LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Baʼuu 15:11
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 11 Yaa Yihowaa, waaqolii gidduudhaa kan akka keetii eenyu?+

      Akka kee qulqullummaadhaan hundumaa irra kan caalu eenyu?+

      Ati sodaatamuu fi jajamuu qabda; wantoota dinqisiisoo taʼanis situ raawwata.+

  • 2 Saamuʼel 7:22
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 22 Yaa Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa, ati dhuguma iyyuu guddaa+ kan taate kanaafi. Kan akka keetii tokko illee hin jiru;+ si malee Waaqni hin jiru;+ wanti gurra keenyaan dhageenye hundi kana mirkaneessa.

  • 1 Mootota 8:23
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 23 akkana jedhe: “Yaa Yihowaa Waaqa Israaʼel, tajaajiltoota isaa warra garaa isaanii guutuudhaan isa dura deemaniif+ kakuu isaa kan eeguu fi jaalala amanamaa+ kan argisiisu ol samii irrattis taʼe gad lafa irratti Waaqni akka keetii hin jiru.+

  • Faarfannaa 86:8
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  8 Yaa Yihowaa, waaqolii gidduudhaa kan akka keetii hin jiru,+

      Hojiin kan akka hojii keetiis hin jiru.+

  • Ermiyaas 10:6, 7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  6 Yaa Yihowaa, kan akka keetii hin jiru.+

      Ati guddaa dha, maqaan kees guddaa fi jabaa dha.

       7 Yaa Mootii sabootaa,+ kan si hin sodaanne eenyu? Ati sodaatamuu qabda;

      Sababiin isaas, ogeeyyii sabootaa hundumaa gidduudhaa, mootummoota isaanii hundumaa gidduudhaas,

      Kan akka keetii tokko illee hin jiru.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi