LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Baʼuu 20:3-5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Ana biratti* waaqolii kan biroo akkamii iyyuu hin qabaatin.+

      4 “Wanta ol gubbaa samii keessa jiru yookiin gad lafa irra jiru yookiin lafa jala bishaan keessa jiru kam iyyuu fakkeessitee ofii keetiif fakkii bocame yookiin fakkii kan biraa hin tolfatin.+ 5 Ati isaaniif hin sagadin yookiin gowwoomfamtee isaan hin tajaajilin;+ sababiin isaas, ani Waaqni kee Yihowaan Waaqa namoonni guutummaatti akka isaaf bulan barbaadu,+ akkasumas warra isa jibban cubbuu abbootiitiif ilmaan irratti, dhaloota sadaffaa irrattii fi dhaloota arfaffaa irratti adaba fidu dha;

  • Baʼuu 23:24
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 24 Waaqolii isaaniitiif hin sagadin yookiin gowwoomfamtee isaan hin tajaajilin; gocha isaaniis hin hordofin.+ Kanaa mannaa, isaan balleessi; siidaawwan waaqeffannaa isaaniis caccabsi.+

  • Baʼuu 34:14
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 14 Yihowaan Waaqa namoonni guutummaatti akka isaaf bulan barbaadu* taʼuu isaatiin beekamu* waan taʼeef, waaqa kan biraatiif hin sagadin.+ Eeyyee, inni Waaqa namoonni guutummaatti akka isaaf bulan barbaadu dha.+

  • Keessa Deebii 5:9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 9 Ati isaaniif hin sagadin yookiin oofamtee isaan hin tajaajilin;+ sababiin isaas, ani Waaqni kee Yihowaan Waaqa namoonni guutummaatti akka isaaf bulan barbaadu,+ akkasumas warra isa jibban cubbuu abbootiitiif ilmaan irratti, dhaloota sadaffaa irrattii fi dhaloota arfaffaa irratti adaba fidu dha;+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi