LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w18 Sadaasa ful. 32
  • Yihowaadhaaf Kennaa Akkamii Kennuu Dandeenya?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yihowaadhaaf Kennaa Akkamii Kennuu Dandeenya?
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2018
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • “Kennaa Yihowaadhaaf Kennamu”
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2018
  • Gatii ‘Saantima Xixinnoo Lamaa’
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2020
  • Dhugaa Baatonni Yihowaa Qarshii Hojii isaaniitiif Barbaachisu Eessaa Argatu?
    Dhugaa Baatota Yihowaa Ilaalchisee Gaaffiiwwan Yeroo Baayʼee Gaafataman
  • Jaalala Keessaniif Yihowaa ni Galateeffanna
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2021
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2018
w18 Sadaasa ful. 32
donate.jw.org

Yihowaadhaaf Kennaa Akkamii Kennuu Dandeenya?

YEROO tokko Yesuus, “Fudhachuu irra kennuutu caalaatti nama gammachiisa” jedhee ture. (HoE. 20: 35) Dhugaan buʼuuraa kun hariiroo Yihowaa wajjin qabnu irrattis ni hojjeta. Akkas kan jennu maaliifi? Yihowaan kennaawwan gammachuu nuuf argamsiisan hedduu nuu kenneera; haa taʼu malee Yihowaadhaaf kennaa kennuudhaan caalaatti gammachuu argachuu ni dandeenya. Yihowaadhaaf kennaa akkamii kennuu dandeenya? Fakkeenyi 3:9, (NW) “Qabeenya kee isa gatii guddaa qabuun, . . . Yihowaadhaaf ulfina kenni” jedha. ‘Qabeenyi keenya inni gatii guddaa qabu’ yeroo, dandeettii, humnaa fi qarshii keenya kan dabalatu dha. Qabeenya akkasii waaqeffannaa dhugaa babalʼisuuf yommuu itti fayyadamnu Yihowaadhaaf kennaa kennina, kana gochuun keenya immoo gammachuu guddaa nuuf argamsiisa.

Qabeenya keenya Yihowaadhaaf kennuu akka hin daganne maaltu nu gargaara? Phaawulos ergamaan, warri Qorontos wanta buusii godhan ‘adda baasanii akka kaaʼan’ isaan gorseera. (1 Qor. 16:2) Naannoo keessanitti mala buusii gochuuf gargaaru ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf maal gochuu dandeessu? Saanduqa armaan gadii ilaalaa.

Intarneetiidhaan buusii gochuun kan dandaʼamu biyya hunda keessatti miti. Haa taʼu malee, karaa kan biraa buusii gochuu ilaalchisee intarneetii irraa odeeffannoo argachuun ni dandaʼama. Biyyoota tokko tokko keessatti barreeffamni intarneetii irratti argamu buusii ilaalchisee gaaffii yeroo baayʼee kaʼuuf deebii kenna.

Karaa Salphaa Intarneetiidhaan Buusii Gochuun Itti Dandaʼamu

ARGACHUUF SALPHAA

  • Tajaajila Intarneetii

    Intarneetii irratti donate.jw.org jedhii barreessi

  • JW Library

    Fuula kaʼumsaa JW Library® irraa liinkii “Buusii Gochuu” jedhu cuqaasi

FAYYADAMUUF SALPHAA

Al tokko ykn yeroo yerootti buusii godhi:

  • Hojii Addunyaa Maraatiif

  • Gumii Keetiif

  • Walgaʼii Naannootiif

  • Walgaʼii Aanaatiif

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi