Akkaataa Dhiheenyaa Fedhii Namootaa Kakaasutti Fayyadamaa
1. Akkaataa dhiheenyaa garaagaraa Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa itti fayyadamanirraa maal baranna?
1 Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa, namoota aadaafi amantii garaagaraa qabaniif lallabaniiru. (Qol. 1:23) Ergaansaa tokko, jechuunis waaʼee Mootummaa Waaqayyoo taʼullee akkuma haala namoota haasofsiisaniitti akkaataa dhiheenyaa garaagaraatti fayyadamaniiru. Fakkeenyaaf, Phexros Yihudoota Caaffata Qulqullaaʼoodhaaf kabaja guddaa qaban yeroo haasofsiisutti, raajii Yoʼel caqasuudhaan haasaasaa jalqabeera. (HoE. 2:14-17) Karaa biraammoo, Phaawulos Giriikota akkamitti akka haasofsiise Hojii Ergamootaa 17:22-31rraa hubachuu dandeenya. Yeroo ammaattis, namoonni naannoo tokko tokko jiran Caaffata Qulqullaaʼoodhaaf kabaja waan kennaniif, yeroo manaa gara manaa deemnee tajaajillu rakkoo tokko malee Macaafa Qulqulluu caqasuu dandeenya. Haataʼu malee, namoota Macaafa Qulqulluudhaaf ykn amantiidhaaf fedhii hin qabne ykn amantii Kiristiyaanaa hin hordofne yeroo haasofsiisnu caalaatti of eeggannoo gochuu nu barbaachisa.
2. Namoota Macaafa Qulqulluuf kabaja qaban ykn Macaafa Qulqulluutti hin amanee gargaaruuf akkaataa dhiheenyaa barreeffamoota raabsuuf baʼanitti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti?
2 Akkaataa Dhiheenyaa Barreeffamoota Raabsuuf Baʼutti Akka Gaariitti Fayyadamaa: Waggaa tajaajilaa kanatti akkaataan dhiheenyaa barreeffamoota raabsuuf baʼu jiʼa lama lamaan kan jijjiiramu siʼa taʼu, kan irratti xiyyeeffannu barruulee, tiraaktiifi birooshuroota raabsuurrattidha. Namoonni naannoo keenya jiran walumatti qabaatti Macaafa Qulqulluuf fedhii kan hin qabne yoo taʼanillee, barreeffamoota kanarraa mataduree fedhiisaanii kakaasu kan biraa itti argisiisuuf carraaqqii goona. Guyyaa jalqabaatti caqasa Macaafa Qulqulluu tokko dubbisuu ykn kallattiidhaan Macaafa Qulqulluu caqasuu baannus, fedhii argisiisnaan yeroo deebinee deemnu, kaayyoon keenya amantii namni sun Uumaafi Macaafa Qulqulluurratti qabu akka cimsatu gargaaruu taʼuu qaba. Karaa biraammoo, namoota Macaafa Qulqulluutiif kabaja qabaniif kan lallabnu yoo taʼe, barreeffamootaafi akkaataa dhiheenyaa Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼan fayyadamuu dandeenya. Kana malees barreeffamni jiʼa sanatti raabsamu maaliyyuu yoo taʼe, kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu ykn birooshuroota Waaqayyoon Dhaggeeffadhu ykn Waaqayyoon Dhaggeeffadhu Barabaraafis Jiraadhu jedhaman raabsuu dandeenya. Wanti guddaan akkaataa dhiheenyaa fedhii namootaa kakaasutti fayyadamuudha.
3. Garaan namootaa lafaa wajjin kan wal fakkeeffame akkamitti?
3 Biyyoosaa Qopheessaa: Garaan namootaa biyyoo wajjin wal fakkeeffameera. (Luq. 8:15) Sanyiin dhugaa Macaafa Qulqulluu namoota tokko tokko keessatti hidda akka godhatuufi akka guddatuuf qophii dabalataa gochuu gaafata. Labsitoonni wangeelaa jaarraa jalqabaatti turan lafa akaakuu hundumaarratti akka gaariitti facaasuudhaan milkaaʼina argataniiru; kunis gammachuu guddaa isaaniif argamsiiseera. (HoE. 13:48, 52) Nuyis akkaataa dhiheenyaa keenyaaf xiyyeeffannaa kennuudhaan akkumasaanii milkaaʼina argachuu dandeenya.