LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 1 Saamuʼel 24:6, 7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 6 Namoota isaatiinis, “Inni isa Yihowaan dibe waan taʼeef, ani gooftaa koo isa Yihowaan dibe irratti harka koo kaasee wanta akkanaa isa irratti raawwachuun Yihowaa duratti wanta hin yaadamne dha”+ jedhe. 7 Kanaafuu, Daawit kana dubbatee namoota isaa ni dhowwe;* akka isa miidhanis isaaniif hin heyyamne. Saaʼol garuu holqa sana keessaa baʼee karaa isaa qajeele.

  • 1 Saamuʼel 26:9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 9 Daawit garuu Abishaayiin, “Ati isa hin miidhin; ofii, namni isa Yihowaan dibe+ irratti harka isaa kaasee, yakka irraa walaba taʼuu dandaʼu jiraa?”+ jedhe.

  • 1 Saamuʼel 26:11
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 11 Isa Yihowaan dibe irratti harka koo kaasuun anaaf Yihowaa duratti wanta hin yaadamne dha!+ Kanaafuu, amma eeboo fi miʼa bishaanii mataa isaa bira jiru fuudhiitii haa deemnu.”

  • Faarfannaa 3:1, 2
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Yaa Yihowaa, diinonni koo akkanatti hedduu kan taʼan,+

      Namoonni baayʼeenis ana irratti kan kaʼan maaliifi?+

       2 Namoonni hedduun waaʼee koo,*

      “Waaqayyo isa hin oolchu”+ jechaa jiru. (Seelaa)*

  • Faarfannaa 7:1
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 7 Yaa Waaqa koo Yihowaa, ani sitti kooluu galeera.+

      Warra na ariʼatan hundumaa jalaa na oolchi, na baraaris.+

  • Faarfannaa 71:10, 11
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 10 Diinonni koo na mormanii dubbatu,

      Warri lubbuu koo balleessuu barbaadan waliin taʼanii,+

      11 “Waaqayyo isa dhiiseera.

      Kan isa oolchu tokko illee waan hin jirreef, ariʼaa isa qabaa” jedhanii na irratti mariʼatu.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi