LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Keessa Deebii 28:15
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 “Haa taʼu malee, ajajawwanii fi dambiiwwan isaa warra ani harʼa si ajaju kana hundumaa eeguu dhiisuudhaan sagalee Waaqa kee Yihowaa dhagaʼuu yoo didde, abaarsawwan kun baayʼinaan si irra ni gaʼu:+

  • Keessa Deebii 28:23
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 23 Samiin sii olitti argamu sibiila diimaa, lafti si jalatti argamus sibiila ni taʼa.+

  • 1 Mootota 8:35, 36
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 35 “Isaan irra deddeebiʼanii si irratti cubbuu hojjechuu isaaniitiin kan kaʼe+ samiin cufamee bokkaan roobuu yommuu didutti,+ ati gad waan isaan qabdeef* isaan gara iddoo kanaatti kadhannaa yoo dhiheessan, maqaa keetiif ulfina yoo kennanii fi cubbuu isaanii irraa yoo deebiʼan,+ 36 samii keessaa isaan dhagaʼiitii cubbuu tajaajiltoota kee saba Israaʼeliif dhiifama godhi; daandii isa gaarii irra deemuu qaban isaan barsiisi;+ biyya kee isa saba keetiif dhaalaan kennite irrattis bokkaa roobsi.+

  • 2 Seenaa Baraa 7:13, 14
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Ani samii yoon cufee fi bokkaan roobuu yoo dide, biyyattii akka nyaatuuf kuruphisa yoon ajajee fi saba koo gidduutti golfaa yoon erge, 14 sabni koo warri maqaa kootiin waamaman+ yoo gad of qaban,+ kadhannaa yoo dhiheessan, fuula koo yoo barbaaddatanii fi daandii isaanii isa hamaa irraa yoo deebiʼan,+ ani samii keessaa isaan nan dhagaʼa; cubbuu isaanii isaaniif nan dhiisa; biyya isaaniis nan fayyisa.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi