LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 2 Saamuʼel 24:18-23
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 18 Kanaan kan kaʼes, Gaad guyyaa sanatti gara Daawititti seenee, “Ol baʼiitii, oobdii Arawunaa Yebuusichaa irratti Yihowaadhaaf iddoo aarsaa ijaari” isaan jedhe.+ 19 Kanaafuu, Daawit dubbii Gaad dhagaʼee akka Yihowaan isa ajajetti ol baʼe. 20 Arawunaan gad ilaalee mootichii fi tajaajiltoonni isaa gara isaa dhufaa akka jiran yommuu argu, yeruma sana gad baʼee lafatti gombifamee mootichaaf sagade. 21 Arawunaanis, “Gooftaan koo mootichi gara ana tajaajilaa isaa kan dhufe maaliifi?” jedhee isa gaafate. Daawitis, “Dhaʼichi namoota kana irra gaʼaa jiru akka dhaabbatuuf,+ oobdii kee bitee Yihowaadhaaf iddoo aarsaa ijaaruufan dhufe” jedhee isaaf deebise. 22 Arawunaan garuu Daawitiin akkana jedhe: “Gooftaan koo mootichi bakka oobdii kana fudhatee, wanta gaarii fakkaatee isatti mulʼate* haa dhiheessu. Loon aarsaa gubamuuf taʼan kunoo ti; konkolaataan* ittiin midhaan siribsiisanii fi miini qotiyyoo qoraaniif taʼus kunoo ti. 23 Yaa mootii, wantoota kana hundumaa Arawunaan mootichaaf ni kenna.” Achiis Arawunaan mootichaan, “Waaqni kee Yihowaan si haa eebbisu” jedhe.

  • 2 Seenaa Baraa 3:1
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Achiis Solomoon Yerusaalem keessatti, Gaara Mooriyaa+ isa Yihowaan abbaa isaa Daawititti itti mulʼatee ture,+ jechuunis iddoo Daawit bakka oobdii Ornaan+ Yebuusichaa irratti qopheesse irratti mana Yihowaa ijaaruu jalqabe.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi