LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • wp21 Lakk. 3 ful. 15
  • Egereen Kee Harka Kee Keessa Jira

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Egereen Kee Harka Kee Keessa Jira
  • The Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2021
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • YIHOWAA JAALLACHUU FI SAGALEE ISAA DHAGAʼUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?
  • Egeree Kee Filachuu Dandeessa!
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2018
  • Waaqayyotti Dhihaachuu ni Dandeessa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2019
  • ‘Garraamonni Lafa ni Dhaalu’
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2018
  • Seensa
    The Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2021
Dabalataan Ilaaluuf
The Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2021
wp21 Lakk. 3 ful. 15
Namichi tokko kaaffee keessatti moobaayilii isaa irraa michuu isaatti waa argisiisaa jira.

Egereen Kee Harka Kee Keessa Jira

Waggoota 3,500 dura Yihowaan egereen isaanii amansiisaa akka taʼuuf maal gochuu akka qaban namoota isa waaqeffatanitti himee ture; akkana isaaniin jedhe: ‘Jireenyaa fi duʼa, eebbaa fi abaarsa si dura kaaʼeera; atii fi sanyiin kee akka jiraattaniif jireenya filadhu.’—Keessa Deebii 30:19.

Egereen isaanii gaarii akka taʼuuf filannaa sirrii gochuu qabu turan. Yeroo harʼaatti nutis filannoo wal fakkaatu qabna. Kitaabni Qulqulluun egeree amansiisaa filachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe yeroo ibsu, “Waaqa kee Yihowaa jaallachuudhaan, sagalee isaa dhagaʼuudhaan” jedha.—Keessa Deebii 30:20.

YIHOWAA JAALLACHUU FI SAGALEE ISAA DHAGAʼUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?

KITAABA QULQULLUU BARADHU: Yihowaa jaallachuuf jalqaba Kitaaba Qulqulluu irraa waaʼee isaa barachuu qabda. Yommuu akkas gootu, inni Waaqa jaalala qabeessa waan gaarii siif hawwu akka taʼe hubatta. “Inni [siif] waan yaaduuf” akka isatti kadhannaa dhiheessitu si affeereera. (1 Pheexiros 5:7) Kitaabni Qulqulluun isatti dhihaachuuf carraaqqii yoo goote, ‘innis akka sitti dhihaatu’ dubbata.—Yaaqoob 4:8.

WANTA BARATTE HOJII IRRA OOLCHI: Waaqayyoon dhaggeeffachuu jechuun, qajeelfama isaa isa ogummaa irratti hundaaʼee fi Kitaaba Qulqulluu keessatti argamu hordofuu jechuu dha. Akkana yoo goote, “daandiin kee milkaaʼina ni argata, ogummaadhaanis ni deddeebita.”—Iyyaasuu 1:8.

Caalaatti barachuuf, weebsaayitii keenya jw.org/om jedhamu ilaali; achi irraa Kitaaba qulqulluu dubbisuu dandeessa ykn namni tokko Kitaaba Qulqulluu akka si barsiisu gaafachuu dandeessa.

Kitaabni Qulqulluun egeree amansiisaa qabaachuuf akka si gargaaruuf ammuma filannaa godhi!

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi