-
Lakkoofsa 4:15Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 “Buufatichi bakka tokkoo gara bakka kan biraa dhaquuf kaʼuu isaa dura, Aaronii fi ilmaan isaa iddoo qulqulluu fi miʼawwan iddoo qulqulluu hundumaa uwwisanii xumuruu qabu.+ Achiis ilmaan Qehaat isaan baachuuf ni seenu;+ haa taʼu malee, iddoo qulqulluu sana tuquu hin qaban; yoo akkana godhan ni duʼu.+ Dunkaana walgaʼii wajjin haala wal qabateen itti gaafatamummaan* ilmaan Qehaat qaban kana dha.
-
-
Lakkoofsa 4:20Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
20 Isaan ol seenanii yeroo gabaabaadhaaf illee wantoota qulqulluu ilaaluu hin qaban; akkana yoo godhan garuu ni duʼu.”+
-
-
Lakkoofsa 16:39, 40Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
39 Kanaafuu, Eleʼazaar lubichi qodaawwan ibiddaa sibiila diimaa warra namoonni ibiddaan gubatan sun dhiheessan fuudhee iddoo aarsaa sana uwwisuuf ni tume; 40 kanas kan godhe akkuma Yihowaan karaa Musee isatti himetti ture. Kunis namni sanyii Aaron keessaa hin taanee fi isaaf hin heyyamamne* kam iyyuu Yihowaa duratti ixaana aarsuuf akka hin dhihaanne,+ akkasumas eenyu iyyuu akka Qoraa fi akka deggertoota isaa akka hin taane Israaʼelota kan yaadachiisu dha.+
-