbamoota yaada geddarataniif dhugumaan dhiifama akka godhu

  • Minaasee (2Se 33:1-7, 12, 13)

  • Phaawulos (1Xi 1:12-16)

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi