-
Baʼuu 14:11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 Museedhaanis akkana jedhan: “Nuti lafa onaa keessatti akka duunuuf asitti kan nu fidde biyya Gibxii keessa iddoon awwaalchaa waan hin jirreefii?+ Biyya Gibxii keessaa nu baastee wanti nu irratti raawwatte kun maali dha?
-
-
Baʼuu 17:3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
3 Sabichis achitti akka malee bishaan waan dheeboteef, “Ati nuun, ilmaan keenyaa fi horiiwwan keenya dheebuudhaan ajjeesuuf biyya Gibxii keessaa maaliif nu baaste?” jedhee Musee irratti gungumuu isaa itti fufe.+
-
-
Lakkoofsa 16:13, 14Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
13 Lafa onaa keessatti nu ajjeesuuf biyya aannanii fi damma maddisiistu keessaa nu baasuun kee sitti hanqatee?+ Amma immoo bulchaa hundumaa irra caalu nu irratti of gochuu* barbaaddaa? 14 Kana malees, ati biyya aannanii fi damma maddisiistu kamitti iyyuu nu hin galchine yookiin maasii fi maasii wayinii dhaalaan nuuf hin kennine.+ Maarree, namoonni kun akka jaamaatti si duukaa akka buʼan* barbaaddaa? Nuti hin dhufnu!”
-