-
2 Seenaa Baraa 6:32, 33Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
32 “Kana malees, namni biyya ormaa saba kee Israaʼel keessaa hin taanee fi maqaa kee isa guddaa,+ harka kee isa jabaa fi irree kee isa diriirfameen kan kaʼe biyya fagoodhaa dhufee gara mana kanaatti kadhannaa yoo dhiheesse,+ 33 ati bakka jireenyaa kee samii keessaa dhagaʼi; sabni lafa irraa hundi akkuma saba kee Israaʼel maqaa kee akka beekanii+ fi akka si sodaataniif, akkasumas maqaan kee mana ani ijaare kana irratti akka waamamu akka beekaniif, wanta namni biyya ormaa sun si kadhate hunda isaaf godhi.
-
-
Isaayyaas 56:6, 7Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
6 Namoota biyya ormaa warra isa tajaajiluuf,
Maqaa Yihowaa jaallachuuf,+
Tajaajiltoota isaa taʼuufis Yihowaatti maxxanan,
Warra Sanbata eeganii fi isa hin xureessine,
Warra kakuu koo cimsanii eegan hundumaa,
7 Gara gaara koo isa qulqulluutti nan geessa,+
Mana kadhannaa koo keessattis isaan nan gammachiisa.
Aarsaawwan isaanii warri guutummaatti gubamanii fi aarsaawwan isaanii warri kaan iddoo aarsaa koo irratti fudhatama ni argatu.
Sababiin isaas, manni koo saboota hundumaatiif mana kadhannaa jedhama.”+
-