QOʼANNAA 11
Miira Hoʼaa Qabaachuu
Roomaa 12:11
YAADA IJOO: Miira hoʼaadhaan dubbachuudhaan dhaggeeffattoota kee hojiidhaaf kakaasi.
KANA GOCHUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI?
Barumsichi garaa kee akka tuqu godhi. Haasaa kee yommuu qophooftu, ergaan kee hangam barbaachisaa akka taʼe gad fageenyaan yaadi. Garaadhaa dubbachuu akka dandeessuuf, barumsa kee akka gaariitti beeki.
Waaʼee dhaggeeffattoota keetii yaadi. Odeeffannoon ati dubbistu ykn barsiistu warra kaan akkamitti akka fayyadu xiinxali. Dhaggeeffattoonni kee dinqisiifannaa qaban akka guddifatan karaa godhuun barumsicha akkamitti dhiheessuu akka dandeessu yaadi.
Haasaan kee akka humna qabaatu godhi. Miira hoʼaadhaan dubbadhu. Miira kee ibsuuf, sochii qaamaa uumama keetiin qabdutti fayyadami, akkasumas garaadhaa dubbachaa akka jirtu fuula kee irraa akka mulʼatu godhi.