LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Lakkoofsa 29:39
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 39 “‘Kennaawwan wareegaa+ keessanii fi aarsaawwan fedhiidhaan dhiheessitan+ warra akka aarsaa keessan isa gubamuutti,+ akka aarsaawwan midhaanii+ keessaniitti, akka aarsaawwan dhugaatii+ keessaniittii fi akka aarsaawwan gamtaa+ keessaniitti dhiheessitan sana malees, ayyaanota keessan warra yeroo murtaaʼetti kabajamanitti+ wantoota kana Yihowaadhaaf ni dhiheessitu.’”

  • Keessa Deebii 12:6
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 6 Aarsaawwan keessan warra gubaman,+ aarsaawwan keessan warra kaan, kurnoowwan keessan,*+ buusii harka keessan irraa kennitan,+ kennaawwan wareegaa keessan, kennaawwan keessan warra fedhiidhaan kennitan,+ akkasumas loonii fi bushaayee keessan keessaa warra jalqaba dhalatan achitti geessitu.+

  • 1 Seenaa Baraa 29:9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 9 Namoonni sun garaa guutuudhaan Yihowaadhaaf kennaawwan kana waan kennaniif, isaan kennaawwan kana fedhiidhaan kennuu isaaniitti baayʼee ni gammadan;+ Daawit mootichis baayʼee ni gammade.

  • 2 Seenaa Baraa 35:8
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 8 Bulchitoonni isaas sabichaaf, lubootaa fi Leewwotaaf fedhiidhaan kennaa ni kennan. Hilqiyaan,+ Zakkaariyaasii fi Yehiʼel warri geggeessitoota mana Waaqa dhugaa taʼan aarsaawwan Faasikaa 2,600 fi loon 300 lubootaaf ni kennan.

  • Izraa 2:68
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 68 Isaan mana Yihowaa isa Yerusaalem keessatti argamu bira yommuu gaʼan, dura buutonni manneen abbootii tokko tokko manicha idduma isaa duriitti+ deebisanii ijaaruuf* mana Waaqa dhugaatiif kennaa fedhiidhaan kennamu+ ni kennan.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi