-
Baʼuu 40:36Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
36 Israaʼelonnis yeroo lafa onaa keessa deemaa turan hundumaatti yeroo duumessi sun godoo qulqulluu sana irraa kaʼu dunkaana isaanii achii ni buqqisu turan.+
-
-
Lakkoofsa 2:9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 “Warri raayyaawwan waraanaa buufata Yihudaa keessatti galmeeffaman walumaa galatti 186,400 turan. Isaan jalqaba irratti dunkaana isaanii buqqisanii deemu.+
-
-
Lakkoofsa 2:16, 17Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
16 “Warri raayyaawwan waraanaa buufata Ruuben keessatti galmeeffaman walumaa galatti 151,450 turan; isaan lammaffaa irratti dunkaana isaanii buqqisanii ni deemu.+
17 “Dunkaanni walgaʼichaa yommuu iddoo biraatti geeffamu,+ buufanni Leewwotaa buufatawwan kaan gidduu haa taʼu.
“Isaan tokkoon tokkoon isaanii iddoo isaanii utuu hin gadhiisin akkuma buufatanii turan sanatti, akka garee isaanii isa gosa sadi sadiin hirametti haa deeman.+
-
-
Lakkoofsa 2:24Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
24 “Warri raayyaawwan waraanaa buufata Efreem keessatti galmeeffaman walumaa galatti 108,100 turan; isaan sadaffaa irratti dunkaana isaanii buqqisanii ni deemu.+
-
-
Lakkoofsa 2:31Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
31 “Warri raayyaawwan waraanaa buufata Daan keessatti galmeeffaman walumaa galatti 157,600 turan. Isaan akka garee isaanii isa gosoota sadi sadiin hirametti xumura irratti dunkaana isaanii haa buqqisan.”+
-