LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Leewwota 19:11
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 11 “‘Hin hatinaa;+ hin gowwoomsinaa;+ akkasumas wal hin sobinaa.

  • Keessa Deebii 5:19
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 19 “‘Hin hatin.+

  • Maarqos 10:19
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 19 Ajajawwan, ‘Hin ajjeesin,+ hin ejjin,+ hin hatin,+ sobaan ragaa hin baʼin,+ hin gowwoomsin,+ abbaa kee fi haadha tee kabaji’+ jedhan beekta.”

  • 1 Qorontos 6:9, 10
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 9 Yookiin namoonni jalʼoota taʼan Mootummaa Waaqayyoo akka hin dhaalle hin beektanii?+ Hin dogoggorinaa.* Warri halaleen,*+ warri waaqolii tolfamoo waaqeffatan,+ ejjitoonni,+ warri gadhaaʼan,+ warri nama gadhoomsan,*+ 10 hattoonni, sassattoonni,+ warri machaaʼan,+ warri nama arrabsanii fi saamtonni Mootummaa Waaqayyoo hin dhaalan.+

  • Efesoon 4:28
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 28 Inni hatu kana booda hin hatin; kanaa mannaa, nama rakkateef wanta kennu akka qabaatuuf+ harka isaatiin jabaatee hojii gaarii haa hojjetu.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi