-
Uumama 15:18-21Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
18 Guyyaa sanatti Yihowaan akkana jedhee Abraamii wajjin kakuu gale:+ “Ani laga Gibxiitii jalqabee hamma laga isa guddaatti, jechuunis hamma laga Efraaxisitti,+ biyya kana sanyii keetiif nan kenna;+ 19 kunis biyya Qeenotaa,+ biyya Qeenizotaa, biyya Qaadmootaa, 20 biyya Heetotaa,+ biyya Pheriizotaa,+ biyya Refaayim,+ 21 biyya Amoorotaa, biyya Kanaʼaanotaa, biyya Girgaashotaa fi biyya Yebuusotaa+ ti.”
-
-
Abbootii Murtii 3:5Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 Kanaafuu, Israaʼelonni Kanaʼaanota,+ Heetota, Amoorota, Pheriizota, Hiiwotaa fi Yebuusota gidduu ni jiraatan.
-
-
1 Mootota 9:20, 21Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
20 Haa taʼu malee, namoota Amoorota, Heetota, Pheriizota, Hiiwotaa fi Yebuusota+ irraa hafan hunda warra kutaa Israaʼelotaa hin taanee+ fi 21 sanyiiwwan isaanii warra biyyattii keessatti hafan, jechuunis warra Israaʼelonni guutummaatti balleessuu hin dandeenye sana garboota taʼanii hojii dirqamaa akka hojjetaniif Solomoon isaan ni filate; isaan hamma harʼaatti garboota taʼanii hojjetu.+
-