LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Leewwota 27:29
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 29 Kana malees, namni yakkamaan* badiisaaf adda baafame kam iyyuu furamuu hin qabu.+ Inni mamii tokko malee haa ajjeefamu.+

  • Keessa Deebii 7:16
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 16 Saboota Waaqni kee Yihowaan dabarsee sitti kennu hundumaa ni balleessita.*+ Kun kiyyoo waan sitti taʼuuf,+ isaaniif hin gaddin,*+ waaqolii isaaniis hin tajaajilin.+

  • 1 Saamuʼel 15:3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Ammas dhaqi, Amaaleqota rukuti;+ isaaniinis taʼe wanta isaan qaban hundumaa guutummaatti balleessi.+ Isaan keessaa tokko illee hin hambisin;* dhiiras taʼe dubartii, ijoollees taʼe daaʼima, qotiyyoos taʼe hoolaa, gaalas taʼe harree, hunduma isaanii ajjeesi.’”+

  • 1 Saamuʼel 15:9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 9 Haa taʼu malee, Saaʼolii fi namoonni sun Agaagiin, akkasumas bushaayee, loon, horii coccoomoo, korbeeyyii hoolaa warra gaggaarii taʼanii fi wanta gaarii taʼe hundumaa utuu hin balleessin dhiisan.*+ Guutummaatti isaan balleessuu hin barbaanne. Meeshaawwan gatii hin qabnee fi hin barbaadamne hundumaa garuu guutummaatti ni balleessan.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi