LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Uumama 39:7-9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 7 Wantoota kana booda, haati manaa gooftaa isaa ija ishii Yoseef irra buufachuu jalqabde; achiis, “Anaa wajjin ciisi” isaan jette. 8 Inni garuu tole hin jenne; haadha manaa gooftaa isaatiinis akkana jedhe: “Kunoo, gooftaan koo mana kana keessatti wanta na harka jiru tokko illee hin beeku; wanta qabu hundumaa imaanaadhaan anatti kenneera. 9 Mana kana keessatti namni ana irra caalu hin jiru; wanta hundumaa naaf kenneera; inni anaaf kan hin kennine si qofa; sababiin isaas, ati haadha manaa isaa ti. Maarree, ani badii guddaa kana akkamittan raawwadha? Waaqayyo irrattis akkamittan cubbuu hojjedha?”+

  • 1 Mootota 15:5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 5 Kun kan taʼe, Daawit wanta Yihowaa duratti sirrii taʼe waan raawwateefi; inni Uuriyaa Heetichaa wajjin haala wal qabateen wanta raawwateen alatti, bara jireenyaa isaa guutuu wanta inni isa ajaje kam irraa iyyuu hin jalʼanne.+

  • Faarfannaa 5:6
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  6 Warra soba dubbatan ni balleessita.+

      Yihowaan namoota hammina raawwatanii fi warra kaan gowwoomsan* ni balfa.+

  • Faarfannaa 11:4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  4 Yihowaan mana qulqullummaa isaa isa qulqulluu keessa jira.+

      Teessoon Yihowaa samiiwwan keessa jira.+

      Ijji isaa ni ilaala; ijji isaa inni dammaqinaan argus* ilmaan namootaa ni qora.+

  • Ibroota 13:4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 4 Gaaʼelli hundumaa biratti kabajamaa haa taʼu, ciisichi gaaʼelaas qulqulluu haa taʼu;+ sababiin isaas, Waaqayyo namoota halalee* fi ejjitoota taʼanitti ni murteessa.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi