MATA DUREE QOʼANNAA 21
FAARFANNAA 21 Hundumaa Dura Mootummicha Barbaadaa
Magaalaa Dhaabbataa Sana Eeggadhaa
“Magaalaa ishii dhufuuf jirtu hawwiidhaan eegganna.”—IBR. 13:14.
YAADA IJOO
Mata duree kana keessatti Ibroonni boqonnaan 13 yeroo ammaattii fi gara fuulduraatti kan nu gargaaru akkamitti akka taʼe ilaalla.
1. Yesuus Yerusaalem ishii jaarraa jalqabaatti turterra maaltu akka gaʼu dubbatee ture?
YESUUS duʼuusaa guyyoota muraasa dura duuka buutotasaatti raajii tokko himee ture. Raajiin sun raawwiisaa isa jalqabaa kan argate yommuu Yerusaalemii fi manni qulqullummaa ishii balleeffamanittidha. Yesuus magaalaan Yerusaalem, ‘loltootaan akka marfamtu’ akeekkachiisee ture. (Luq. 21:20) Yesuus duuka buutonnisaa loltoota sana, jechuunis loltoota Roomaa akkuma arganiin, naannoo sanaa akka deeman isaan akeekkachiisee ture.—Luq. 21:21, 22.
2. Phaawulos ergamaan Kiristiyaanota Ibrootaa Yihudaa fi Yerusaalem keessa turaniif gorsa akkamii kenne?
2 Phaawulos ergamaan loltoonni Roomaa Yerusaalemitti marsuusaanii waggoota muraasa dura xalayaa ergaa cimaa qabatee fi yeroo ammaatti kitaaba Ibrootaa jedhamee beekamu barreesseera. Phaawulos xalayaa sanarratti Kiristiyaanota Yihudaa fi Yerusaalem keessa jiraniif gorsa barbaachisaa wanta gara fuulduraatti isaan mudatuuf qophaaʼuuf isaan gargaaru isaaniif kenneera. Wanti isaan mudachuuf jedhu kun maal ture? Yerusaalem balleeffamuuf jetti turte. Kiristiyaanonni kun badiisarraa ooluu yoo barbaadan manasaanii fi hojiisaanii dhiisanii deemuuf qophaaʼoo taʼuu qabu. Phaawulos magaalaa Yerusaalemiin ilaalchisee, “Magaalaa dhaabbataa asii hin qabnu” jedhee barreesseera. Achiis, “Kanaa mannaa, magaalaa ishii dhufuuf jirtu hawwiidhaan eegganna” jedheera.—Ibr. 13:14.
3. ‘Magaalaan buʼuura dhugaa qabdu’ maalidha? Ishii barbaaduu kan qabnuhoo maaliifi?
3 Kiristiyaanonni Yerusaalemii fi Yihudaa dhiisanii deemuuf murteessan arrabsoo fi qoosaan isaan mudatee taʼuu dandaʼa; taʼus murtoonsaanii kun lubbuusaanii oolcheera. Nutis yeroo harʼaatti ilmaan namootaatti waan hin amanamneef ykn addunyaa kana keessatti jireenya qananii jiraachuuf waan hin carraaqneef namoonni nutti qoosu. Haa taʼu malee, murtoo akkasii kan goonu maaliifi? Sirni kun yeroo muraasaaf qofa akka turu waan beeknuufi. “Magaalaa buʼuura dhugaa qabdu,” jechuunis Mootummaa Waaqayyoo “ishii dhufuuf jirtu” hawwiidhaan eegganna.a (Ibr. 11:10; Mat. 6:33) Mata dureewwan xixiqqaa ittaansinee ilaallurratti, (1) gorsi Phaawulos kenne Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa magaalaa “ishii dhufuuf jirtu” hawwiidhaan akka eeggatan kan gargaare akkamitti akka taʼe, (2) wantoota fuulduratti isaan eeggataniif kan isaan qopheesse akkamitti akka taʼee fi (3) gorsi inni kenne yeroo harʼaatti kan nu gargaaru akkamitti akka taʼe ilaalla.
YIHOWAA ISA MATUMAA ISIN HIN DHIISNETTI AMANAMAA
4. Yerusaalem Kiristiyaanota biratti magaalaa iddoo guddaa qabdu kan turte maaliifi?
4 Kiristiyaanonni Yerusaalemiif iddoo guddaa kennu turan. Gumiin Kiristiyaanaa jaarraa jalqabaa Dh.K.B. bara 33tti magaalaa kanatti hundeeffame. Qaamni olaanaanis achitti argama. Kana malees, Kiristiyaanonni hedduun magaalaa kana keessaa manaa fi qabeenya hedduu qabu turan. Taʼus, Yesuus duuka buutonnisaa Yerusaalem keessaa, darbees Yihudaa keessaa baqachuu akka qaban isaan akeekkachiiseera.—Mat. 24:16.
5. Phaawulos Kiristiyaanota wanta gara fuulduraatti isaan mudatuuf kan isaan qopheesse akkamitti?
5 Phaawulos Kiristiyaanota wanta gara fuulduraatti isaan mudatuuf qopheessuuf, ilaalcha Yihowaan magaalaa Yerusaalemiif qaburratti akka xiyyeeffatan isaan gargaareera. Phaawulos akka ilaalcha Yihowaatti manni qulqullummaa, sirni lubummaa fi aarsaawwan Yerusaalemitti dhihaatan akka durii isa duratti fudhatama akka hin qabne isaan yaadachiiseera. (Ibr. 8:13) Jiraattota magaalattii keessaa harki caalaansaanii Masiihicha fudhachuu didaniiru. Manni qulqullummaa Yerusaalem giddu gala waaqeffannaa qulqulluu taʼuunsaa hafeera, akkasumas balleeffamuuf jedha ture.—Luq. 13:34, 35.
6. Gorsi Phaawulos Ibroota 13:5, 6rratti Kiristiyaanotaaf kenne yeroosaa kan eeggatedha kan jennu maaliifi?
6 Phaawulos warra Ibrootaaf xalayaa yommuu barreessetti Yerusaalem magaalaa badhaatuu turte. Barreessaan Roomaa bara sanatti jiraate tokko Yerusaalem “magaalota Bahatti argaman keessaa magaalaa baayʼee beekamtuu” akka taate barreesseera. Yihudoonni biyyoota garaa garaatti argaman waggaa waggaadhaan ayyaanota kabajuuf gara magaalaa kanaa deemu turan. Kunimmoo guddina dinagdee magaalattiidhaaf gumaacha godheera. Kiristiyaanonni tokko tokko carraa kanatti fayyadamanii maallaqa hedduu argatanii taʼuu dandaʼa. Tarii Phaawulos akkana jechuudhaan kan isaan gorse kanaafi: “Akkaataan jireenyaa keessan jaalala maallaqaa irraa walaba haa taʼu, wantoota amma qabdanitti gammadaa jiraadhaa.” Achiis Kitaaba Qulqulluu Afaan Ibrootaarraa waadaa Yihowaan, “Ani matumaa si hin dhiisu, matumaas si hin gatu” jechuudhaan gale isaaniif caqaseera. (Ibroota 13:5, 6 dubbisi; Kes. 31:6; Far. 118:6) Kiristiyaanonni Yerusaalemii fi Yihudaa keessa jiraatan yaadachiisni kun isaan barbaachisa ture. Maaliif? Sababiinsaas xalayaan kun isaan gaʼee utuma baayʼee hin turin, manasaanii, hojiisaanii fi qabeenyasaanii dhiisanii baqachuuf dirqamanii turan. Erga baqatanii boodas bakka biraatti jireenya haaraa jalqabuu qabu turan.
7. Amanannaa Yihowaarratti qabnu ammumaa kaasnee cimsachuu kan qabnu maaliifi?
7 Barumsa argannu: Dhiheenyatti maaltu raawwatama? Sirni amma keessa jirru ‘rakkina guddaatti’ ni balleeffama. (Mat. 24:21) Nutis akkuma Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa dammaqoo taʼuu fi qophaaʼuu qabna. (Luq. 21:34-36) Yeroo rakkina guddaatti Yihowaan sabasaa matumaa akka hin dhiisne guutumaa guutuutti amanannaa isarratti qabaachuudhaan, wantoota qabnu muraasa yookiinimmoo guutummaatti dhiisuun nu barbaachisuu dandaʼa. Ammumayyuu, rakkinni guddaan jalqabuusaa dura Yihowaarratti amanannaa akka qabnu argisiisuu dandeenya. Akkana jedhii of gaafadhu: ‘Gochi koo fi galmawwan koo qabeenyarratti utuu hin taʼin, Waaqa isa na kunuunsuuf waadaa galerratti amanannaa akkan qabu argisiisaa?’ (1 Xim. 6:17) Dhugaadha, wanta jaarraa tokkoffaatti uumamerraa barumsa kan argannu taʼus, “rakkinni guddaan” dhiheenyatti jalqabu rakkina Kiristiyaanota mudate hundumaarra kan caaludha. Maarree, yommuu rakkinni guddaan jalqabu maal gochuu akka qabnu akkamitti beekuu dandeenya?
WARRA DURA BUUTOTA TAʼANIIF AJAJAMAA
8. Yesuus barattootasaatiif qajeelfamoota akkamii kennee ture?
8 Kiristiyaanonni Ibrootaa xalayaan Phaawulos isaaniif barreesse erga isaan gaʼee waggoota muraasa booda, magaalaan Yerusaalem loltoota Roomaatiin marfamtee argan. Kun mallattoo baqachuu akka qaban argisiisudha; magaalaan Yerusaalem utuma baayʼee hin turin ni balleeffamti. (Mat. 24:3; Luq. 21:20, 24) Garuu eessatti baqatu? Yesuus, “Warri Yihudaa keessa jiran gara gaarotaatti haa baqatan” jedhee ture. (Luq. 21:21) Haa taʼu malee, naannoo sana gaarota hedduutu jira ture. Maarree gaara isa kamitti baqatu?
9. Kiristiyaanonni gaara itti baqachuu qaban ilaalchisee gaaffiin isaanitti uumamee taʼuu dandaʼa kan jennu maaliifi? (Kaartaas ilaali.)
9 Mee gaarota Kiristiyaanonni itti baqachuu dandaʼan tokko tokko haa ilaallu: fakkeenyaaf gaarreen Samaariyaa, gaarreen Galiilaa, Gaara Hermoon, gaarreen Libaanonii fi gaarreen laga Yordaanos gamatti argaman jiru turan. (Kaartaa ilaali.) Magaalonni naannoo gaarreen kanaatti argaman tokko tokko nagaa kan qaban fakkaachuu dandaʼu. Fakkeenyaaf, magaalaan Gaamlaa gaara guddaa itti ol baʼuuf rakkisaa taʼerratti argamti. Yihudoonni tokko tokko magaalaan kun bakka nagaa qabuu fi itti baqachuu dandaʼan akka taʼe isaanitti dhagaʼamee ture. Haa taʼu malee, Gaamlaan bakka Yihudoonnii fi warri Roomaa waraana cimaa itti godhan taate. Kanaan kan kaʼes, jiraattota ishii keessaa hedduunsaanii duʼaniiru.b
Gaaronni Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa itti baqachuu dandaʼan hedduun jiru turan; hundisaanii garuu amansiisoo hin turre (Keeyyata 9 ilaali)
10-11. (a) Yihowaan Kiristiyaanotaaf qajeelfama kan kenne akkamitti taʼuu dandaʼa? (Ibroota 13:7, 17) (b) Kiristiyaanonni obboloota dura buutota taʼaniif ajajamuudhaan faayidaa akkamii argatan? (Fakkichas ilaali.)
10 Yihowaan Kiristiyaanotaaf qajeelfama kan kenne warra gumii keessatti dura buutota taʼanitti fayyadamee taʼuu hin oolu. Hayyuu seenaa kan taʼan Yusiibiyas yeroo booda akkana jedhanii barreessaniiru: “Waaqayyo karaa dhiirota muudamanii namoota gumii Yerusaalem keessa turaniif qajeelfama kennee ture; . . . waraanichi jalqabuusaa dura magaalicha keessaa baʼanii gara magaalaa Peelaa jedhamtutti akka baqatan qajeelfamni isaaniif kennamee ture.” Magaalaan Peelaa bakka gaarii Kiristiyaanonni itti baqachuu dandaʼan turte. Magaalaan kun Yerusaalemirraa fagoo waan hin turreef, itti baqachuuf salphaa turte. Kana malees, namoonni magaalaa Peelaa baayʼeensaanii Yihudoota waan hin turreef, warra Roomaa wajjin wal loluuf carraaqqii gochaa hin turre.—Kaartaa ilaali.
11 Kiristiyaanonni gara gaarotaatti baqatan gorsa Phaawulos, “Warra [gumii keessatti] dura buutota taʼaniif ajajamaa” jechuudhaan kenne hojiirra oolchaniiru. (Ibroota 13:7, 17 dubbisi.) Kanaan kan kaʼes, sabni Waaqayyoo badiisarraa ooluu dandaʼeera. Seenaan, Waaqayyo namoota ‘magaalaa buʼuura dhugaa qabdu,’ jechuunis Mootummaa Waaqayyoo eeggatan akka hin dhiisne mirkaneesseera.—Ibr. 11:10.
Peelaan bakka nagaa qabuu fi Kiristiyaanonni itti baqachuu dandaʼan ture; kana malees dhihoo ture (Keeyyata 10-11 ilaali)
12-13. Yihowaan yeroo baayʼee rakkisaa taʼetti sabasaa kan geggeesse akkamitti?
12 Barumsa argannu: Yihowaan sabasaatiif qajeelfama kennuuf namoota dura buutota taʼanitti fayyadama. Kitaabni Qulqulluun, Yihowaan yeroo baayʼee rakkisaa taʼetti sabasaa akka qajeelchaniif tiksitoota kan isaaniif kenne akkamitti akka taʼe fakkeenyota argisiisan hedduu qabateera. (Kes. 31:23; Far. 77:20) Yeroo harʼaattis ragaa quubsaa Yihowaan warra dura buutota taʼanitti fayyadamuusaa akka itti fufe argisiisan argaa jirra.
13 Fakkeenyaaf yeroo weerarri dhibee Kooviid-19 jalqabetti Yihowaan ‘warra dura buutota taʼanitti’ fayyadamee qajeelfama nu barbaachisu nuuf kenneera. Jaarsoliin qajeelfama fedhii hafuuraa obbolootasaanii guutuuf isaan gargaaru argachaa turan. Weerarri dhibee kun jalqabee utuma baayʼee hin turin, karaa intarneetii, tiivii fi raadiyoo afaan 500 oliin walgaʼii naannoo godhachuu dandeenyeerra. Nyaanni hafuuraa dhihaachuusaa itti fufeera. Kanaan kan kaʼes tokkummaa keenya eegnee itti fufuu dandeenyeerra. Gara fuulduraatti rakkinni akkamiiyyuu yoo nu mudate, Yihowaan obboloonni dura buutota taʼan murtoo gaarii akka godhan akka isaan qajeelchu amanannaa guutuu qabaachuu dandeenya. Yihowaatti amanamuu fi ajajasaa eeguu malees, amaloonni yeroo rakkina guddaatiif qophaaʼuu fi yeroo sanatti murtoo ogummaarratti hundaaʼe gochuuf nu gargaaran kamfaʼi?
JAALALA OBBOLUMMAA ARGISIISUU FI KEESSUMMOOTA SIMACHUU
14. Akka Ibroota 13:1-3rratti ibsametti Kiristiyaanonni, Yerusaalem baduu ishii dura amaloota akkamii argisiisuu qabu turan?
14 Rakkinni guddaan yommuu jalqabu isa duraan gochaa turre caalaa jaalala walitti argisiisuun nu barbaachisa. Gama kanaan fakkeenya Kiristiyaanota Yerusaalemii fi Yihudaa keessa jiraachaa turanii hordofuu qabna. Isaan yeroo hunda jaalala walitti argisiisaa turan. (Ibr. 10:32-34) Haa taʼu malee, waggoota muraasa Yerusaalem baduu ishii dura turanitti, caalaatti “jaalala obbolummaa” qabaachuu fi “keessummoota simachuu” qabu turan.c (Ibroota 13:1-3 dubbisi.) Nutis dhuma sirna kanaatti caalaatti dhihaachaa yeroo deemnutti akkas gochuu qabna.
15. Kiristiyaanonni Ibrootaa erga baqatanii booda jaalala obbolummaa walitti argisiisuu fi keessummaa simachuun kan isaan barbaachise maaliifi?
15 Loltoonni Roomaa yommuu Yerusaalemitti marsanii fi achiis akka tasaa dhiisanii deemanitti Kiristiyaanonni wantoota muraasa qofa qabatanii baqataniiru. (Mat. 24:17, 18) Gara gaarotaatti yeroo baqatanittii fi yeroo bakka baqatanitti jireenya haaraa jalqabanitti wal gargaaruu qabu turan. Haalawwan ‘gargaarsa ariifachiisaa’ gochuun itti barbaachisu hedduun uumamee akka ture hin shakkisiisu; kunis obboloonni wal gargaaruu fi wanta qaban waliif hiruudhaan jaalala obbolummaa akka walitti argisiisanii fi keessummoota akka simatan carraa isaaniif baneera.—Tit. 3:14.
16. Obboloota keenya gargaarsi barbaachisutti jaalala argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? (Fakkichas ilaali.)
16 Barumsa argannu: Jaalalli obboloota keenya yommuu gargaarsi barbaachisutti akka isaan deggarru nu kakaasa. Sabni Yihowaa hedduun obbolootaa fi obboleettotasaanii sababii waraanaa fi balaa uumamaatiin kan kaʼe mana isaaniirraa buqqaʼaniif karaa hafuuraas taʼe karaa qaamaa wanta isaan barbaachisu isaaniif guutuuf fedhii qabu. Obboleettiin Yuukreen keessa jiraattuu fi sababii waraanaatiin kan kaʼe mana ishii dhiistee baqachuuf dirqamte tokko akkana jetteetti: “Yihowaan obboloota keenyatti fayyadamee yommuu nu qajeelchuu fi yommuu nu gargaaru argineerra. Obboloonni keenya Yuukreenittii fi Hangaariitti nu simataniiru, akkasumas nu gargaaraniiru; ammammoo Jarmanitti akkas gochaa jiru.” Obboloonni, obbolootasaanii keessummummaa simatanii fi wanta isaan barbaachisu isaaniif kennan meeshaa harka Yihowaa keessa jiranidha jechuun ni dandaʼama.—Fak. 19:17; 2 Qor. 1:3, 4.
Yeroo harʼaatti Kiristiyaanota biyyasaaniitii baqatan gargaarsi keenya isaan barbaachisa (Keeyyata 16 ilaali)
17. Ammumaa kaasee jaalala obbolummaa horachuu fi keessummoota simachuu kan qabnu maaliifi?
17 Yeroo ammaa caalaa gara fuulduraatti gargaarsi akkasii caalaatti akka barbaachisu homaa hin shakkisiisu. (An. 3:16-18) Yihowaan yeroo ammaatti jaalala obbolummaa argisiisuu fi keessummoota simachuu nu barsiisaa jira. Amaloonni kunimmoo gara fuulduraatti baayʼee barbaachisoodha.
GARA FUULDURAATTI MAALTU TAʼA?
18. Fakkeenya Kiristiyaanota Ibrootaa jaarraa jalqabaatti turanii hordofuu kan dandeenyu akkamitti?
18 Seenaan akka argisiisutti Kiristiyaanonni gara gaarotaatti baqatan badiisa Yerusaalemirra gaʼerraa ooluu dandaʼaniiru. Magaalattii dhiisanii deemaniiru; Yihowaan garuu matumaa isaan hin dhiisne. Fakkeenya isaaniirraa maal baranna? Wanta gara fuulduraatti taʼu ilaalchisee kan beeknu wanta hunda miti. Yesuus ajajamuuf qophaaʼoo akka taanu nu ajajeera. (Luq. 12:40) Kana malees, gorsa Phaawulos xalayaa warra Ibrootaatiif barreesserratti kennee fi akkuma jaarraa jalqabaa yeroo harʼaattis barbaachisaa taʼe qabna. Akkasumas Yihowaan matumaa akka nu hin dhiisne waadaa nuuf galeera. (Ibr. 13:5, 6) Kanaafuu, magaalattii ishii dhaabbataa taate, jechuunis Mootummaa Waaqayyoo eeggachuu keenya itti haa fufnu. Akkas yoo goone eebba bara baraa arganna.—Mat. 25:34.
FAARFANNAA 157 Nagaa Barabaraa!
a Bara duriitti yeroo baayʼee magaalota kan bulchu mootii ture. Magaalaan akkasii akka mootummaa mataasaa dandaʼeetti ilaalama ture.—Uma. 14:2.
b Kun kan taʼe Dh.K.B. bara 67tti Kiristiyaanonni Yihudaa fi Yerusaalem keessaa baqatanii utuma baayʼee hin turiinidha.
c Jechi “jaalala obbolummaa” jedhamee hiikame jaalala firoota walitti dhihaatan gidduu jiru argisiisuu dandaʼa; haa taʼu malee, Phaawulos jecha kana jaalala cimaa gumii keessa jiru argisiisuuf itti fayyadameera.