LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Lakkoofsa 6:23-27
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 23 “Akkana jedhii Aaronii fi ilmaan isaatti himi: ‘Akka kanaan saba Israaʼel eebbisaa.+ Akkana isaaniin jedhaa:

      24 “Yihowaan si haa eebbisu,+ si haa eegus.

      25 Yihowaan fuula isaa siif haa ibsu,+ isa birattis fudhatama argadhu.

      26 Yihowaan fuula isaa gara keetti haa deebisu, nagaas siif haa kennu.”’+

      27 Akkan isaan eebbisuufis+ isaan maqaa koo saba Israaʼel irra haa kaaʼan.”+

  • Keessa Deebii 10:8
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 8 “Akkuma hamma harʼaatti gochaa jiranitti, taabota kakuu Yihowaa akka baataniif,+ isa tajaajiluuf Yihowaa dura akka dhaabbatanii fi maqaa isaatiin akka eebbisaniif+ yeroo sanatti Yihowaan gosa Leewwii adda ni baase.+

  • Keessa Deebii 21:5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 5 “Achiis Leewwonni warri luboota taʼan haa dhihaatan; sababiin isaas, Waaqni kee Yihowaan akka isa tajaajilanii fi maqaa Yihowaatiin akka eebbisan+ isaan filateera.+ Isaan humnaan nama irratti kaʼuu dabalatee falmiin akkamii iyyuu akkamitti furmaata argachuu akka qabu ni murteessu.+

  • 1 Seenaa Baraa 23:13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Ilmaan Amraam Aaronii+ fi Musee+ turan. Haa taʼu malee, Aaron, innii fi ilmaan isaa Kutaa Hundumaa Caalaa Qulqulluu Taʼe akka qulqulleessaniif, Yihowaa duratti aarsaawwan akka dhiheessaniif, akka isa tajaajilanii fi yeroo hunda maqaa isaatiin uummaticha akka eebbisaniif,+ yeroo hundumaatiif adda baafamanii turan.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi