LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w14 7/15 ful. 12-16
  • Sabni Yihowaa ‘Jalʼinarraa’ Ni Fagaatu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Sabni Yihowaa ‘Jalʼinarraa’ Ni Fagaatu
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2014
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • JALʼINARRAA ‘FAGAADHAA’
  • ‘MORKII GOWWUMMAA ISA TOORA HIN QABNERRAA’ FAGAADHAA
  • HIRIYAA GADHEERRAA FAGAADHAA!
  • YIHOWAAN TARKAANFII FUDHANNU NUUF EEBBISA
  • ‘Yihowaan Warra Kansaa Taʼan In Beeka’
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2014
  • Jaalalli Kiristiyaanota Dhugaa Adda Baasee Beeksisa—Dhugaatti Gammadaa
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2018
  • “Jaalalli . . . Jalʼinatti hin Gammadu”
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2022
  • Bashannana Gaarii Filachuun Kan Danda’amu Akkamitti?
    “Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eegaa”
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2014
w14 7/15 ful. 12-16
Lafti Daataan, Abiiramiifi maatiisaanii liqimsuuf afaan bante

Sabni Yihowaa ‘Jalʼinarraa’ Ni Fagaatu

Namni goofticha [“Yihowaa,” NW] maqaa dhaʼatu jalʼina irraa haa deebiʼu!”—2 XIM. 2:19.

MAAL JETTEE DEEBISTA?

  • “Morkiin gowwummaa inni toora hin qabne” akka babalʼatu kan godhu maalidha? Irraa fagaachuu kan dandeenyuhoo akkamitti?

  • Michooma hin taane uumuu wajjin haala wal qabateen ‘jalʼinarraa’ fagaachuu kan dandeenyu akkamitti?

  • Gara kuteenya ‘jalʼinarraa’ fagaachuuf qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

1. Wanti waaqeffannaa keenya keessatti iddoo guddaa qabu maalidha?

MAQAA Yihowaa jedhu keenyan manaarratti barreeffamee ykn muuziyamii hambaan meeshaalee durii keessa taaʼutti argitee beektaa? Argiteetta taanaan, maalummaa maqaa kanaa baruuf akka hawwiteefi baayʼee akka gammadde hin shakkisiisu. Hunda caalaammoo, Dhugaa Baatota Yihowaa waan taaneef, maqaan Waaqayyoo kun waaqeffannaa keenya keessatti iddoo guddaa qaba! Namoota addunyaarratti argaman keessaa kan akka keenya maqaa Waaqayyoo wajjin hariiroo cimaa qabu hin jiru. Haataʼu malee, mirgi maqaa Waaqayyootiin waamamuudhaaf arganne itti gaafatamummaas akka qabu beekna.

2. Mirga maqaa Waaqayyootiin waamamuu argachuun keenya itti gaafatamummaa akkamii qaba?

2 Maqaa Waaqayyootiin waamamuun qofti isa duratti fudhatama akka argannu nu hin godhu. Kanaa mannaa, seera amalaa inni baasee wajjin haala walsimuun jiraachuu qabna. Macaafni Qulqulluun, sabni Yihowaa ‘wanta hamaarraa fagaachuu’ akka qaban kan dubbatu kanaafidha. (Far. 34:14) Phaawulos ergamaan, “Namni goofticha [“Yihowaa,” NW] maqaa dhaʼatu jalʼina irraa haa deebiʼu” jechuudhaan ennaa barreessetti seera buʼuuraa kana akka gaariitti ibseera. (2 Ximotewos 2:19 dubbisi.) Dhugaa Baatota Yihowaa waan taaneef maqaa Waaqayyootiin beekamuu dandeenyeerra. Haataʼu malee jalʼinarraa kan fagaannu akkamitti?

JALʼINARRAA ‘FAGAADHAA’

3, 4. Caqasni hayyoonni Macaafa Qulqulluu hubachuun isaan rakkise kamidha? Maaliif?

3 Phaawulos yaada 2 Ximotewos 2:19⁠rra jiru kan dubbate caqasa Caaffata Qulqullaaʼoo kamirratti hundaaʼee akka taʼe haa ilaallu. Caqasichi waaʼee ‘hundee Waaqayyo kaaʼeefi’ ibsa lamaan achirratti barreeffamee jiruu dubbata. Ibsi inni tokkoffaan, “Waaqayyo warra kan isaa taʼan” akka beeku kan dubbatu siʼa taʼu Lakkoobsa 16:5⁠rraa kan fudhatame taʼuu dandaʼa. (Mataduree darbe ilaali.) Ibsi inni lammaffaanimmoo, “Namni Yihowaa maqaa dhaʼatu jalʼina irraa haa deebiʼu” kan jedhu siʼa taʼu, yaada kana hubachuun hayyoota Macaafa Qulqulluu rakkiseera. Maaliif?

4 Akkaataan Phaawulos itti barreesse yaada kana iddoo garabiraadhaa akka inni caqase kan argisiisudha. Haataʼu malee, Caaffata Qulqullaaʼoo afaan Ibrootaa keessa barreeffamni yaada Phaawulos caqasee wajjin wal fakkaatu hin jiru. Kanaaf Phaawulos, “Namni Yihowaa maqaa dhaʼatu jalʼina irraa haa deebiʼu” yeroo jedhu waaʼee maalii dubbachuusaa ture? Phaawulos yaada kana dubbachuusaa dura yaada Lakkoobsa boqonnaa 16⁠rratti argamuufi fincila Qoraahiin kaasee wajjin wal qabate ibsu caqasee ture. Kanaaf, ibsi lammataas fincila kaʼee turee wajjin kan walqabate taʼuu dandaʼaa?

5-7. Wanti bara Museetti raawwatameefi yaada Phaawulos 2 Ximotewos 2:19⁠rratti dubbate hubachuuf nu gargaaru kamidha? (Fakkii jalqabarra jiru ilaali.)

5 Macaafni Qulqulluun ilmaan Eliiyaab kan taʼan Daataaniifi Abiiram, Qoraahii wajjin taʼanii Museefi Aaronirratti kaʼuudhaan fincila uumame geggeessaa akka turan dubbata. (Lak. 16:1-5) Ifaa ifatti Musee ulfina kan dhowwatan siʼa taʼu, aboo Waaqayyo isaaf kennes mormaniiru. Finciltoonni kun saba Yihowaa gidduu jiraachuusaanii itti fufanii kan turan siʼa taʼu, kunimmoo nageenya hafuuraa namoota amanamoo taʼanii balaadhaaf saaxilee ture. Guyyaan Yihowaan namoota amanamummaadhaan isa tajaajilaniifi warra fincila kaasan adda itti baasu ennaa gaʼetti, Yihowaan ajaja ifa taʼe tokko isaaniif kenne.

6 Macaafni Qulqulluun akkas jedha: “Waaqayyo ergasii Museedhaan ‘Ati waldaatti dubbadhuu, “Godoo Qoraahii fi godoo Daataan, godoo Abiiram biraas fagaadhaa!” jedhiin!’ jedhe. Museenis kaʼee gara Daataanii fi Abiiram in dhaqe; jaarsoliin Israaʼelis duukaa in dhaqan. Yommus Museen waldaadhaan, ‘Godoo namoota jalʼoota kanaa biraa fagaadhaa! Cubbuu isaanii hundumaan akka hin badnettis wanta kan isaanii taʼetti hin buʼinaa!’ jedhe. Waldaanis godoo Qoraahii fi godoo Daataan, godoo Abiiram biraas in fagaate.” (Lak. 16:23-27) Achiis Yihowaan namoota fincila kaasan hunda ni balleesse. Waaqeffattoonni amanamoon warri jalʼinarraa fagaatan garuu badiisarraa oolaniiru.

7 Yihowaan garaa namaa beeka! Amanamummaa saboonnisaa argisiisan ni hubata. Haataʼu malee, namoonni isaaf amanamoo taʼan warra jalʼina raawwatanirraa fagaachuu qabu. Kanaaf, Phaawulos “Namni Yihowaa maqaa dhaʼatu jalʼina irraa haa deebiʼu” jechuudhaan kan barreesse Lakkoobsa 16:5, 23-27⁠rraa caqaseeti jechuun ni dandaʼama. Yaadni xumuraa kun yaada Phaawulos, “Waaqayyo warra kan isaa taʼan” akka beeku ibsee wajjin kan walsimudha.—2 Xim. 2:19.

‘MORKII GOWWUMMAA ISA TOORA HIN QABNERRAA’ FAGAADHAA

8. Maqaa Yihowaa waamuun ykn miseensa gumii Kristiyaanaa taʼuun qofti gaʼaa kan hin taane maaliifi?

8 Phaawulos wanta bara Museetti raawwatame caqasuudhaan, Ximotewos hariiroo Yihowaa wajjin qabu eeguuf tarkaanfii akkamii fudhachuu akka qabu isa yaadachiisaa ture. Bara Museetti maqaa Yihowaa waamuun qofti akkuma gaʼaa hin taane, miseensa gumii Kiristiyaanaa taʼuun qofti gaʼaa miti. Namoonni amanamummaadhaan Yihowaa waaqeffatan jalʼinarraa fagaachuu qabu. Yaanni kun Ximotewosiif hiika akkamii qaba ture? Sabni Yihowaa yeroo harʼaa jiranoo, gorsa Phaawulos hafuuraan geggeeffamee barreesse kanarraa barumsa akkamii argatu?

9. ‘Morkiin gowwummaa inni toora hin qabne’ gumii Kiristiyaanaa jaarraa jalqabaarratti miidhaa akkamii geessisee ture?

9 Macaafni Qulqulluun, jalʼina Kiristiyaanonni irraa fagaachuu qaban ilaalchisee gorsa ifa taʼe kenna. Fakkeenyaaf, yaada 2 Ximotewos 2:19 dura jirurratti Phaawulos, Ximotewos ‘wal diduurraa [‘dubbii buʼaa hin qabneen wal loluurraa,’ hiika bara 1899] akka fagaatan,’ akkasumas ‘dubbii midhaan hin qabnerraa [‘dubbii waaʼee hin baafnerraa,’ hiika bara 1899] akka fagaatan’ obboloota akka gorsu itti himee ture. (2 Ximotewos 2:14, 16, 23 dubbisi.) Yeroo sanatti, namoonni miseensa gumichaa taʼan tokko tokko barumsa gantootaa babalʼisaa turan. Kaanimmoo yaada mormii kaasu gumii keessatti babalʼisaa turan. Namoonni kun Caaffata Qulqullaaʼoorratti hundaaʼanii kan wal falman taʼus, haalli akkasii tokkummaan akka hin jiraanne kan godhu ture. Wanti akkasii obboloonni jechootarratti akka wal lolaniifi wal morman kan godhu taʼuusaarrayyuu, karaa hafuuraa akka miidhaman godha. Phaawulos, obboloonni ‘morkii gowwummaa isa toora hin qabnerraa’ akka fagaatan kan gorse kanaafidha.

10. Gantoonni yommuu nu mudatan tarkaanfii akkamii fudhachuu qabna?

10 Yeroo harʼaa, gumii keessatti gantummaan baayʼinaan saba Yihowaa hin mudatu. Taʼus, barumsi Macaafa Qulqulluurratti hin hundoofne yommuu nu mudatu, maddasaa baruuf yaaluu mannaa irraa fagaachuu qabna. Isaanii wajjin haasaʼuudhaanis taʼe Weeb saayitii isaaniirratti yaada kennuudhaan ykn karaa kamiiniyyuu gantootaa wajjin falmii gochuun barbaachisaa miti. Kaayyoon keenya nama sana gargaaruu yoo taʼellee, namoota akkasii wajjin mariʼachuun gorsa armaan olitti kennameef akka nuti hin ajajamne argisiisa. Saba Yihowaa waan taaneef yaada akkasiirraa fagaachuu qabna; eeyyee gantootarraa fagaachuu qabna!

Gantoonni Dhugaa Baatonni Yihowaa morkii keessa akka seenan gochuuf yaalii godhu

Gantootaa wajjin morkii keessa seenuurraa fagaadhaa (Keeyyata 10 ilaali)

11. Wanti ‘morkiin gowwummaa inni toora hin qabne’ akka uumamu godhu maalidha? Jaarsoliin gumii fakkeenya gaarii taʼuu kan dandaʼan akkamitti?

11 Gantummaa malees wantoonni nageenya gumii miidhuu dandaʼan jiru. Fakkeenyaaf, gama bashannanaatiin ilaalcha garaagaraa qabaachuun, ‘morkiin gowwummaa inni toora hin qabne’ akka uumamu gochuu dandaʼa. Namoonni bashannana seera amalaa Yihowaan baasee wajjin wal hin simne babalʼisan gumii keessa jiru taanaan, jaarsoliin gumii falmiin akka hin uumamneef jecha haala akkasii callisanii ilaaluu akka hin qabne beekamaadha. (Far. 11:5; Efe. 5:3-5) Haataʼu malee, jaarsoliin gumii ilaalcha mataasaanii akka hin babalʼisne of eeggannoo cimaa godhu. Gorsa Macaafa Qulqulluu jaarsolii gumiitiif kenname amanamummaadhaan deggeruu qabu. Gorsichi, “Karra hoolotaa isa Waaqayyo tikaaf isinitti kenne sana . . . fakkeenya taʼuudhaan egaa malee, warra tika keessan jala jiran irratti gooftummaa argisiisuudhaan miti” jedha.—1 Phe. 5:2, 3; 2 Qorontos 1:24 dubbisi.

12, 13. (a) Dhugaa Baatonni Yihowaa bashannana akkamii filachuu akka qaban kan murteessan akkamitti? Seerri buʼuuraa Macaafa Qulqulluu gama kanaan hojiirra ooluu qabu kamidha? (b) Seerri buʼuuraa keeyyata 12⁠rratti ibsame filannaan keenya yommuu garaagara taʼutti hojiirra ooluu kan dandaʼu akkamitti?

12 Jaarmiyaan Yihowaa bashannana ilaalchisee, fiilmiiwwan, taphawwan viidiyoo, kitaabonni ykn sirboonni irraa fagaachuu qabnu kamfaa akka taʼan qajeelfama hin kennu. Maaliif? Macaafni Qulqulluun, tokkoon tokkoon keenya ‘sammuun keenya hojiidhaan itti baree [“leenjiʼee,” NW] hamaafi gaarii gargar baasuu akka dandaʼu’ waan gorsuufidha. (Ibr. 5:14) Macaafni Qulqulluun, seera buʼuuraa Kiristiyaanni tokko bashannana ennaa filatu irratti yaaduu qabu qabateera. Kallattii jireenyaa keenya kamiyyuu keessatti kaayyoon keenya, ‘wanta gooftaatti tolu qorree bira gaʼuu’ taʼuu qaba. (Efe. 5:10) Macaafni Qulqulluun mataa maatii kan taʼan aboo akka qaban waan dubbatuuf, bashannanawwan tokko tokko manasaanii keessatti maatiinsaanii akka itti hin fayyadamne dhorkuu dandaʼu.a—1 Qor. 11:3; Efe. 6:1-4.

13 Seerri buʼuuraa Macaafa Qulqulluu olitti ilaalle bashannana filannu qofarratti kan hojjetu miti. Akkaataa uffannaafi miidhaginaa, fayyaafi nyaataa, akkasumas dhimmoota dhuunfaa taʼan ilaalchisees garaagarummaan uumamuu dandaʼa. Gama kanaan seerri buʼuuraa Macaafa Qulqulluu hanga hin cabnetti, sabni Yihowaa wantoota akkasiirratti wal mormuurraa fagaachuu qabu. Macaafni Qulqulluun, “Garbichi gooftaa wal loluun isaaf hin taʼu; kanaa mannaa nama hundumaa gaarummaadhaan qabuutu isaaf taʼa” jechuudhaan dubbata.—2 Xim. 2:24, NW.

HIRIYAA GADHEERRAA FAGAADHAA!

14. Phaawulos namoota jalʼina raawwatanii wajjin michummaa uumuurraa fagaachuu ilaalchisee fakkeenya akkamiitti fayyadame?

14 Karaan namoonni ‘Yihowaa maqaa dhaʼatan jalʼinarraa’ fagaachuu itti dandaʼan kan biraan maalidha? Namoota jalʼina raawwatanii wajjin michummaa uumuurraa fagaachuudha. Phaawulos fakkeenya ‘hundee Waaqayyo kaaʼe’ ilaalchisee dubbatetti aansuudhaan fakkeenya kan biraa dubbateera. “Mana guddaa tokko keessa qodaa warqee irraa yookiis meetii irraa tolfame duwwaa utuu hin taʼin, qodaan muka irraa yookiis suphee irraa tolfames jira; kaan qodaa hojii ulfinaa itti hojjetanii dha, kaan immoo qodaa hojii salphinaa itti hojjetanii dha” jechuudhaan barreesseera. (2 Xim. 2:20, 21) Achiis Kiristiyaanonni ‘qodaa hojii salphinaatiif’ oolurraa akka ‘of qulqulleessan’ ykn akka adda baʼan gorseera.

15, 16. Fakkeenya Phaawulos “mana guddaa tokko” ilaalchisee dubbaterraa maal baranna?

15 Hiikni fakkeenya kanaa maalidha? Phaawulos caqasa kanarratti gumii Kiristiyaanaa ‘mana guddaa tokkoo’ wajjin, tokkoon tokkoon miseensota gumiimmoo “qodaa” mana keessaa wajjin wal fakkeesseera. Qodaa manaa keessaa muraasni xuriidhaan faalamanii faayidaa kan hin qabne taʼuu dandaʼu. Abbaan manichaa qodaawwan kana qodaawwan qulqulluu taʼaniifi itti bilcheessuuf tajaajilanirraa adda baasee kaaʼa.

16 Haaluma wal fakkaatuun, yeroo harʼaa sabni Yihowaa namoota seera buʼuuraa Yihowaan baaseef dantaa hin qabnee wajjin michoomuurraa fagaachuudhaan akkaataa jireenyaa qulqulluu taʼe jiraachuuf carraaqqii godhu. (1 Qorontos 15:33 dubbisi.) Namoota gumii keessa jiranii wajjin michummaa gadhee uumuurraa fagaachuu qabna erga taʼee, namoota gumiidhaa ala jiranii wajjin michoomuurraa kana caalaa ‘fagaachuu’ hin qabnuu? Namoonni kun hedduunsaanii, ‘sassatoota, warra abbootasaaniifi haadhotasaaniif hin abboomamne, warra wanta qulqullaaʼaadhaan morman, warra maqaa namaa balleessan, warra namatti hin madaqne, warra waan gaarii jibban, warra dabarsanii nama kennan, Waaqayyoon jaallachuu caalaa, warra waan isaan gammachiisu jaallatanidha.’—2 Xim. 3:1-5.

YIHOWAAN TARKAANFII FUDHANNU NUUF EEBBISA

17. Israaʼeloonni amanamoo taʼan jalʼinarraa akka fagaatan yommuu isaanitti himame tarkaanfii akkamii fudhatan?

17 Israaʼeloonni, ‘Godoo Qoraahi, godoo Daataaniifi godoo Abiiram biraa akka fagaatan’ yeroo itti himametti tarkaanfii akkamii akka fudhatan Macaafni Qulqulluun ni dubbata. Caqasichi, “Isaanis yeruma sana . . . irraa in fagaatan” jedha. (Lak. 16:24, 27, NW) Sabichi harʼa bor utuu hin jedhin yeruma sana isaanirraa fagaateera. Macaafni Qulqulluun, ‘Karaa hundumaa isaanirraa in fagaatan’ jechuudhaan hammam akkasaan isaanirraa fagaatan ibsa. Namoonni amanamoo taʼan kun wanta balaadhaaf isaan saaxilurraa fagaataniiru. Kana kan godhanis garaa guutuudhaan ture. Jalʼinarraa fagaachuudhaan Yihowaa cinaa dhaabataniiru. Seenaa kanarraa barumsa akkamii arganna?

18. Phaawulos, ‘kajeellaa yeroo dargaggummaatti hammaaturraa akka baqatu’ Ximotewosiin ennaa gorsu maal jechuusaa ture?

18 Michooma Yihowaa wajjin qabnuuf iddoo guddaa waan kenninuuf, wanti michooma kana nu jalaa balleessu ennaa nu mudatu hatattamaan tarkaanfii fudhachuu qabna. Kunis gorsa Phaawulos, “Kajeellaa yeroo dargaggummaatti hammaatu irraa baqadhu” jechuudhaan Ximotewosiif kennee wajjin kan walsimudha. (2 Xim. 2:22) Ximotewos yeroo gorsi kun isaaf kennametti umriinsaa waggaa 30 ol taʼuu hin oolu. Taʼus, ‘kajeellaan yeroo dargaggummaa’ umrii qofarratti kan hundaaʼe miti. Ximotewos fedhiin akkasii ennaa isatti dhagaʼamu irraa ‘baqachuu’ qaba ture. Karaa garabiraatiin Ximotewos ‘jalʼina irraa deebiʼuu’ qaba ture. Yesusis, “Iji kee yoo si gufachiise, of keessaa baasii gati” jechuudhaan yaada kanaa wajjin wal fakkaatu dubbateera. (Mat. 18:9) Yeroo harʼaa, Kiristiyaanonni gorsa kana dhagaʼan, wantoota karaa hafuuraa balaadhaaf isaan saaxilanirraa fagaachuuf harʼa bor utuu hin jedhin tarkaanfii fudhatu.

19. Yeroo harʼaa obboloonni tokko tokko balaa hafuuraa isaan mudaturraa of eeguuf tarkaanfiiwwan akkamii fudhataniiru?

19 Namoonni Dhugaa Baatota Yihowaa taʼuusaanii dura dhugaatii alkoolii dhuguu amaleeffatan tokko tokko, dhugaatii alkoolii hundarraa fagaachuuf murteessaniiru. Kaanimmoo, gosa bashannanaa miidhaa yoo qabachuu baatellee, dadhabina isaan duraan qaban itti kakaasuu dandaʼurraa fagaataniiru. (Far. 101:3) Fakkeenyaaf, obboleessi tokko Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuusaa dura, yeroo hunda qophii ragadaa amalli hin taane itti mulʼaturratti ni hirmaata ture. Dhugaa erga baree booda garuu, fedhiinsaa duraanii akka itti hin kakaaneef ykn wanta duraan dabarse akka hin yaadanneef jecha qophii bashannanaa obboloonni godhanirrattillee ragaduu dhiisuuf murteesseera. Dhugaadha, Kiristiyaanonni dhugaatii alkoolii, ragadaafi wantoota dogoggora hin qabne kaanirraa guutummaatti akka of qusatan hin abboomamne. Haataʼu malee, hundi keenyayyuu balaa hafuuraa nu mudaturraa of eeguuf hatattamaan tarkaanfii fudhachuu qabna.

20. Guutummaatti ‘jalʼinarraa’ fagaachuun salphaa taʼuu baatus, wanti amanannaa akka qabaannuufi jajjabina akka argannu nu godhu maalidha?

20 Mirga maqaa Waaqayyootiin waamamuu argachuun itti gaafatamummaas qaba. ‘jalʼinarraas’ taʼe ‘wanta hamaarraa fagaachuu’ qabna. (Far. 34:14) Akkas gochuun yeroo hunda salphaa akka hin taane beekamaadha. Taʼus, Yihowaan ‘namoota kansaa taʼaniifi’ daandii qajeelinaasaarra deeman akka jaallatu beekuun baayʼee nama jajjabeessa!—2 Xim. 2:19; 2 Seenaa 16:9a dubbisi.

a Weeb saayitii jw.org baafata ABOUT US > FREQUENTLY ASKED QUESTIONS jalatti, mataduree “Do You Ban Certain Movies, Books, or Songs?” jedhu ilaali.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi