LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 1 Mootota 16:30, 31
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 30 Ahaab ilmi Omrii Yihowaa duratti wanta warra isa dura turan hunda caalaa hammaatu ni raawwate.+ 31 Ahaab daandii Yeroboʼaam+ ilma Nebaat irra deemuun isaa iyyuu itti hanqatee, Iizaabel+ ishii intala Etbaʼaal isa mootii Siidoonotaa+ taʼe sanaa ni fuudhe; akkasumas Baʼaaliin tajaajiluu+ fi isaaf sagaduu ni jalqabe.

  • 2 Mootota 3:1
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Yoshaafaax mootiin Yihudaa mootii taʼee waggaa 18ffaa isaatti Yooraam+ ilmi Ahaab Samaariyaa keessa taaʼee Israaʼel irratti mootii taʼe; waggaa 12fis ni bulche.

  • 2 Mootota 3:3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Haa taʼu malee, inni cubbuuwwan Yeroboʼaam ilmi Nebaat Israaʼelonni akka hojjetan godhetti ni ciche.+ Isaan irraas hin gorre.

  • 2 Mootota 10:31
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 31 Haa taʼu malee, Yehuun garaa isaa guutuudhaan akka Seera Yihowaa Waaqa Israaʼelitti deemuuf of hin eegganne.+ Inni cubbuu Yeroboʼaam Israaʼelonni akka hojjetan godhe irraa hin deebine.+

  • 2 Mootota 13:1, 2
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Yoʼaas+ ilmi Akaaziyaa+ mootiin Yihudaa mootii taʼee waggaa 23ffaa isaatti, Yehoʼahaaz ilmi Yehuu+ Samaariyaa keessa taaʼee Israaʼel irratti mootii taʼe; waggaa 17fis ni bulche. 2 Inni wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe ni raawwate; cubbuu Yeroboʼaam ilmi Nebaat Israaʼelonni akka hojjetan godhe hojjechuu isaas itti fufe.+ Isa irraas hin garagalle.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi