LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w12 5/15 ful. 23-27
  • Ulfina Yihowaa Calaqqisaa Jirtaa?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Ulfina Yihowaa Calaqqisaa Jirtaa?
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • ULFINA YIHOWAA CALAQQISUU BARBAANNA
  • ULFINA WAAQAYYOO CALAQQISUU
  • FAKKEENYA WAAQAYYOO HAA FUDHANNU
  • YIHOWAADHAAF ULFINA KENNUU KEESSAN ITTI FUFAA
  • Homtinuu Ulfina Argachuu Isin Hin Dhowwin
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
  • Yihowaadhaaf Ulfina Kennaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
  • Yihowaan Cubbuu fi Duʼarraa Nu Oolchuuf Maal Godhe?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2024
  • Sagantaa Haaraa Walga’ii Aanaa
    Tajaajila Mootummaa—2007
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
w12 5/15 ful. 23-27

Ulfina Yihowaa Calaqqisaa Jirtaa?

“Ulfinni [Yihowaa] nu irraa akka calaqqisu in goona.”—2 QOR. 3:18.

MAAL JETTEE DEEBISTA?

Cubbuu kan dhaalle taanus, ulfina Yihowaa calaqqisuu kan dandeenyu akkamitti?

Kadhannaa gochuufi walgaʼiirratti argamuun, ulfina Waaqayyoo calaqqisuuf kan nu gargaaru akkamitti?

Yihowaadhaaf ulfina kennuu keenya itti fufuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa?

1, 2. Amalawwan Yihowaa calaqqisuu ni dandeenya jechuuf sababii maalii qabna?

HUNDI keenya karaa taʼe tokkoon warra keenya fakkaanna. Kanaaf, namni tokko dargaggeessa tokkoon ‘Abbaadhuma keerraa cittee buute!’ yoo jedhe nu hin dinqisiisu. Yookiin intalli tokko, ‘Haadhumakee fakkaatta!’ jedhamti taʼa. Ijoolleen yeroo baayʼee wanta warrasaaniirraa argan raawwachuu barbaadu. Waaʼee keenyahoo maal jechuutu dandaʼama? Yihowaa Abbaa keenya isa samii fakkaachuu ni dandeenyaa? Isa arginee kan hin beekne taʼus, Dubbisaa qayyabachuudhaan, wanta inni uume ilaaluudhaan, Caaffata Qulqullaaʼoorratti keessumaammoo wanta Ilmisaa dubbateefi raawwaterratti xiinxaluudhaan waaʼee amalawwansaa warra dinqisiisoo taʼanii hubachuu dandeenya. (Yoh. 1:18; Rom. 1:20) Kanaaf ulfina Yihowaa calaqqisuu ni dandeenya.

2 Addaamiifi Hewwaan uumamuusaanii dura, Waaqayyo ilmaan namootaa fedha Waaqayyo isaaniif qabu raawwachuu, amalawwansaa calaqqisuufi ulfina kennuufii akka dandaʼan amantii qaba ture. (Uumama 1:26, 27 dubbisi.) Kiristiyaanota waan taaneef, amalawwan Waaqa Isa nu uumee calaqqisuu qabna. Akkas yoo goone, aadaan, sadarkaan barumsaa ykn akkaataan guddinaa keenya maaliyyuu yoo taʼe, mirga addaa ulfina Waaqayyoo calaqqisuu arganna. Akkas kan jennu maaliifi? ‘Waaqayyo nama wal hin caalchisu. Saba biyya lafaa hundumaa keessaa namni isa sodaatu, inni waan qajeelaa hojjetus isa biratti fudhatamaa’ waan taʼeefidha.—HoE. 10:34, 35.

3. Kiristiyaanonni Yihowaa tajaajiluu ilaalchisee maaltu isaanitti dhagaʼamuu dandaʼa?

3 Kiristiyaanonni dibamoon ulfina Yihowaa ni calaqqisu. Kanaaf Phaawulos inni warra hafuuraan dibaman keessaa tokko taʼe, “Nuyi fuula keenya utuu hin haguuggatin ulfinni gooftichaa nu irraa akka calaqqisu in goona; nuyis ulfinaa gara ulfinaatti darbuudhaan fakkaattii isaa akka taanuuf . . . in diddiiramna” jedhee barreesseera. (2 Qor. 3:18) Museen raajichi gabatoota dhagaa Abboommii Kurnan irratti barreeffame qabatee Tulluu Siinaarraa yeroo gad buʼu, Yihowaan waan isatti dubbattee tureef fuullisaa ni calaqqisa ture. (Bau. 34:29, 30) Kiristiyaanonni muuxannoo akka Musee qabaachuudhaan fuullisaanii calaqqisuu baatus, waaʼee Yihowaa, amalawwansaafi kaayyoo dinqisiisaa inni ilmaan namootaatiif qabu yeroo namootatti himan fuullisaanii gammachuudhaan ifa. Akkuma daawwitiin sibiilaa bara durii dibame calaqqisu, Kiristiyaanonni dibamooniifi michoonnisaanii warri lafarra jiran jireenyaafi tajaajilasaaniitiin ulfina Yihowaa ni calaqqisu. (2 Qor. 4:1) Atoo amala keetiinis taʼe, yeroo hundumaa Mootummicha labsuurratti hirmaachuudhaan ulfina Yihowaa calaqqisaa jirtaa?

ULFINA YIHOWAA CALAQQISUU BARBAANNA

4, 5. (a) Akkuma Phaawulos maalii wajjin qabsoo gochaa jirra? (b) Cubbuun hubaatii akkamii nurraan gaʼaa jira?

4 Tajaajiltoota Yihowaa waan taaneef, gocha keenya hundaan Uumaa keenyaaf ulfina kennuu barbaanna. Haataʼu malee, yeroo baayʼee fedhii keenya kana raawwachuu hin dandeenyu. Phaawulosiyyuu rakkoo kanaa wajjin qabsoo gochuun isa barbaachisee ture. (Roomaa 7:21-25 dubbisi.) Phaawulos sababii qabsoo kana itti goonu, “Hundinuu yakkaniiru, ulfinni Waaqayyoos isaanitti hirʼateera” jedhee ibseera. (Rom. 3:23) Ilmaan namootaa Addaamirraa cubbuu waan dhaalaniif, ‘Cubbuun Mootii’ hamaa isaanirratti taʼeera.—Rom. 5:12; 6:12.

5 Cubbuun maalidha? Wanta amala, karaa, seeraafi fedha Yihowaatiin faallaa taʼedha. Cubbuun hariiroo namni tokko Waaqayyoo wajjin qabu ni mancaasa. Akkuma nama xiyya darbatee akeekasaa utuu hin rukutin hafuu, cubbuun akeeka keenyarraa akka kaannu nu godheera. Taʼe jennee ykn utuu hin beekin cubbuu raawwachuu dandeenya. (Lak. 15:27-31) Cubbuun ilmaan namootaa keessatti hundee cimaa waan godhateef, hariiroo Uumaasaanii wajjin qaban jalaa balleesseera. (Far. 51:5; Isa. 59:2; Qol. 1:21) Kanaaf, dimshaashumatti ilmaan namootaa guutummaatti Yihowaarraa kan fagaatan taʼuusaaniirrayyuu, mirga guddaa ulfina Waaqayyoo calaqqisuu dhabaniiru. Cubbuun, ilmaan namootaarratti hubaatii guddaa geessisaa kan jiru taʼuunsaa waan haalamu miti.

6. Cubbuu kan dhaalle taanus, ulfina Waaqayyoo calaqqisuu kan dandeenyu akkamitti?

6 Cubbuu kan dhaalle taanus, Yihowaan ‘Waaqa abdii namaaf kennu’ taʼuusaa mirkaneesseera. (Rom. 15:13) Cubbuu balleessuuf jecha, aarsaan furii Yesus Kiristos akka dhihaatu godheera. Aarsaa kanarratti amantii akka qabnu argisiisuudhaan, “garba cubbuu” taʼuu mannaa, ulfina Yihowaa calaqqisuu dandeenya. (Rom. 5:19; 6:6; Yoh. 3:16) Yihowaa wajjin hariiroo gaarii qabaachuun keenya, yeroo ammaatti eebba, gara fuulduraattimmoo jireenya barabaraa mudaa hin qabne nuuf argamsiisa. Ammayyuu utuma cubbuu dhaallee jirruu, dhuunfaatti Waaqayyo namoota ulfinasaa calaqqisuu dandaʼan godhee nu ilaaluunsaa eebba guddaadha.

ULFINA WAAQAYYOO CALAQQISUU

7. Ulfina Waaqayyoo calaqqisuuf waaʼee keenya maal amannee fudhachuu qabna?

7 Ulfina Waaqayyoo akka gaariitti calaqqisuu akka dandeenyuuf, cubbuu kan dhaalle taʼuu keenya amannee fudhachuu qabna. Kun akka haala keenyaatti garaagara taʼuu dandaʼa. (2 Sen. 6:36) Sirriitti Waaqayyoof ulfina kennuuf, hirʼina akka qabnu beekuufi wantoota kana toʼachuu nu barbaachisa. Fakkeenyaaf, cubbuu fakkiiwwan fedhii saalqunnamtii kakaasan ilaaluudhaan yoo qabamne, gargaarsa hafuuraa gaafachuuf tarkaanfii fudhachuun akka nu barbaachisu amanuu qabna. (Yaq. 5:14, 15) Kun jireenya guutummaatti Waaqayyoof ulfina kennu jiraachuuf carraaquurratti tarkaanfii isa jalqabaati. Yihowaa kan waaqeffannu waan taaneef, sadarkaa qajeelinaasaa guutuufi dhiisuu keenya ilaalchisee yeroo hunda of qoruu qabna. (Fak. 28:18; 1 Qor. 10:12) Hirʼinni qabnu maaliyyuu yoo taʼe, ulfina Waaqayyoo calaqqisuufis taʼe hirʼina sana moʼuuf qabsoo gochuu keenya itti fufuu qabna.

8. Mudaa yoo qabaannellee, maal gochuu qabna?

8 Namoota hanga harʼaatti lafarra jiraatan keessaa, namni Waaqayyoon hin gaddisiisneefi ulfina Waaqayyoo guutummaatti calaqqisuu dandaʼe Yesus qofadha. Akka Yesus cubbuu kan hin qabne taʼuu baannus fakkeenyasaa hordofuuf carraaquu dandeenya; carraaquu qabnas. (1 Phe. 2:21) Yihowaan carraaqqii gooneefi fooyyaʼiinsa argisiisneef bakka guddaa kan kennu taʼuusaarrayyuu, ulfinasaa calaqqisuuf carraaqqii nuti garaadhaa gochaa jirru nuu eebbisa.

9. Macaafni Qulqulluun, Kiristiyaana ulaagaalee Waaqayyoo guutee jiraachuu barbaadurratti jijjiirama akkamii fida?

9 Macaafni Qulqulluun karaa fooyyaʼiinsa itti goonu nuuf ibsuu dandaʼa. Kanaaf Caaffata Qulqullaaʼoo gad fageenyaan qoruufi irratti xiinxalaa dubbisuun barbaachisaadha. (Far. 1:1-3) Guyyaa guyyaadhaan Caaffata Qulqullaaʼoo dubbisuun fooyyaʼiinsa gochuuf nu gargaara. (Yaaqoob 1:22-25 dubbisi.) Beekumsi Macaafa Qulqulluu, buʼuura amantii keenyaa taʼuusaarrayyuu, cubbuu cimaa hojjechuurraa fagaachuufi Yihowaa gammachiisuuf murtoo goone nuu cimsa.—Far. 119:11, 47, 48.

10. Kadhannaan guutummaatti Yihowaa tajaajiluuf nu gargaaruu kan dandaʼu akkamitti?

10 Ulfina Waaqayyoo calaqqisuuf, ‘kadhachuuttis cimuu’ nu barbaachisa. (Rom. 12:12) Yihowaan karaa isa duratti fudhatama qabuun isa tajaajiluuf akka nu gargaaru kadhachuu dandeenya; kadhachuu qabnas. Kana gochuufis, hafuura qulqulluu, amantii, humna qorumsa moʼuuf nu gargaaruufi dandeettii ‘dubbicha isa dhugaa qajeeltootti itti hojjechuuf’ nu dandeessisu akka nuu kennu isa gaafachuu dandeenya. (2 Xim. 2:15; Mat. 6:13; Luq. 11:13; 17:5) Akkuma mucaan tokko abbaasaatti amanamu, nutis Yihowaa Abbaa keenya isa samiitti amanamuu qabna. Caalaatti isa tajaajilluuf akka nu gargaaru yoo kadhanne, akka nu gargaaru mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Kanaaf, akka isa rakkisne matumaa nutti dhagaʼamuu hin qabu. Kanaa mannaa, kadhannaadhaan isa haa faarsinu, akkasumas haa galateeffannu. Keessumaa yeroo qorumsa keessa jirrutti qajeelfamasaa haa barbaannu, karaa maqaasaa isa qulqulluutiif ulfina fiduunis isa tajaajiluuf akka nu gargaaru haa kadhannu.—Far. 86:12; Yaq. 1:5-7.

11. Walgaʼiin gumii ulfina Waaqayyoo calaqqisuuf kan nu gargaaru akkamitti?

11 Waaqayyo hoolotasaa gatii guddaa qaban akka kunuunsuuf ‘hojjetaa amanamaafi ogeessatti’ kenneera. (Mat. 24:45-47; Far. 100:3) Kutaan hojjetaa kun hundi keenya ulfina Waaqayyoo akka calaqqisnu nu gargaaruu barbaada. Akkuma namni wayyaa hodhu tokko uffata nuu hodhe haala qaama keenyarraa deemuun nuu sirreessu, walgaʼiin keenyas amalawwan Kiristiyaanaa fooyyeffachuuf nu gargaara. (Ibr. 10:24, 25) Kanaaf walgaʼiirratti saʼaatii dabarsinee argamuu amaleeffanneerra taanaan, walgaʼii kanarraa guutummaatti fayyadamaa hin jirru jechuudha.

FAKKEENYA WAAQAYYOO HAA FUDHANNU

12. Fakkeenya Waaqayyoo fudhachuu kan dandeenyu akkamitti?

12 Ulfina Yihowaa calaqqisuu yoo barbaanne, ‘fakkeenya Waaqayyoo fudhachuu’ qabna. (Efe. 5:1) Karaan fakkeenya Yihowaa itti fudhannu keessaa tokko ilaalcha inni qabu qabaachuudha. Karaa isarraa faallaa taʼeen jiraachuun kan isa salphisu taʼuusaarrayyuu kan nu miidhudha. Addunyaan keessa jiraannu dhiibbaa Seexanaa isa hamaa taʼe jala waan jiruuf, wanta Yihowaan jibbu jibbuufi wanta inni jaallatu jaallachuuf qabsoo cimaa gochuu qabna. (Far. 97:10; 1 Yoh. 5:19) Karaa sirriin Waaqayyoon itti tajaajiluu dandeenyu, wanta goonu hundumaa ulfina Waaqayyootiif raawwachuudhaan akka taʼe garaa guutuu amanuu qabna.—1 Qorontos 10:31 dubbisi.

13. Cubbuu jibbuu kan qabnu maaliifi? Kunoo maal gochuuf nu kakaasa?

13 Yihowaan cubbuu ni jibba; nuyis jibbuu qabna. Cubbuu kan jibbinu taanaan, wanta cubbuu raawwachuutti nu geessuu dandaʼu kamirraayyuu fagaachuu qabna. Fakkeenyaaf, barumsa gantootaa, jechuunis cubbuu Waaqayyoof ulfina akka hin kennine nu dhowwuun fudhatamuurraa of eeggachuu nu barbaachisa. (Kes. 13:6-9) Kanaaf, wanta gantootaa wajjin wal qabate kamirraayyuu ykn nama Dhugaa Baatuu akka taʼe dubbatus, Waaqayyoof ulfina hin kenninerraa haa fagaannu. Namni kun miseensa maatii keenyaa yoo taʼellee isarraa fagaachuu qabna. (1 Qor. 5:11) Gantootaa wajjin ykn namoota jaarmiyaa Yihowaa ceephaʼan amansiisuuf yaaluun keenya faayidaa hin qabu. Barreeffamasaanii ykn wanta isaan Intarneetiirratti barreessan dubbisuun, hariiroo Yihowaa wajjin qabnu nu jalaa mancaasa.—Isaayaas 5:20; Maatewos 7:6 dubbisi.

14. Ulfina Waaqayyoo calaqqisuuf yeroo carraaqnu amala isa kam horanna? Maaliif?

14 Jaalala argisiisuun karaa Abbaa keenya isa samii itti fakkaannu keessaa isa guddaadha. Eeyyee, nus akkumasaa namoota jaallachuu qabna. (1 Yoh. 4:16-19) Wal jaallachuun keenya, bartoota Yesusiifi tajaajiltoota Yihowaa taʼuu keenya addaan baasee beeksisa. (Yoh. 13:34, 35) Cubbuu kan dhaalle taʼuun keenya al tokko tokko jaalala argisiisuun akka nutti ulfaatu godhuyyuu, dhiibbaa kana moʼuudhaan yeroo hundumaa jaalala argisiisuuf carraaquu qabna. Jaalalaafi amalawwan hafuuraa kaan horachuun keenya, wanta hamaa gochuufi cubbuu raawwachuurraa nu eega.—2 Phe. 1:5-7.

15. Jaalalli hariiroo namootaa wajjin qabnurratti dhibbaa kan geessisu akkamitti?

15 Jaalalli namootaaf waan gaarii gochuuf nu kakaasa. (Rom. 13:8-10) Fakkeenyaaf, hiriyoonni gaaʼelaa kan wal jaallatan taanaan yeroo hundumaa waliif amanamoo taʼu. Jaalalli jaarsolii gumiitiif qabnuufi kabajni hojii isaan raawwataniif qabnu, qajeelfama isaan kennaniif abboomamuufi bitamuuf nu gargaara. Ijoolleen warrasaanii jaallatan warrasaaniitiif abboomamu, ulfina isaaniif kennu, akkasumas waaʼeesaanii wanta hamaa hin dubbatan. Namoota kan jaallannu taanaan, nuu gad akka taʼanitti isaan hin ilaallu ykn karaa akka isaan tuffannu argisiisuun isaanitti hin dubbannu. (Yaq. 3:9) Jaarsoliin hoolota Waaqayyoo jaallatan gaarummaadhaan isaan kunuunsu.—HoE. 20:28, 29.

16. Tajaajila keenyarratti jaalala argisiisuun kan nu gargaaru akkamitti?

16 Tajaajila keenyarrattis jaalala argisiisuun barbaachisaadha. Yihowaadhaaf jaalala cimaa waan qabnuuf, dantaa dhabummaan namootaafi deebii gadheen isaan nuu kennan abdii akka nu kutachiisu heyyamuu hin qabnu. Kanaa mannaa, misraachoo lallabuu keenya itti fufna. Jaalalli sirriitti qophaaʼuufi tajaajilarratti buʼa qabeeyyii taʼuuf akka carraaqnu nu kakaasa. Waaqayyoofi namoota garaadhaa kan jaallannu taanaan, hojii Mootummicha labsuu akkuma hojii tokkootti ykn akka dirqamaatti hin ilaallu. Kanaa mannaa, akka mirga guddaatti ilaaluudhaan gammachuudhaan raawwanna.—Mat. 10:7.

YIHOWAADHAAF ULFINA KENNUU KEESSAN ITTI FUFAA

17. Ulfinni Waaqayyoo akka nutti hirʼate amannee fudhachuun kan nu fayyadu akkamitti?

17 Dimshaashumatti, biyyi lafaa cubbuun hangam cimaa akka taʼe hubachuu baatus, nuyi hubanneera. Kunimmoo cubbuu dhaallee wajjin qabsoo gochuu akka qabnu nu yaadachiisa. Cubbuu kan dhaalle taʼuu keenya hubachuun dhageettii yaada garaa keenyaa leenjisuuf nu kakaasa; kunis yeroo sammuun keenyaafi garaan keenya cubbuu akka raawwannu nu jajjabeessu tarkaanfii sirrii fudhachuuf nu kakaasa. (Rom. 7:22, 23) Dadhaboo akka taane kan nutti dhagaʼamu taʼus, Waaqayyo haala akkamii keessattiyyuu humna nuu kennuu dandaʼa.—2 Qor. 12:10.

18, 19. (a) Qabsoo hafuurota hamoo wajjin goonu moʼuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa? (b) Murtoon keenya maal taʼuu qaba?

18 Waaqayyoof ulfina kennuu yoo barbaanne, humnoota hafuuraa hamoo taʼanii wajjinis qabsoo gochuu qabna. Miʼi lolaa inni kan Waaqayyoo hafuurota kana moʼuurratti milkaaʼina akka argannu godha. (Efe. 6:11-13) Seexanni, ulfina Yihowaan qofti argachuu malu fudhachuuf carraaqqii walirraa hin cinne godha. Hariiroo Yihowaa wajjin qabnu balleessuufis waan isaaf dandaʼame gochuusaa itti fufa. Haataʼu malee, dhiirota, dubartootaafi ijoollee miliyoonaan lakkaaʼaman dabalatee, hundi keenya amanamummaa keenya eeguun Yihowaadhaaf ulfina fida, Seexanaafimmoo salphina guddaa taʼa. Kanaaf, akkuma uumamawwan hafuuraa samiirraa, “Ati waan hundumaa waan uumteef, isaanis jaalala keetiin waan uumamaniif, waan jiraataniif, gooftaa keenyaa! Waaqayyo keenyaa! Guddina, ulfina, aangoos fudhachuun siif in taʼa” jennee isa faarsuu keenya itti haa fufnu.—Mul. 4:11.

19 Wanti fedheyyuu yoo taʼe Yihowaadhaaf ulfina kennuu keenya itti fufuuf haa murteessinu. Namoonni amanamoo taʼan hedduun, isa fakkaachuufi ulfinasaa calaqqisuuf waan isaaniif dandaʼame gochaa akka jiran arguun baayʼee akka isa gammachiisu beekamaadha. (Fak. 27:11) Akkuma Daawit faarfatichaa, “Yaa [“Yihowaa,” NW] gooftaa ko, ani garaa koo guutuudhaan sin galateeffadha, bara baraanis maqaa keetiif ulfina nan kenna” jechuudhaan haa faarfannu. (Far. 86:12) Guyyaa itti guutummaatti ulfina Yihowaa calaqqisnuufi barabaraaf isa faarsinu hawwii guddaadhaan eegganna! Ilmaan namootaa abboomamoo taʼan kana ni argatu. Atoo barabaraaf akka gootu yaaduudhaan, ammumaa kaastee ulfina Yihowaa calaqqisaa jirtaa?

[Fakkii fuula 27⁠rra jiru]

Karaawwan kanaan ulfina Yihowaa calaqqisaa jirtaa?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi