LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Uumama 9:6
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 6 Waaqayyo akka bifa isaatti nama waan tolcheef,+ nama dhiiga namaa dhangalaasu kam iyyuu namni kan biraan dhiiga isaa ni dhangalaasa.+

  • Baʼuu 21:12
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 “Namni rukutee nama ajjeese kam iyyuu haa ajjeefamu.+

  • Lakkoofsa 35:31
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 31 Namni lubbuu balleesse mamii tokko malee ajjeefamuu waan qabuuf, lubbuu nama duʼuu qabu kanaatiif furii hin fudhatinaa.+

  • Keessa Deebii 19:11-13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 11 “Haa taʼu malee, namni tokko nama kan biraa jibbee+ riphee eeggachuudhaan akka malee rukutee yoo isa* madeesse, namni sunis yoo duʼe, innis magaalota kana keessaa gara isa tokkootti yoo baqate, 12 jaarsoliin magaalaa isaa achii isa fichisiisanii nama haaloo baʼutti dabarsanii isa haa kennan; innis haa ajjeefamu.+ 13 Ati* isaaf hin gaddin; gaarii akka siif taʼuufis yakka dhiiga qulqulluu dhangalaasuudhaan dhufu Israaʼel keessaa balleessi.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi