LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwbq mataduree 23
  • Mootummaan Waaqayyoo Maal Raawwata?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Mootummaan Waaqayyoo Maal Raawwata?
  • Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Deebii Kitaaba Qulqulluu
  • Mootummaan Waaqayyoo Maal Raawwata?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2020
  • Addunyaa Haaraa Nagaa Qabu Keessa Jiraachuu
    Addunyaa Haaraa Nagaa Qabu Keessa Jiraachuu
  • Addunyaa Haaraa Waaqayyo Fidu
    Dhugumaan Waaqayyo Waa’ee Keenya Ni Yaadaa?
  • Michoonni Waaqayyoo Jannata Keessa Jiraatu
    Michuu Waaqayyoo Taʼuu Dandeessa!
Dabalataan Ilaaluuf
Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
ijwbq mataduree 23
Haala Jannata keessa jiru

Mootummaan Waaqayyoo Maal Raawwata?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

Mootummaan Waaqayyoo bulchiinsa ilmaan namootaa hundumaa bakka buʼuudhaan guutummaa lafaa bulcha. (Daaniʼel 2:44; Mulʼata 16:14) Yeroo kun taʼutti, Mootummaan Waaqayyoo . . .

  • Namoota hamoo ofittummaadhaan hunda keenya irra miidhaa geessisan ni balleessa. “Warri jalʼoonni garuu biyyicha keessaa in balleeffamu; warri hin amanamnes isa keessaa in buqqifamu.”—Fakkeenya 2:22.

  • Waraana hundumaa ni balleessa. “[Waaqayyo] hamma andaara lafaatti duulli akka dhaabatu in godha.”—Faarfannaa 46:9.

  • Badhaadhinnii fi nageenyi lafa irra akka jiraatu godha. “Isaan adduma addaan muka waynii isaanii jala, harbuu isaanii jalas in taaʼu; namni tokko illee isaan hin sodaachisu.”—Miikiyaas 4:4.

  • Lafti gara jannataatti akka jijjiiramtu godha. “Lafti duwwaanii fi lafti gogaan in gammadu, lafti onaanis ililchee, akka arfaasee in daraara.”—Isaayaas 35:1.

  • Namni hundi hojii isaaf taʼuu fi gammachiisaa taʼe akka argatu godha. ‘Warri [Waaqayyo] foʼate isa harka isaaniitiin itti dadhabanii hojjetan in nyaatu. Isaan siʼachi akkasumaan dadhabanii hin hojjetan.’—Isaayaas 65:21-23.

  • Dhukkuba ni balleessa. “Isaan keessaa namni tokko illee, ‘Na dhukkuba’ kan jedhu hin jiru.”—Isaayaas 33:24.

  • Dulluma irraa bilisa nu godha. “Dhagni isaa kan saafelaa caalaatti haa haaraʼu! Akka bara dargaggummaa isaattis haa deebiʼu!”—Iyoob 33:25.

  • Warra duʼan duʼaa kaasa. ‘Saʼaatiin namoonni duʼanii awwaala yaadannoo keessa jiran hundi sagalee [Yesuus] itti dhagaʼan ni dhufa; awwaala keessaas ni baʼu.’—Yohaannis 5:28, 29.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi