LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 3/10 ful. 2
  • Hojii Hunda Caalaa Barbaachisaa Ta’e

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Hojii Hunda Caalaa Barbaachisaa Ta’e
  • Tajaajila Mootummaa—2010
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Hojii Barattoota Gochuu Irratti Hirmaachuu ni Dandeessaa?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2021
  • Akkuma Yesuus Hinaaffaadhaan Lallabaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
  • Maqaa Waaqayyoo Beeksisuu
    Tajaajila Mootummaa—2003
  • “Dhaqaatii . . . Saba Hundumaa Keessaa Namoota Barattoota Godhaa”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2016
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2010
km 3/10 ful. 2

Hojii Hunda Caalaa Barbaachisaa Ta’e

1. Dinqisiifannaa guddaan tajaajilaaf qabnu aarsaa akkamii gochuuf nu kakaasa?

1 Yeroo, humnaafi qabeenya keenya tajaajilaaf akka itti fayyadamnu yeroo hunda kan jajjabeeffamnu maaliif? Hojiin kana caalaa barbaachisaa ta’e waan hin jirreefidha! Faayidaa yeroo dheeraa inni qaburratti xiinxaluun keenya, fedhii hojii lammata irra hin deebi’amne kanarratti hirmaachuuf qabnu nuu guddisa.—HoE. 20:24.

2. Hojiin lallabaa keenya maqaa Yihowaa isa guddaa qulqulleessuuf kan gargaaru akkamitti?

2 Maqaa Yihowaa Qulqulleessa: Hojiin lallabaa, Mootummaan Yihowaa inni Kiristos Yesusiin geggeeffamu mootummoota ilmaan namootaa hunda bakka akka bu’uufi rakkinoota ilmaan namootaa hundaaf furmaata akka argamsiisu ibsa. (Mat. 6:9, 10) Dhukkubaafi du’arraa nu furuu kan danda’u isa qofa waan ta’eef Yihowaan faarsamuu qaba. (Isa. 25:8; 33:24) Maqaasaatiin kan waamamnu waan taaneef, namoonni amala keenya isa gaariifi hinaaffaa keenya ilaalan hundi isaaf ulfina kennuu danda’u. (1 Phe. 2:12) Maqaa Yihowaa isa Uumama Cufarratti Gooftaa ta’ee addunyaa maratti beeksisuun baay’ee nu gammachiisa.—Far. 83:18.

3. Warri ergaa Mootummichaa gammachuudhaan fudhatan eebba akkamii argatu?

3 Lubbuu Kan Baraarsudha: Yihowaan, ‘namoonni hundi yaada garaa isaanii akka geddaratan malee, garri tokko iyyuu akka badan hin barbaadu.’ (2 Phe. 3:9) Haata’u malee, namni isaan barsiisu utuu hin jiraatin, namoonni amala Yihowaa biratti fudhatama qabu ykn hin qabne akkamitti beekuu danda’u? (Yon. 4:11; Rom. 10:13-15) Namoonni misiraachoo fudhatanii gochawwan gadhee raawwachaa turan yommuu dhiisan jireenyisaanii ni fooyya’a. (Mik. 4:1-4) Kana malees, abdii jireenya barabaraa isa gammachiisaa ta’e argatu. Lallabuufi barsiisuurratti dammaqinaan hirmaachuun keenya nuunis ta’e warra nu dhaggeeffatan gara fayyinaatti geessa. (1 Xim. 4:16) Hojii baay’ee barbaachisaa ta’e kanarratti ga’ee guddaa qabna!

4. Hojii Mootummicha labsuufi bartoota gochuurratti hamma nuu danda’ame hirmaachuu kan qabnu maaliif?

4 Rakkinni guddaan biyya lafaa hamaa ta’e kana yeroo dhihoo keessatti hatattamaan balleessa. Warri Yihowaa cina dhaabbatan ni oolu. Kanaaf, hojiin lallabaafi bartoota gochuu yeroo har’aatti raawwatamaa jiru, baay’ee ariifachiisaa, barbaachisaa kan ta’eefi faayidaa qabeessadha. Egaa, jireenya keenya keessatti iddoo guddaa haa kenninuuf!—Mat. 6:33.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi