-
1 Seenaa Baraa 21:18-23Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
18 Achiis maleekaan Yihowaa Daawit ol baʼee, oobdii Ornaan Yebuusichaa irratti Yihowaadhaaf iddoo aarsaa akka ijaaru+ akka itti himu Gaaditti+ dubbate. 19 Kanaafuu, Daawit dubbii Gaad dhagaʼee akkuma inni maqaa Yihowaatiin isatti dubbatetti ol baʼe. 20 Kana gidduutti Ornaan garagalee maleekaa sana arge; ilmaan isaa warri isaa wajjin turan arfanis ni dhokatan. Yeroo kanatti Ornaan qamadii dhaʼaa ture. 21 Daawit yommuu gara isaa dhufus, Ornaan ol jedhee ilaalee Daawit gara isaa dhufaa akka jiru arge; innis yeruma sana bakka oobdii sanaa gad baʼee lafatti gombifamee Daawitiif sagade. 22 Daawitis Ornaaniin, “Ani Yihowaadhaaf iddoo aarsaa akkan irratti ijaaruuf, oobdii kee natti gurguri.* Dhaʼichi namoota kana irra gaʼaa jiru akka dhaabbatuuf,+ gatii guutuudhaan natti gurguri” jedhe. 23 Ornaan garuu Daawitiin akkana jedhe: “Akkasumaan fudhadhu; gooftaan koo mootichi wanta gaarii fakkaatee isatti mulʼate* haa godhu. Kunoo, ani aarsaa gubamu akka taʼaniif loon, qoraan akka taʼuuf konkolaataa* ittiin midhaan siribsiisanii+ fi aarsaa midhaanii akka taʼuuf qamadii nan qopheessa. Ani wantoota kana hundumaa nan kenna.”
-