LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 1 Saamuʼel 2:31
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 31 Kunoo, mana kee keessaa namni dulluma bira gaʼu tokko illee akka hin jiraanne gochuuf, guyyaan ani jabina* kee fi jabina mana abbaa keetii itti kutu ni dhufa.+

  • 1 Saamuʼel 2:34
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 34 Wanti ilmaan kee lamaan Hofnii fi Finahaas irra gaʼu kun siif mallattoo ni taʼa: Lamaan isaanii iyyuu guyyuma tokkotti ni duʼu.+

  • 1 Saamuʼel 4:3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Loltoonni sun gara buufata isaaniitti yommuu deebiʼan jaarsoliin Israaʼel akkana jedhan: “Yihowaan nuti harʼa Filisxeemotaan akka moʼamnu maaliif heyyame?*+ Kottaa, nu bira taʼee harka diinota keenyaa jalaa akka nu oolchuuf taabota kakuu Yihowaa Shiiloodhaa haa finnu.”+

  • 1 Saamuʼel 4:17
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 17 Namichi oduu sana fide sunis, “Israaʼelonni warra Filisxeem jalaa baqataniiru; sabichi moʼameera;+ ilmaan kee lamaan Hofnii fi Finahaas duʼaniiru;+ Taabonni Waaqa dhugaas boojiʼameera”+ jedhee itti hime.

  • Faarfannaa 78:61
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 61 Mallattoon jabina isaa akka boojiʼamu godhe;

      Simboo isaas harka diinaatti dabarsee kenne.+

  • Faarfannaa 78:64
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 64 Luboonni isaa goraadeedhaan dhumaniiru,+

      Dubartoonni isaanii warri abbaan manaa irraa duʼes hin boonye.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi