LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • wp23 Lakk. 1 ful. 6-7
  • 1 | Kadhannaa—“Yaaddoo Keessan Hundumaa Isa Irratti Gataa”

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • 1 | Kadhannaa—“Yaaddoo Keessan Hundumaa Isa Irratti Gataa”
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2023
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Maal Jechuudha?
  • Kadhannaan kan Nu Gargaaru Akkamitti?
  • Yaaddoo Keessan Hundumaa Isa Irratti Gataa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2016
  • Dhiphina Damdamachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?
    Gaaffii Dargaggootaa
  • Dhiirota Dhiphatan Kitaabni Qulqulluun Gargaaruu kan Dandaʼu Akkamitti?
    Mata Dureewwan Dabalataa
  • Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2017
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2023
wp23 Lakk. 1 ful. 6-7
Dargaggeessi dhiphate tokko laphee isaa qabatee kadhachaa jira.

1 | Kadhannaa “Yaaddoo Keessan Hundumaa Isa Irratti Gataa”

KITAABNI QULQULLUUN AKKANA JEDHA: “[Waaqayyo] isiniif waan yaaduuf, yaaddoo keessan hundumaa isa irratti gataa.”—1 PHEEXIROS 5:7.

Maal Jechuudha?

Yihowaan wanta baʼaa nutti taʼe kamiyyuu akka isatti himnu nu affeereera. (Faarfannaa 55:22) Xinnaas taʼe guddaa waaʼee rakkina kamiiyyuu kadhachuu dandeenya. Rakkinni tokko nu yaaddesseera taanaan Yihowaas ni yaaddessa. Kadhannaa isatti dhiheessuun tarkaanfii barbaachisaa nagaa sammuu nuuf argamsiisudha.—Filiphisiyus 4:6, 7.

Kadhannaan kan Nu Gargaaru Akkamitti?

Dhibee sammuu wajjin yeroo walʼaansoo goonu kophaa keenya akka taane nutti dhagaʼamuu dandaʼa. Rakkina nuti keessa jirru namoonni kaan yeroo hunda nuuf hubachuu dhiisuu dandaʼu. (Fakkeenya 14:10) Wanta nutti dhagaʼamu Waaqayyotti yeroo himnu garuu, inni gaarummaadhaan nu dhaggeeffata, akkasumas miira keenya nuuf hubata. Yihowaan nu arga, dhiphina keenyaa fi walʼaansoo goonu beeka, wanta nu yaaddessu kamiyyuu kadhannaadhaan akka isatti himnu barbaada.—2 Seenaa Baraa 6:29, 30.

Kadhannaadhaan Yihowaa haasofsiisuun keenya inni akka nuuf yaadu caalaatti akka amannu godha. Akkuma faarfaticha isa, “Ati rakkina koo waan argiteef . . . dhiphina koo isa cimaa beekta” jedhee nutti dhagaʼamuu dandaʼa. (Faarfannaa 31:7) Yihowaan haala keessa jirru akka argu beekuun keenya qoftillee, rakkina nu mudachaa jiru dandamachuuf baayʼee nu gargaaruu dandaʼa. Taʼus, Yihowaan rakkina keenya arguu caalaa wanta godhu qaba. Inni eenyuyyuu caalaa haala keessa jirru ni hubata, akkasumas Kitaaba Qulqulluurraa jajjabina akka argannu nu gargaara.

Kitaabni Qulqulluun Juuliyaaniin kan Gargaare Akkamitti?

Dhiibbaa Dhiphinni Narraan Geessise

Juuliyaan.

“Dhiphinaa fi dhibee sammuu obsasiiv kompalsiiv diisordar jedhamu wajjin walʼaansoo gochaan jira. Akkuma tasaa dhiibbaa narratti godha. Yeroo tokko miirri gaariin yoo natti dhagaʼame, yeroo kan biraa garuu sababii malee garmaleen dhiphadha. Keessumaa yeroon namoota wajjin taʼu baayʼeen dhiphadha. ‘Waaʼee koo maal yaadu laata?’ jedheen garmalee yaaddaʼa.

“Michoonni koo waaʼee dhiphina kootii beekan na gargaaruuf wanta dandaʼan godhu. Dhugaa isaa dubbachuuf, yeroo tokko tokko wanti isaan dubbatan wanta na gargaaru miti. Taʼus, carraaqqii na gargaaruuf godhan baayʼeen dinqisiifadha.

“Yeroo tokko tokko baayʼee dhiphachuu kootiin kan kaʼe kadhannaa dhiheessuun natti ulfaata. Yaada koo sassaabbadhee kadhannaadhaan Yihowaa haasofsiisuun carraaqqii guddaa na gaafata. Sammuun koo yeroo gabaabaa keessatti wantoota garaa garaa yaaduu waan jalqabuuf, yeroo baayʼee garmaleen burjaajaʼa. Wantan yaadu toʼachuu yeroon hin dandeenyetti, yaada koo fi miira natti dhagaʼamu ibsuun na rakkisa.”

Kitaabni Qulqulluun kan Na Gargaare Akkamitti?

“Kadhannaan koo Waaqayyo biratti fudhatama kan qabaatu yoo dheerate ykn yaada koo akka gaariitti yoon ibse qofa akka hin taane qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu koorraa baradheera. Yeroo tokko tokko yaada koo jechaan ibsuun yeroo na rakkisu, ‘Yihowaa, maaloo na gargaari’ jedheen kadhadha. Yeroo akkasiittillee, Yihowaan miira koo akka naaf hubatuu fi wanta yeroo sanatti na barbaachisu akka naaf kennu natti dhagaʼama. Gargaarsa yaalii fayyaas argadheera. Mirga kadhannaa fi gargaarsa yaalii fayyaatiif galanni haa taʼuutii haalli koo baayʼee fooyyaʼeera. Abbaa koo isa samii gargaarsa gaafachuun carraaqqii guddaa kan na gaafatu taʼus, inni akka na jaallatuu fi na gargaaruu akka barbaadu waanan beekuuf carraaqqii gochuu koo ittan fufa.”

Gargaarsa Dargaggootaaf Taʼu

Viidiyoo “Michuu Yihowaa Taʼi—Yeroo Hunda Kadhadhu” jedhu.

Yihowaan kadhannaa kee akka dhagaʼuu fi deebii akka siif kennu amanannaa qabaachuu kan dandeessu maaliif akka taʼe weebsaayitii jw.org irraa ilaali.

Viidiyoo Michuu Yihowaa Taʼi—Yeroo Hunda Kadhadhu jedhamu ilaali.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi