LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • g22 Lakk. 1 ful. 7-9
  • 2 Qabeenya Kee Eeggadhu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • 2 Qabeenya Kee Eeggadhu
  • Dammaqaa!—2022
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • BARBAACHISAA KAN TAʼE MAALIIFI?
  • Wanta Beekuu Qabdu
  • Wanta Amma Gochuu Dandeessu
  • Galii Xinnoodhaan Jiraachuu kan Dandeessu Akkamitti?
    Mata Dureewwan Dabalataa
  • Maallaqa Kee Ogummaadhaan Fayyadami
    Dammaqaa!—2025
  • Qarshiitti Sirriitti Fayyadamuu
    Maatiin Keessan Gammachuu Qabaachuu Ni Dandaʼa
  • Itti Fayyadama Maallaqaa
    Dammaqaa!—2019
Dabalataan Ilaaluuf
Dammaqaa!—2022
g22 Lakk. 1 ful. 7-9
Anaaxiin tokko mukatti mismaara rukutaa jira.

ADDUNYAA TASGABBII HIN QABNE

2 | Qabeenya Kee Eeggadhu

BARBAACHISAA KAN TAʼE MAALIIFI?

Namoonni baayʼeen wanta isaan barbaachisu argachuuf guyyaa guyyaadhaan waldhaansoo godhu. Kan nama gaddisiisu, haalli addunyaa tasgabbii dhabuun isaa kana gochuun caalaatti akka ulfaatu godheera. Maaliif?

  • Naannoo tasgabbiin hin jirretti gatiin nyaataa fi manaa caalaatti dabala.

  • Kufaatiin diinagdee namoonni hojii isaanii akka dhaban ykn mindaa gadaanaadhaan akka hojjetan isaan dirqisiisuu dandaʼa.

  • Balaan uumamaa iddoowwan daldalaa, manneen ykn wantoota kan biroo balleessuu waan dandaʼuuf namoonni baayʼeen hiyyummaadhaaf akka saaxilaman godha.

Wanta Beekuu Qabdu

  • Maallaqa keetti ogummaadhaan kan fayyadamtu yoo taʼe, yeroo rakkinaatti haala isaa dandamachuun sitti hin ulfaatu.

  • Galiin kee, maallaqni qusattee fi qabeenyi qabdu gatii dhabuu akka dandaʼu yaadadhu.

  • Wantoonni maallaqni bituu hin dandeenye jiru; fakkeenyaaf, gammachuu fi maatii tokkummaa qabu bituu hin dandaʼu.

Wanta Amma Gochuu Dandeessu

Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Nyaataa fi uffata yoo qabaanne wantoota kanatti gammannee jiraachuu qabna.”—1 Ximotewos 6:8.

Wanta qabanitti gammadanii jiraachuun wanta barbaannu daangessuu fi wanta guyyaa guyyaadhaan nu barbaachisu yeroo argannu gammaduu dabalata. Keessattuu kun yeroo maallaqa baayʼee hin qabaannetti barbaachisaadha.

Wanta qabdutti gammaddee jiraachuuf, akkaataa jireenyaa kee irratti sirreeffama gochuun si barbaachisuu dandaʼa. Wantoota humna keetii ol taʼan bitachuuf kan yaaltu yoo taʼe rakkinni dabalataa si mudachuu dandaʼa.

DANDAMACHUU NI DANDEESSA—AKKAMITTI? Gorsa Gaarii

Yeroo rakkinaatti qabeenya kee eeggachuuf tarkaanfiiwwan kana fudhadhu

BAASII KEE HIRʼISI

  • Maanguddoon takka mooraa ishii keessaa kaarotii buqqisaa jirti.

    Baasii Kee Hirʼisi

    Wanta si hin barbaachisnerratti maallaqa kee hin baasin. Akkana jedhii of gaafadhu: ‘Dirqama konkolaataadhaan deemuun na barbaachisaa? Mooraa koo keessa kuduraa dhaabuu nan dandaʼaa?’

  • Waa bitachuu kee dura, akkana jedhii of gaafadhu: ‘Wanti kun dhuguma na barbaachisaa? Bituu hoo nan dandaʼaa?’

  • Naannoo keetti kan argamu yoo taʼe gargaarsa mootummaa ykn dhaabbilee kan biroo gaafadhu.

“Maatiidhaan teenyee akkaataa jireenyaa keenya gamaaggamne. Bashannana maallaqa nu baasisu kamiyyuu dhiisuuf ykn hirʼisuuf murteessine. Nyaata gatii guddaa nu hin baasisnes qopheessuu jalqabne.”—Giifti.

BAAJATA BAAFADHU

Dubartiin takka kaalkuleetarii fayyadamaa fi baasii nagayeerra jiru barreeffachaa jirti.

Baajata Baafadhu

Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Karoorri nama dhimmee hojjetuu gara milkaaʼinaatti geessa, warri jarjaran hundi garuu gara hiyyummaatti deemu.” (Fakkeenya 21:5) Baajata baafachuun baasiin kee galii argatturra akka hin caalle gochuuf si gargaara.

  • Jalqaba, galii jiʼa jiʼaan argattu barreessi.

  • Itti aansuudhaan, jiʼa jiʼaan maallaqa hammamii akka baastu barreessi, akkasumas barsiifata itti fayyadama maallaqaa kee gamaaggami.

  • Achiis galii kee fi baasii kee wal bira qabii ilaali; barbaachisaa yoo taʼemmoo baasiin kee galii keerra akka hin caalleef wantoota hirʼisuu ykn dhiisuu dandeessu adda baafadhu.

“Jiʼa jiʼaan galii keenyaa fi baasii keenya ni barreessina. Wanta akka tasaa nu mudachuu dandaʼuuf maallaqa ni qusanna; wantoota gara fuulduraatti bitachuu yaanne ilaalchisees ni karoorfanna. Akkas gochuun keenya galii keenya akkamitti akka itti fayyadamnu dursinee beekuuf waan nu gargaaruuf baayʼee hin dhiphannu.”—Kaarlos.

LIQIIRRAA FAGAADHU / MAALLAQA QUSADHU

  • Haati takka intalli ishii maallaqa miʼa keessa akka keessu gargaaraa jirti.

    Liqiirraa Fagaadhu / Maallaqa Qusadhu

    Liqii hirʼisuuf karoora gaarii baafadhu. Yoo dandeesse liqeeffachuurraa of qusadhu. Kanaa mannaa, wanta si barbaachisu bitachuuf maallaqa qusachuuf yaali.

  • Baasii gara fuulduraatti itti yaaddees taʼe akka tasaa baasuu dandeessuuf maallaqa xinnoo jiʼa jiʼaan qusadhu.

JABAADHUU HOJJEDHU / HOJII KEE HIN DHIISIN

Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Hojiin ciminaan hojjetamu kam iyyuu buʼaa qaba.”—Fakkeenya 14:23.

  • Anaaxiin tokko mukatti mismaara rukutaa jira.

    Jabaadhuu Hojjedhu / Hojii Kee Hin Dhiisin

    Hojii keetiif ilaalcha gaarii qabaadhu. Hojii kee baayʼee jaallachuu baattus galii siif argamsiisa.

  • Ciminaan hojjechuu fi amanamaa taʼuuf carraaqqii godhi. Kun hojii kee akka hin dhabne si gargaaruu dandaʼa; hojii kee yoo dhabdellee gara fuulduraatti hojii argachuun akka siif salphatu godha.

“Hojii tokko kanan hin jaallanne ykn mindaan isaa hamman eege yoo taʼuu baatellee hojiin argadhe kamiyyuu nan hojjedha. Akkuman waan ofiif hojjedhutti yeroo hunda amanamaa taʼuu fi hojii qulqullina qabu hojjechuufan yaala.”—Dimitrii.

Hojii barbaaddachaa jirta yoo taʼe . . .

  • Dursa fudhadhu. Dhaabbileen tokko tokko beeksisa yoo baasuu baatan illee hojii yoo qabaatan gaafadhu. Hojii barbaaddachaa akka jirtu michoota kee fi maatii keetti himi.

  • Hojii keetti daftee baruuf yaali. Hojii barbaaddu argachuu dhiisuu akka dandeessu yaadadhu.

Hiriyoonni gaaʼelaa tokko baasii isaaniirratti mariʼachaa jiru; ijoolleen isaaniimmoo alatti taphachaa jiru.

CAALAATTI BARADHU. Mata duree, “Galii Xinnoodhaan Jiraachuu kan Dandeessu Akkamitti?” jedhu dubbisi.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi