LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Keessa Deebii 32:35
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 35 Haaloo baʼuunii fi adabuun kan koo ti;+

      Yeroo murteeffametti miilli isaanii ni mucucaata;+

      Guyyaan badiisa isaanii dhihaateera,

      Wanti isaan eeggatus dafee ni dhufa.’

  • Iyyaasuu 24:19
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 19 Achiis Iyyaasuun sabichaan akkana jedhe: “Isin Yihowaa tajaajiluu hin dandeessan; sababiin isaas inni Waaqa qulqulluu dha;+ akkasumas Waaqa namoonni guutummaatti akka isaaf bulan barbaadu dha.+ Inni balleessaa* keessanii fi cubbuu keessan isiniif hin dhiisu.+

  • Roomaa 2:5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 5 Haa taʼu malee, mata jabina kee fi yaada geddarachuu diduu keetiin kan kaʼe, guyyaa dheekkamsaa fi guyyaa murtiin Waaqayyoo inni qajeelaan itti mulʼatuuf dheekkamsa ofii keetiif kuufachaa jirta.+

  • 2 Pheexiros 2:4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 4 Waaqayyo maleekota warra cubbuu hojjetan+ adabuu irraa duubatti hin jenne; kanaa mannaa, Inxoroxoos*+ keessatti isaan darbatee, dukkana cimaa keessatti funcaadhaan isaan hidhee* murtiidhaaf isaan kaaʼeera.+

  • Yihudaa 14, 15
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 14 Eeyyee, Heenok+ inni Addaamii jalqabee dhaloota torbaffaa taʼe, waaʼee isaanii akkana jedhee raajii dubbateera: “Kunoo, Yihowaan* maleekota isaa qulqulluu kumaatama hedduu*+ taʼanii wajjin dhufeera; 15 kan dhufes hundumatti murteessuuf,+ akkasumas wanta gadhee namoonni Waaqayyoon hin sodaanne karaa Waaqayyoof ulfina hin fidneen hojjetan hundumaa fi wantoota suukanneessaa namoonni Waaqayyoon hin sodaanne isa irratti dubbatan hundumaa saaxiluufi.”+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi