-
Uumama 39:7-9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
7 Wantoota kana booda, haati manaa gooftaa isaa ija ishii Yoseef irra buufachuu jalqabde; achiis, “Anaa wajjin ciisi” isaan jette. 8 Inni garuu tole hin jenne; haadha manaa gooftaa isaatiinis akkana jedhe: “Kunoo, gooftaan koo mana kana keessatti wanta na harka jiru tokko illee hin beeku; wanta qabu hundumaa imaanaadhaan anatti kenneera. 9 Mana kana keessatti namni ana irra caalu hin jiru; wanta hundumaa naaf kenneera; inni anaaf kan hin kennine si qofa; sababiin isaas, ati haadha manaa isaa ti. Maarree, ani badii guddaa kana akkamittan raawwadha? Waaqayyo irrattis akkamittan cubbuu hojjedha?”+
-
-
1 Mootota 15:5Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 Kun kan taʼe, Daawit wanta Yihowaa duratti sirrii taʼe waan raawwateefi; inni Uuriyaa Heetichaa wajjin haala wal qabateen wanta raawwateen alatti, bara jireenyaa isaa guutuu wanta inni isa ajaje kam irraa iyyuu hin jalʼanne.+
-