-
Leewwota 7:34Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
34 Ani aarsaawwan gamtaa isa Israaʼelonni dhiheessan irraa handaraafa horii aarsaa sochoofamu taʼee dhihaatee fi luka isa gaʼee qulqulluu taʼee dhihaate nan fudhadha; Israaʼelotaaf dambii dhaabbataa akka taʼuufis Aaron lubichaa fi ilmaan isaatiif nan kenna.+
-
-
Leewwota 10:14Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
14 Kana malees ati, ijoolleen dhiiraa kee fi ijoolleen durbaa kee warri sii wajjin jiran+ handaraafa aarsaa sochoofamuu fi luka gaʼee qulqulluu taʼe+ sana iddoo qulqulluu keessatti nyaadhaa; sababiin isaas, wantoonni kun aarsaawwan gamtaa Israaʼelonni dhiheessan keessaa gaʼee kee fi gaʼee ilmaan keetii akka taʼaniif kan kennamani dha.
-
-
Lakkoofsa 18:9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 Wantoota hundumaa caalaa qulqulluu taʼanii fi aarsaawwan ibiddaan dhihaatan keessaa aarsaawwan midhaanii+ isaanii, aarsaawwan cubbuu+ isaanii fi aarsaawwan yakkaa+ isaanii warra gara kootti fidan dabalatee aarsaan isaan dhiheessan hundi kan kee ni taʼa. Kun sii fi ilmaan keetiif hundumaa caalaa qulqulluu dha.
-
-
Keessa Deebii 18:4Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
4 Midhaan kee isa jalqabaa, daadhii wayinii kee isa haaraa, zayitii kee fi rifeensa bushaayee kee irraa jalqaba murame isaaf kenni.+
-
-
1 Qorontos 9:13Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
13 Namoonni tajaajila qulqulluu raawwatan, wanta mana qulqullummaa keessa jiru irraa akka nyaatanii fi namoonni yeroo hunda iddoo aarsaatti tajaajilan iddoo aarsaa sana irraa qooda isaanii akka fudhatan hin beektanii?+
-