LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 1 Saamuʼel 28:4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 4 Filisxeemonni walitti qabamanii dhaqanii Shunaam+ keessa buufatan. Saaʼolis Israaʼelota hundumaa walitti qabe; isaanis Gilboʼaa+ keessa buufatan.

  • 1 Saamuʼel 31:1
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 31 Filisxeemonni Israaʼelotaa wajjin wal waraanaa turan.+ Namoonni Israaʼelis Filisxeemota duraa ni baqatan; baayʼeen isaanii Gaara Gilboʼaa+ irratti ni ajjeefaman.

  • 2 Saamuʼel 1:6
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 6 Dargaggeessichis akkana jedhee isaaf deebise: “Ani akkuma tasaa Gaara Gilboʼaa+ irran ture; achittis Saaʼol eeboo isaatti hirkatee ture; gaariiwwan fardaa fi abbootiin fardeeniis isa bira gaʼanii turan.+

  • 1 Seenaa Baraa 10:8-12
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 8 Borumtaa isaa Filisxeemonni miʼa warra duʼan sanaa saamuuf yommuu dhufan, Saaʼolii fi ilmaan isaa Gaara Gilboʼaa irratti kukkufanii argan.+ 9 Kanaafuu, Saaʼoliin ni saaman; mataa isaa ni muran; meeshaa waraanaa isaas irraa ni fudhatan; oduun isaas manneen waaqolii tolfamoo+ isaanii keessatti, akkasumas namoota isaanii gidduutti akka odeeffamuuf gara guutummaa biyya Filisxeemotaatti dhaamsa ergan. 10 Achiis meeshaa waraanaa isaa mana* waaqolii isaanii keessa kaaʼan; buqqee mataa isaa immoo mana Daagon+ keessatti fannisan.

      11 Namoonni Yaabeesh+ ishii Giiliyaaditti argamtu keessa jiraatan hundi wanta Filisxeemonni Saaʼol irratti raawwatan hundumaa yommuu dhagaʼan,+ 12 loltoonni hundi kaʼanii reeffa Saaʼolii fi reeffa ilmaan isaa fudhatanii deeman. Gara Yaabeeshitti isaan fidanii lafee isaanii muka guddaa Yaabeesh+ keessatti argamu jalatti awwaalan; guyyaa torbaafis ni sooman.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi