Qayyabannaa 25
Tooriitti Fayyadamuu
NAMOONNI baayʼeen tooriirraa haasaa dhiheessuun isaan sodaachisa. Kanaaf, wanta dubbachuu barbaadan hunda barreessanii ykn sammuutti qabatanii dhiheessuu filatu.
Haataʼu malee, hundi keenya yeroo namootaa wajjin haasofnu waraqaarraa hin dubbisnu. Maatii ykn michoota keenyaa wajjin yommuu haasofnu, tajaajilarratti yommuu hirmaannu, akkasumas dhuunfaattis taʼe namoota kaan bakka buunee yommuu kadhannaa dhiheessinu wanta dubbannu barreeffamarraa hin dubbisnu.
Yommuu haasaa dhiheessitu, yaadasaa tokko tokkoon barreeffattee dubbisuun ykn tooriitti fayyadamuun garaagarummaa qabaa? Wanta dubbachuu barbaadde barreessitee dubbisuunkee akka hin dogoggorre ykn jechoota filatamanitti akka fayyadamtu kan si gargaaru taʼus, akkas gochuun rakkinas qaba. Hima muraasa erga dubbistee booda, saffisniifi sagaleenkee isa duraarraa adda taʼuufi akka barbaachisummaasaatti kan hin jijijjiiramne taʼuu dandaʼa. Dhaggeeffattootarratti utuu hin taʼin, waraqaa irraa dubbisturratti yoo xiyyeeffatte, baayʼeensaanii akka isaaniif yaadduufi barumsicha karaa faayidaa isaaniif argamsiisuun dhiheessuukee waan shakkaniif xiyyeeffannaadhaan si dhaggeeffachuu dhiisuu dandaʼu. Haasaan tokko caalaatti kan namoota kakaasu, akkaataa dubbii uumamaatiin yoo dhihaatedha.
Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasiirratti yeroo hunda leenjii nu barbaachisu arganna. Michoota keenyaa wajjin yommuu wal arginu haasaan keenya gaarii akka taʼuuf yaada keenya waraqaarraa isaaniif hin dubbisnu. Tajaajilarratti yommuu hirmaannus, yaanni namootatti himnu nu jalaa bada jennee waraqaarratti hin barreeffannu. Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasiirratti yommuu kutaa dhiheessitu, hamma sii dandaʼametti jecha keetiin dubbachuu shaakali. Yeroo baayʼee yaanni sammuutti qabattu ykn tooriin qopheessitu akka gaariitti qophaaʼuu kan gaafatu taʼus, kana gochuunkee qabxii ijoo dhiheessuu barbaaddu yaadachuuf gaʼaa taʼuu dandaʼa. Haataʼu malee, ija jabina tooriirraa haasaa dhiheessuuf si gargaaru argachuu kan dandeessu akkamitti?
Yaada Dubbachuu Barbaaddu Qindeessi. Tooriitti fayyadamtee haasaa dhiheessuuf, jalqaba yaadasaa sammuukee keessatti qindeessuu qabda. Kana jechuun jechoota itti fayyadamtu filachuu jechuu utuu hin taʼin, dubbachuukee dura irratti yaaduu qabda jechuudha.
Namni jarjaraan utuu itti hin yaadin erga dubbatee booda gaabba. Namni kaanimmoo waanuma afaansaatti dhufe hunda waan dubbatuuf, haasaansaa kan namatti hin tolle taʼa. Namoonni kun dubbachuusaanii dura utuu irratti yaadanii, wanti dubbachuu barbaadan sammuusaanii keessatti waan isaanii qindaaʼuuf, rakkina kana hambisuu dandaʼu. Kanaaf, dubbachuukee dura kaayyoonkee maal akka taʼe murteessi, achiis duraa duuba ittiin dubbatturratti yaadi.
Tajaajilaaf qophaaʼaa jirtaa? Wantoota boorsaa tajaajilaa keetti qabattu qofa utuu hin taʼin, yaada dubbattus sammuukee keessatti qindeessi. Akkaataa dhiheenyaa Tajaajila Mootummaarratti baʼe tokkotti fayyadamuu yoo barbaadde, yaannisaa hamma sii galutti irra deddeebiʼii dubbisi. Yaada ijoosaa hima gabaabaa tokkoon ykn lamaan ibsuu yaali. Yaadasaa akka siifis taʼe naannoo tajaajilaa keetiif taʼutti sirreessuu dandeessa. Yaannisaa akka gaariitti akka ifa sii taʼu gochuun gaariidha. Kana gochuun maalfaa dabalata? (1) Wanta namoota naannoo keetti argaman yaaddessu tokko dubbachuu dandeessa. Namni haasofsiistu yaadasaa akka ibsu gaafadhu. (2) Abdii Waaqayyo rakkina kana hambisuuf kenne ilaalchisee caqasa tokko ykn lama dabalatee, wanta dhimma kanarratti dubbachuu barbaadde dursii yaadi. Carraa yoo argatte, Yihowaan abdii kana kan raawwatu karaa Mootummaasaa, jechuunis karaa bulchiinsasaa isa waaqarraa akka taʼe jabeessii ibsi. (3) Namichi yaada irratti mariʼattanii wajjin haala walsimuun tarkaanfii akka fudhatu jajjabeessi. Barreeffama akka fudhatu ykn Macaafa Qulqulluu akka qayyabatu gaafachuu, akkasumas maree dabalataa gochuuf beellama qabachuu dandeessa.
Yeroo kanatti waan dubbattu akka gaariitti sammuu keetti waan qabattuuf, tooriitti fayyadamuun si hin barbaachisu. Nama tokko haasofsiisuukee dura yaada dubbachuu barbaaddu irra deebitee ilaaluuf toorii kan qabattu yoo taʼe, tooriin sun jechoota muraasa seensa keerratti itti fayyadamtu, caqasa tokko ykn lama, akkasumas yaada gabaabaa xumurarratti dubbattu qofa kan qabate taʼuu qaba. Qophii gaarii gochuufi toorii gabaabaatti fayyadamuun keenya, yaada salphaatti namaa galu dubbachuuf nu gargaara.
Yeroo baayʼee gaaffiin ykn mormiin naannoo tajaajilaa keetti kan kaʼu yoo taʼe, dhimma sanarratti qorannoo gochuun gaarii taʼuusaa hubatta. Yeroo baayʼee qabxiiwwan buʼuura taʼan lama ykn sadiif, akkasumas caqasawwan qabxii sana deggeran yoo argatte gaʼaa taʼuu dandaʼa. Buukleetii “Baayibil Tooppiiksi foor Diiskashin” ykn kitaaba Riiziniingi Firoom za Iskiriipcharsi jedhamaniifi mataduree xixiqqaa qubee fufurdaadhaan barreeffamanirraa yaada maree gootuuf si barbaachisu argachuu dandeessa. Yaada gaarii barreeffama garabiraarraa argattes itti dabalachuu dandeessa. Toorii gabaabaafi yaada argatte sana barreessitee qopheeffachuudhaan, barreeffamoota tajaajilarratti itti fayyadamtuu wajjin kaaʼadhu. Namni haasofsiistu gaaffii ykn mormii yommuu kaasu, wanta itti amantu isaaf ibsuuf carraa argachuukeetti akka gammadde ibsiif. (1 Phe. 3:15) Achiis toorii keetti fayyadamuudhaan gaaffii gaafatamteef deebii kenni.
Maatiikee, tuuta tajaajila dirree ykn gumii bakka buutee kadhannaa yommuu dhiheessitu, yaadakee dursitee sammuukee keessatti qindeeffachuunkee gaariidha. Akka Luqaas 11:2-4rratti ibsametti, Yesus yaada gabaabaa kadhannaa gaarii gochuuf gargaaru ergamootasaatti himeera. Manni qulqullummaa Yerusaalemitti argamu yommuu tajaajila Yihowaatiif murteeffame, Solomoon kadhannaa dheeraa dhiheesseera. Dhimma irratti kadhatu ilaalchisee dursee akka irratti yaade beekamaadha. Jalqaba Yihowaafi abdii inni Daawitiif kennerratti, waaʼee mana qulqullummaa, achiis duraa duubaan haalawwaniifi waaʼee garee namootaa tokko tokko ibseera. (1 Mot. 8:22-53) Nuyis kanarraa barumsa gaarii argachuu dandeenya.
Toorii Gabaabaatti Fayyadami. Toorii haasaa irraa dhiheessitu qopheessiteettaa? Taanaan, qabxiiwwan hangamii qabaachuu qaba?
Tooriin yaadasaa akka hin irraanfanne qofa kan si gargaaru taʼuusaa hin dagatin. Hima gabaabaa yaada seensaaf si gargaaru barreeffachuunkee gaarii akka taʼe sitti dhagaʼamuu dandaʼa. Sana booda yaadasaarratti malee jechootarratti hin xiyyeeffatin. Yaadasaa himaan qindeessuu yoo barbaadde, hima gaggabaabaatti fayyadami. Qabxiiwwan gurguddaan muraasni haasaakee keessatti ibsitu, karaa ifa taʼeen toorii keerratti barreeffamuu qabu. Qabxiiwwan ijoo taʼan qubee gurguddaadhaan barreeffachuu, jala muruu ykn halluu adda taʼe itti dibuu dandeessa. Achiis qabxiiwwan gurguddaa jalatti, qabxiiwwan yaadasaa balʼisuuf si gargaaraniifi caqasawwan dubbisuuf yaadde barreeffadhu. Yeroo baayʼee caqasawwan kallattiidhaan Macaafa Qulqulluurraa dubbisuun filatamaadha. Fakkeenya itti fayyadamuu barbaaddes yaadannootti qabadhu. Yaada gaarii haasichaaf taʼuufi barreeffamoota garabiraarraa argatte itti dabaluu barbaadda taʼa. Qabxiiwwan yaada dhiheessituu wajjin walitti dhufeenya qaban, karaa ifa taʼeen toorii keerratti barreeffamuu qabu. Yommuu haasaa dhiheessitu akka hin rakkannetti, tooriinkee salphaatti kan dubbifamu taʼuu qaba.
Obboloonni tokko tokko toorii qabxiiwwan gurgudda qabatanitti qofa fayyadamu. Tooriin tokko, jechoota ijoo taʼan, caqasoota namni haasaa dhiheessu sammuutti qabatee caqasuufi mallattoo ykn fakkii qabxiiwwan tokko tokko yaadachuuf isa gargaaran qofa kan qabate taʼuu dandaʼa. Namni tokko yaadannoo gabaabaa akkasiitti fayyadamee, duraa duubasaa eeguudhaan haala maree fakkaatuun haasaa dhiheessuu dandaʼa. Kaayyoon barumsa kanaas kanumadha.
Kitaaba kana fuula 39 hanga 42rratti, mataduree “Toorii Qopheessuu” jedhu argatta. Qayyabannaa mataduree, “Tooriitti Fayyadamuu” jedhu kana hojiirra oolchuuf yommuu carraaqxu, barumsa armaan olitti ibsame dubbisuunkee si gargaaruu dandaʼa.
Tooriitti Fayyadamuun Kan Dandaʼamu Akkamitti? Yeroo kanatti toorii qopheessuu utuu hin taʼin, karaa sirrii taʼeen tooriitti fayyadamuuf xiyyeeffannaan kennamuu qabda.
Tooriitti fayyadamuuf tarkaanfiin jalqabaa haasaa dhiheessuuf qophaaʼuudha. Matadureesaa ilaali, achiis qabxiiwwan gurguddaa hunda erga dubbistee booda, matadureesaa wajjin walitti dhufeenya akkamii akka qabu hubadhu. Qabxiiwwan gurguddaa hunda ibsuuf yeroon hammamii akka si gaʼu murteessi. Achiis duubatti deebiʼii mataduree guddaa isa jalqabaa qayyabadhu. Yaada, caqasaafi fakkeenyawwan yaadasaa balʼinaan ibsuuf itti fayyadamtu irra deebiʼii ilaali. Kutaan kun hanga sii galutti irra deddeebiʼii qayyabadhu. Qabxiiwwan gurguddaa warra hafanis akkasuma irra deddeebiʼii qayyabadhu. Yeroo sii kennametti xumuruuf, yaadawwan hambisuu qabdu filadhu. Sana booda guutummaa haasichaa irra deebiʼii ilaali. Yaadasaarratti malee, jechootarratti hin xiyyeeffatin. Haasicha sammuutti qabachuuf hin yaalin.
Haasicha yommuu dhiheessitu dhaggeeffattoota akka gaariitti ilaaluu dandaʼuu qabda. Caqasa tokko erga dubbistee booda, yeroo baayʼee yaadannookee ilaaluun utuu si hin barbaachisin, Macaafa Qulqulluutti fayyadamtee ibsuu dandaʼuu qabda. Haaluma wal fakkaatuun fakkeenyatti yoo fayyadamte, yaadannoo keerraa dubbisuu mannaa akka nama hiriyaasaatti dubbachaa jiruutti dubbadhu. Yommuu dubbattu, hima yaadannoo keerratti argamu hunda hin ilaalin. Garaa namootaa tuquu kan dandeessu garaadhaa yoo dubbatte qofadha.
Tooriitti fayyadamtee haasaa dhiheessuuf dandeettii qabdu yoo fooyyeffatte, akka gaariitti haasaa dhiheessuu dandeesseetta jechuudha.