LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb20 Waxabajjii ful. 5
  • Kiristiyaanota Muuxannoo Qaban Irraa Maal Barachuu Dandeenya?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Kiristiyaanota Muuxannoo Qaban Irraa Maal Barachuu Dandeenya?
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2020
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Ijoolleen Keessan Jaarmiyaa Yihowaa Sirriitti Akka Beekan Gargaaraa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
  • Sababa Itti Gammaddan Qabdu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
  • Babalʼistoota Muuxannoo Qaban Irraa Barachuu
    Tajaajila Mootummaa—2015
  • Dhorkaa Keessatti Yihowaa Waaqeffachuu Keessan Itti Fufaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2019
Dabalataan Ilaaluuf
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2020
mwb20 Waxabajjii ful. 5
Shamarreen takka harka obboleettii maanguddoo takkaa qabattee jirti.

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Kiristiyaanota Muuxannoo Qaban Irraa Maal Barachuu Dandeenya?

Gumiiwwan keenya keessatti obboloonni waggoota hedduudhaaf Yihowaa tajaajilan jiru. Amantii Yihowaa irratti qaban irraa barumsa argachuu dandeenya. Waaʼee seenaa jaarmiyaa Yihowaa, rakkoowwan isaan mudatee fi rakkoowwan kana gargaarsa Yihowaatiin kan moʼan akkamitti akka taʼe isaan gaafachuu dandeenya. Muuxannoo isaanii akka nutti himaniif Waaqeffannaa Maatii keenya irratti obboloota akkasii affeeruu dandeenya.

Kiristiyaana muuxannoo qabdu yoo taate, fedhiidhaan waaʼee muuxannoo keetii obboloota akka kee mana Yihowaa keessa yeroo dheeraa hin turretti himi. Yaaqoobii fi Yoseef sanyiiwwan isaanitti muuxannoo isaanii himaniiru. (Uma 48:21, 22; 50:24, 25) Yeroo booda Yihowaan dhiironni mataa maatii taʼan hundi wantoota dinqisiisoo Yihowaan raawwate ijoollee isaanitti akka himan isaan ajajee ture. (Kes 4:9, 10; Far 78:4-7) Yeroo ammaatti warrii fi obboloonni gumii keessatti argaman kaan wantoota dinqisiisoo Yihowaan jaarmiyaa isaatti fayyadamee raawwatee fi ija isaaniitiin argan dhaloota haaraatti himuu dandaʼu.

VIIDIYOO YEROO DHORKAA JALA JIRRUTTI ILLEE TOKKUMMAA KEENYA EEGUU JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Waajjirri damee Ostiriyaa obboloota naannoowwan hojiin keenya dhorkametti argaman gargaaraa kan ture akkamitti?

  • Obboloonni naannoowwan kanatti argaman amantii isaanii eeganii jiraachuuf maal godhaniiru?

  • Babalʼistoonni Roomaaniyaa keessatti argaman hedduun jaarmiyaa Yihowaa irra adda of baasanii kan turan maaliifi? Deebiʼuu kan dandaʼan hoo akkamitti?

  • Muuxannoon kun amantii kee kan cimse akkamitti?

Suuraawwan garaa garaa: Viidiyoo ‘Yeroo Dhorkaa Jala Jirrutti Illee Tokkummaa Keenya Eeguu’ jedhu keessaa kan fudhatame. 1. Kaartaa biyyoota Bahaa Awurooppaatti dhorkaa jala turan argisiisu. 2. Meeshaa barreeffama baayʼisu. 3. Obboloonni Roomaaniyaa wal haammachaa jiru.

Kiristiyaanota muuxannoo qaban irraa wantoota gaggaarii hedduu barachuu dandeessa!

Obboloonni gumii keessan keessatti argaman hedduun dhiheenya kan cuuphaman yoo taʼan hoo? Muuxannoowwan obboloota yeroo dheeraadhaaf mana dhugaa keessa jiraatanii, jw.org irratti kutaa Laayibrarii keessatti “Viidiyoo” jalaa argachuu ykn LAAYIBIRARII INTARNEETII IRRAA “Seenaa Jireenyaa” jettanii barreessuudhaan barbaaduu dandeessu.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi