Baʼuu 17:2 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 2 Kanaafuu sabichi, “Bishaan dhugnu nuuf kenni” jedhanii Musee loluu jalqaban.+ Museen garuu, “Maaliif naan loltu? Maaliif Yihowaa qortu?”+ isaaniin jedhe. Baʼuu 17:7 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 7 Israaʼelonni Musee waan lolaniif, akkasumas, “Yihowaan nu gidduu jira moo hin jiru?” jedhanii Yihowaa waan qoraniif,+ inni maqaa iddoo sanaa Maasaa*+ fi Mariibaa*+ jedhee moggaase. Faarfannaa 95:8, 9 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 8 Akkuma Mariibaatti* taʼetti,+Akkuma lafa onaa keessatti guyyaa Maasaatti* taʼettis+ garaa keessan didaa hin godhinaa; 9 Yeroo sanatti abbootiin keessan na qoraniiru;+Hojiiwwan koo kan argan taʼus, na shakkaniiru.+ Ibroota 3:8, 9 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 8 akka yeroo dheekkamsa guddaadhaaf na kakaasan sanaa, akka guyyaa lafa onaa keessatti na qoran sanaa garaa keessan didaa hin godhinaa;+ 9 abbootiin keessan waggaa 40f hojiiwwan koo kan ilaalan taʼus iddoo sanatti na qoran.+
2 Kanaafuu sabichi, “Bishaan dhugnu nuuf kenni” jedhanii Musee loluu jalqaban.+ Museen garuu, “Maaliif naan loltu? Maaliif Yihowaa qortu?”+ isaaniin jedhe.
7 Israaʼelonni Musee waan lolaniif, akkasumas, “Yihowaan nu gidduu jira moo hin jiru?” jedhanii Yihowaa waan qoraniif,+ inni maqaa iddoo sanaa Maasaa*+ fi Mariibaa*+ jedhee moggaase.
8 Akkuma Mariibaatti* taʼetti,+Akkuma lafa onaa keessatti guyyaa Maasaatti* taʼettis+ garaa keessan didaa hin godhinaa; 9 Yeroo sanatti abbootiin keessan na qoraniiru;+Hojiiwwan koo kan argan taʼus, na shakkaniiru.+
8 akka yeroo dheekkamsa guddaadhaaf na kakaasan sanaa, akka guyyaa lafa onaa keessatti na qoran sanaa garaa keessan didaa hin godhinaa;+ 9 abbootiin keessan waggaa 40f hojiiwwan koo kan ilaalan taʼus iddoo sanatti na qoran.+