LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Baʼuu 17:14
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 14 Yihowaanis Museedhaan, “‘Ani yaadannoo Amaaleq samii jalaa guutummaatti haxaaʼee nan balleessa’+ jedhiitii akka yaadannootti kitaaba keessatti barreessi, Iyyaasuuttis himi” jedhe.

  • 1 Saamuʼel 14:47, 48
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 47 Saaʼolis Israaʼel irratti mootummaa isaa ni cimsate; diinota isaa kallattii hundumaatiin jiran jechuunis, Moʼaabota,+ Amoonota,+ Edoomota,+ mootota Zoobaa+ fi Filisxeemota+ ni waraane; bakka deeme hundumaattis isaan injifata ture. 48 Gootummaadhaan Amaaleqota+ waraanee isaan injifate; Israaʼelotas harka warra isaan saaman jalaa ni oolche.

  • 1 Saamuʼel 15:1-3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 Achiis Saamuʼel Saaʼoliin akkana jedhe: “Yihowaan saba isaa Israaʼel irratti mootii godhee akkan si dibu kan erge anaan ture;+ ammas wanta Yihowaan jedhu dhagaʼi.+ 2 Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: ‘Yommuu Israaʼelonni Gibxiidhaa baʼan karaa irratti waan isaan mormaniif, wanta isaan isaan irratti raawwataniif ani Amaaleqota nan adaba.+ 3 Ammas dhaqi, Amaaleqota rukuti;+ isaaniinis taʼe wanta isaan qaban hundumaa guutummaatti balleessi.+ Isaan keessaa tokko illee hin hambisin;* dhiiras taʼe dubartii, ijoollees taʼe daaʼima, qotiyyoos taʼe hoolaa, gaalas taʼe harree, hunduma isaanii ajjeesi.’”+

  • 1 Seenaa Baraa 4:42, 43
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 42 Simiʼoonota keessaa tokko tokko, jechuunis namoonni 500 Pelaatiyaa, Neʼaariyaa, Refaayaa fi Uuziʼel warra ilmaan Yishii taʼanii fi isaan geggeessanii wajjin gara Gaara Seʼiir+ dhaqan. 43 Achiis Amaaleqota+ warra miliqanii hafan kaan ni rukutan; isaanis hamma harʼaatti achi jiraatu.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi