LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwex mataduree 6
  • Sabni Yihowaa Qeesota Aaraniif Gaarummaadhaan Deebii Kennan

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Sabni Yihowaa Qeesota Aaraniif Gaarummaadhaan Deebii Kennan
  • Muuxannoowwan Dhugaa Baatota Yihowaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Buʼaawwan Gaariitti Fayyadamanii Lallabuun Addunyaa Maratti Argamsiise
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2018
  • Gaariiwwan ‘Saboota Hundumaatiif Ragaa Baʼuuf’ Fayyadan
    Buusiin Gootan Faayidaa Irra Oolaa Kan Jiru Akkamitti?
  • Mala Tajaajilaa Haaraa Bakka Namoonni Baay’inaan Argamanitti Dhugaa Ba’uuf Gargaaru
    Tajaajila Mootummaa—2013
  • Mala Haaraa Gammachiisaa Taʼeefi Namootaaf Lallabuuf Gargaaru
    Tajaajila Mootummaa—2014
Dabalataan Ilaaluuf
Muuxannoowwan Dhugaa Baatota Yihowaa
ijwex mataduree 6
Hiriyoonni gaaʼelaa Dhugaa Baatota taʼan tasgabbaaʼanii yommuu dhaabbatanitti qeesiin aare tokko barreeffamoota gaarii irra jiran yommuu bittinneessu

Sabni Yihowaa Qeesota Aaraniif Gaarummaadhaan Deebii Kennan

Ilaaltuun ol aanaa aanaa Aartar jedhamu Armeeniyaa keessatti gumii Dhugaa Baatota Yihowaa tokko daawwata ture. Inni obboloonni achi jiran lallaba addabaabayii irratti hirmaachuu akka hin jalqabne hubate; kunis iddoo namoonni baayʼinaan jiranitti gaarii barreeffamoota beeksisutti fayyadamanii tajaajiluu dabalata. Obboloonni gosa tajaajilaa kana irratti akka hirmaatan isaan jajjabeessuuf Aartarii fi haati manaa isaa Aanaan, Dhugaa Baatuu kan biraa Jiraayir jedhamu wajjin taʼuudhaan magaalaa xinnoo tokko keessatti gaarii barreeffamoota qabatetti fayyadamanii tajaajiluu jalqaban. Iddoon isaan filatan naannoo namoonni baayʼeen irra deeman ture.

Namoonni achi irraan darban battalumatti fedhii argisiisuudhaan barreeffamoota fudhachuu jalqaban. Haa taʼu malee, utuma baayʼee hin turin tooftaan tajaajilaa haaraan kun xiyyeeffannaa mormitootaa harkisuu jalqabe. Qeesonni lama gara gaarii sanaa kan dhufan siʼa taʼu, isaan keessaa inni tokko utuu isaan hin beekin gaarii sana dhiite. Achiis fuula Aartar kabalee fuullee ijaa isaa lafatti darbate. Aartar, Aanaa fi Jiraayir qeesota kana tasgabbeessuuf kan yaalan taʼus isaaniif hin milkoofne. Qeesonni kun miila isaaniitiin gaarii sana caccabsuuf kan yaalan siʼa taʼu, barreeffamootas ni bittinneessan. Achiis Dhugaa Baatota erga arrabsanii fi isaan doorsisanii booda dhiisanii deeman.

Aartar, Aanaa fi Jiraayir dhimmicha gabaasuuf gara buufata poolisii naannoo sana jiruu deeman. Wanta taʼe erga isaaniif ibsanii booda, poolisootaa fi namoota kan biroo achi keessa hojjetanii wajjin yeroo muraasaaf waaʼee Kitaaba Qulqulluu mariʼatan. Dhugaa Baatonni sadan kun gara poolisii aangoo guddaa qabu tokkootti geeffaman. Poolisiin kun jalqaba wanta raawwatame gadi fageenyaan beekuu barbaade. Haa taʼu malee, Aartar inni nama cimaa taʼe yommuu kabalametti deebisee akka hin rukunne yeroo dhagaʼu poolisiin sun waaʼee dhimma sanaa gaafachuu dhiisee, waaʼee amantii Dhugaa Baatota Yihowaa gaafachuu eegale. Kanaaf, Dhugaa Baatonni sun saʼaatii afuriif poolisicha wajjin haasaʼan. Poolisiin kun wanta dhagaʼe dinqisiifatee gammachuudhaan akkas jedhe: “Amantii gaarii dha! Anis isin keessaa tokko utuun taʼee natti tola!”

Aartarii fi Aanaan deebiʼanii lallaba addabaabayii irratti yommuu hirmaatan

Aartarii fi Aanaa

Guyyaa itti aanutti Aartar yommuu deebiʼee lallaba addabaabayii jalqabu namichi wanta yeroo darbe raawwatame ilaalaa ture tokko gara isaa dhufe. Namichi kun Aartar tasgabbaaʼuu isaatiif, akkasumas haaloo baʼuu dhiisuu isaatiif isa galateeffate. Kana malees wanti inni arge kun kabaja inni qeesotaaf qabu akka isa dhabsiise dubbateera.

Galgala sana poolisiin aangoo guddaa qabu sun Aartar gara buufata poolisii akka dhufu isa waame. Haa taʼu malee, waaʼee dhimma sanaa mariʼachuu mannaa waaʼee Kitaaba Qulqulluu isa gaafate. Poolisoonni kan biraan lamas marii kana irratti hirmaatan.

Guyyaa itti aanutti Aartar viidiyoowwan keenya warra Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan poolisii sanatti argisiisuuf deebiʼee isa gaafate. Poolisiin kun poolisoonni kan biroos viidiyoo kana akka daawwatan waame.

Amala gadhee qeesota sanaatiin kan kaʼe yeroo jalqabaatiif poolisoota hedduudhaaf akka gaariitti dhugaa baʼuun dandaʼameera. Kunis Dhugaa Baatota Yihowaatiif ilaalcha gaarii akka qabaatan isaan taasiseera.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi